Xumuramuu ji’oota gannaa hordofee waqtiin bonaa yoo dhufu haalli qilleensichaa waan ho’uuf wal hormaata bookee busaaf haala mijataa uuma. Yeroo baay’ee waqtii kanatti dhukkubicha ittisuuf durfamee kan irratti hojjetamuuf kanuma sababeeffachuunidha. Jiraataan aanaa Dawaa Caffaa ganda Garbii obbo Adam Mahaammad “dhukkubni busaa ganda keenyatti baroota darbanitti mudachaa ture” jedhaniiru. Gama isaaniin dhukkuba busaa ofirraa ittisuuf qe’ee isaanii qulqulleessuun cinatti Saaphana Siree fayyadamaa jiraachuu addeessaniiru. Jiraataan kun ollaa waliin ta’uun bakkeewwan balfi dhangala’aa jiru maqsuufi qulqulleessuu isaaniiti kan himan. Barana keemikaala farra bookee busaa biifuufi saaphana siree raabsuu irratti gama waajjira fayyaa aanaa isaaniitiin harkifannaan akka jiru kaasaniiru. Isaan garuu, naannoo ofii qulqulleessuu dabalatee hojii of eeggannoo taasisuun gahee mataa isaanii bahachuun fayyummaa isaanii haala gaariin eeggachaa jiraachuu himaniiru.
Itti aanaan itti gaafatamaa Waajjira Fayyaa aanaa Dawaa Caffaa, Mahaammad Yimaam, haalli teessuma aanaa isaanii sulula Caffaa keessatti waan argamuuf walhormaata bookee busaaf mijaatadha jedhaniiru. Haalli kun carraa jiraattonni aanichaa dhukkuba busaaf saaxilamuuf qaban olaanaa taasisa jedhaniiru. Sadarkaa aanichaatti ji’a Adoolessaabara 2017 irraa kaasee hanga walakkeessa Fulbaanaa bara 2018 tti namoonni dhukkuba busaaf saaxilaman 520 ta’uu yaadataniiru. Kunneen gara mana wal’aansaa deemuun wal’aansa atattamaa argatanii jiraachuu eeraniinu. Kan bara darbeen wal bira qabamee yoo madaalamu hojii ittisaa ciminaan hojjetameen aanichatti faffaca’insa dhukkubichaa hir’isuun danda’amuu mirkaneessaniiru.
Qarmammeewwaniifi buufataalee fayyaa aanichaa hunduu ogeessota fayyaa gahumsa qabaniin hojii ittisa dhukkuba busaa ciminaan hojjechaa jiraachuu kan himan itti aanaan itti gaafatamaa kun, jiraattota fayya buleeyyii horachuuf gandoota hunda keessatti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Obbo Mahaammad ”waqtiin keessa jirru waqtii wal hormaata bookee busaaf mijataa ta’uu isaan walqabatee yeroo ammaa hubannoo kennuun hawaasa hirmaachisne hojii qulqullina naannoo eeguu hojjechaa jirra” jedhaniiru. Aanichatti bookeen busaa ji’oota Fulbaanaa hanga Sadaasaatti wal horuuf haalli mijataa waan jiruuf hawaasni kana hubannoo keessa galchuun mala ittiin bookeen busaa dhabamsiifamuu danda’uu hundaarratti fuulleffachuun hojjechuu akka qabu jajjabeessaa akka jiranis ibsaniiru. Akka obbo Mahaammad jedhanitti, jiraattonni aanichaa sagantaa qabachuun guyyaa Jimaataa duulaan bahanii bakkeewwan walhormaata bookee busaaf mijatoo ta’an ni qulqulleessu.
‘’Jiraattonni gorsa ogeessa fayyaa sirriitti fayyadamuu irratti hanqinni akka jiru hubanneerra; ammas itti fayyadama irratti manaa manatti deemamee hojjetamaa jira. Bara kana saaphanni sireefi keemikaalli farra bookee busaa jiraattotaaf hin raabsamne’’ kan jedhan obbo Mahaammad, yeroo dhihoo keessatti deebii akka argatuuf qaama dhimmi ilaaluuf gaaffiin dhihaatee jiraachuu dubbataniiru. Xumura irratti hawaasni naannoo isaa qulqulleessuu, saaphana sireetti sirnaan fayyadamuufi yoo mallattoo dhibichaa ofiif maatii irratti arge ariitiin buufata wal’aansaa deemuun dawaa argachuu akka qabu gorsaniiru.
Itti aantuun itti gaafatamtuu Qajeelcha Fayyaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo aadde Aanshaa Mahammaad, bulchiinsichatti tatamsa’inni dhukkuba busaa yeroo gara yerootti gadi bu’aa dhufuu himaniiru. Bulchiinsicha keessa gandoonni 129 jiraachuu eeranii, kanneen keessaa gandoota 51 kan dhukkubni busaa keessatti baay’atu adda baafachuun ittisa irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Gabaasni kanaan dura dhukkuba busaan walqabatee gabaafamaa ture irraa dhibbantaa 30 hir’achuu kaasaniiru. Wal’aansaan walqabatee rakkoon kan hinjirre ta’uu kaasanii, ta’us hanqinni Saaphana Siree jiraachuu dubbataniiru. Akka isaan jedhanitti, naannoo Amaaraa irraa saaphana siree kuma 11 fi 300 kan aanaa tokkoof oolu qofa argataniiru. Kun hundaaf waan wal hin geenyeef yeroof jiraattonni saaphana siree baroota darban isaaniif raabsame akka fayyadaman hubachiisaniiru. Kunis akka furmaata yerootti fudhatamuu eraniiru. Ta’us bakka bookeen busaa itti wal horu adda baafachuun keemikaalli farra bookee buusaa biifamuu kaasaniiru. Sadarkaa bulchiinsichaatti ji’oota laman darbanitti namoota kuma 10 fi 490’f ittisa dhukkuba busaan walqabatee hubannoon kennamuu kaasaniiru.
Aadde Aanshaan gara fuulduraatti uummata hirmaachisuun dhukkuba busaa bulchiinsa isaanii keessaa balleessuuf ciminaan ni hojjennas jedhaniiru. Inistitiyuutiin Fayyaa Naannoo Amaaraa Fulbaana 16/2018 ibsa baaseen tatamsa’inni dhukkuba busaa kan bara darbeen wal biratti yoo madaalamu gadi bu’ee jiraachuu beeksiseera. Daayrektarri inistitiyuutii Fayyaa naannichaa Balaay Bazzaabbih, bara darbe waqtii walfakkaataa kanatti torban tokkootti namoonni kuma 80 dhukkuba busaan shakkaman gabaafamaa turuu yaadachiisaniiru. Ji’a Adoolessaa bara 2017 hanga walakkeessa Fulbaanaa 2018tti namoota dhukkubichaan shakkaman keessaa namoonni kumn 881 ol adda baafaman keessaa namoonni kumn 297 ol dhukkuba busaaf saaxilamuun wal’aansa argachuu daayrektaarichi himaniiru. Kunis kan bara darbee waliin yeroo ilaalamu hir’achuu agarsiisa jedhaniiru.
Busaan dhukkubaa lubbuu namaaf yaaddessaa ta’e gosa paaraasaayitii afuriin nama qabatudha. Paaraasaayitoonni kunneen bookee busaa dhaltuu faalamteen namarraa namatti darbu. Yeroo baayyee dhibeen busaa kan daddarbu wayita bookeen busaa dhaltuun ‘Anopheles mosquitoe’ jedhamtu nama hiddituudha. Mallattoolee dhukkuba busaa ho’ina qaamaa fi dafqisiisuu, qorrisiisuu, qaamni hurgufamuu, dhukkubbii mataa, maashaafi laphee, rakkoo afuura baafachuu, qufaa akkasumas, mallattoolee ciccimoo akka of wallaaluu, socho’uu, nyaachuufi dhuguu dadhabuu, jeeqamuu, iji gara bifa keellootti jijjiiramuufi ol deebisa cimaan mallattoo dhibichaa ta’uu himama. Yeroo baay’ee mallattooleen dhukkubichaa guyyoota 10-15 gidduutti mul’atu. Sa’aatii 24 gidduutti hin yaalamnu yoo ta’e busaan faalsipaaram jedhamu dhukkuba jabaa lubbuu galaafachuu danda’utti nama geessuu danda’a.
Guddinaa Asaffaatiin