Guddinni Dinagdee Biyyoota Sahaaraan Gadii Akka Dabalu Baankiin Addunyaa Beeksise

Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa Sahaaraan gadii bara kana keessa guddina dinagdee saffisaa dhibbantaa 3.8 ta’e akka galmeessisan Baankiin Addunyaa beeksiseera. Tarkaanfii warri imaammata baasan qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf fudhatan akka sababa tokkootti kan dhiheesse Baankiin Addunyaa, waggoota lamaan itti aanan keessatti guddinni kun akka itti fufu ta’uu addeesseera. Guddinni kun ji’a Eblaa keessa kan turerraa dhibbantaa 3.5 kan dabale biyyoota akka Itoophiyaa keessatti sharafa alaafi qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuun, akkasumas dhala baankii hir’isuun hojii hojjetameen ta’uu Baankichi gabaasa isaa ‘Afrikaa Puuls’ jedhu waggaa lama keessatti baasuun mul’iseera. Akka gabaasa Roytersitti, “haalonni mijatoo kunneen baasiin dhuunfaafi invastimantiin akka dabalu taasisaa jiraachuu” Baankichi gabaasa isaa keessatti ibseera.

Waggoota lamaan dhufan keessa guddinni waggaa giddu-galeessaan gara dhibbantaa 4.4 tti akka ol guddatu Baankiin Addunyaa addeesseera. Kun ammoo tilmaama dhibbantaa 4.3 duran ture caaleera. Baankiin Addunyaa biyyoota 47 naannawa (qaxanaa) sana keessa jiran keessaa tilmaamni guddina dinagdee biyyoota 30 akka ol guddatutti fooyyeeffameera jechuun gabaasa isaa keessatti eereera “Gatiin qaala’insa jireenyaa giddu-galeessaa dhibbantaa afur gadi kan ta’edha. Dabalataan ammoo, maallaqni ittiin walirraa bitan baayyeen dolaara bira yeroo qabaman laafanii turan amma dandamatanii tasgabbaa’aniiru” jechuun Baankii Addunyaatti Ikonomistiin olaanaa Afrikaa Andiriiwu Dabaalan dubbataniiru. Qaxanaa kana keessatti kanneen dinagdee gurguddoo qaban keessaa tilmaama guddina dinagdee Itoophiyaa, Naajeeriyaafi Ayivorii Kosti fooyyeesseera Baankichi.

Galiin lammiilee ishee bara kanaafi waggoota lamaan itti aanan saffisaan guddata jechuun Baankiin Addunyaa beeksisuu isaa Royitarsi gabaaseera. Dinagdeen qaxanicha keessa jiru tasgabbii dhabuu daldalaa sababa imaammata pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraampiin uumameen qoramaa jiraachuu ibseera. Dabalataan, dhiibbaa liqaa olaanaafi hojii dhabuu dargaggootaa miliyoonaan lakkaa’aman biyyoota naannoo kana keessa jiraniif yaaddoo ta’uullee kaaseera. Waliigaltee daldalaa ijoo Ameerikaafi biyyoota Afrikaa gidduu jiru ‘’AGOA’’ ilaalchisuun, “danqaaleen daldalaa ammallee ifatti ni mul’atu. Mariin baayyeen taasifamaa jiru “jechuun Baankii Addunyaatti Ikonomistiin Olaanaa Afrikaa Andiriiwu Dabaalan, dubbataniiru.

Baankiin Addunyaa gabaasa isaa kanaan mootummoonni kaampaaniiwwan xixiqqoofi giddu-galeessa ta’an jabeessuuf haala daldalaa fooyyeessuun carraawwan hojii uumuurratti akka xiyyeeffatan yaadachiiseera. Baankii Addunyaatti Ikonomistiin Olaanaa Afrikaa Andiriiwu Dabaalan,”hojiiwwan kunneen miindaa gaarii kan argamsiisaniifi jireenya amansiisaa kan uuman ta’uu qabu” jedheera. Itti dabaluun, biyyoota kanneen keessatti carraawwan hojii uumaman afur keessaa harka sadii kan ta’u seektara idilee hin taane keessattidha. Carraa hojii dhabuufi komiiwwan biroo bara darberra kaasee Keeniyaa, Naajeeriyaafi Maadagaaskaar keessatti mormiin dargaggootaan geggeeffaman diddaa ummataa kaasaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo