Daa’imman yeroo dhalatan irraa jalqabee hanga ji’a jahaatti harma haadhaa qofa hoosisuun ni gorfama. Harma qofa hoosisuu jechuun daa’imman hanga ji’a jahaa guutanitti bishaan dabalatee nyaata biroo waan tokkollee utuu itti hin kenniin harmuma haadhaa qofa hoosisuu jechuudha. Harmi haadhaa bishaan dabalatee waan nyaatamu hundumaa waan ofkeessaa qabuuf daa’immaniif haalaan mijatadha. Harma hoosisuun jaalala haadhaafi daa’ima gidduu akka cimsullee ogeessonni fayyaa ni himu. Daa’imman ji’a jaha guutan nyaata dabalataa soorachuu danda’u. Guddinni sammuufi qaamaa ji’a jahaa booda waan ariifatuuf harmi haadha qofti albuudota nyaatota biroo keessa jiran guutuu waan hin dandeenyeef kanaafuu nyaata dabalataa nyaachisuun murteessaadha.
Jiraataan aanaa Dawaa Caffaa ganda Garbii obbo Indiris Hasan, guddina daa’immaniif nyaanni bakka olaanaa qabaachuu isaa hubatanii, daa’imman isaaniif hanga dandeettii isaaniitti nyaata madaalamaa guddina isaaniif oolu soorachiisaa jiraachuu himaniiru. ‘’Haati tokko daa’ima fayya qabeessa ta’e deessee guddisuuf nyaata gahaatu ishee barbaachisa’’ kan jedhan jiraatichi, daa’ima qabaniin cinatti haati manaa isaanii nyaata madaalamaa akka soorattuuf jajjabeessaa jiraachuu dubbataniiru. Yeroo ulfaatti haati manaa isaanii waan dadhabduuf hojiilee garagaraa gargaaruun dabalatee nyaata haadhaafi guddina daa’imaaf gargaaru kan dhiheessan ta’uu eeraniiru.
Dabalataan, jiraataan magaalaa Kamisee Sheeh Yusuuf Yimaam, ulfa duraafi booda haadha tokkoof wantoonni baay’een kan barbaachisan ta’uu isaa ogeessota fayyaa irraa yeroo garagaraatti hubannoo argachaa turuu kaasaniiru. ‘’Nyaata madaalawaa argachuun cinatti haati tokko hordoffii fayyaa ulfaa duraafi boodaa taasisuun murteessaadha’’ kan jedhan jiraataan kun, yeroo haati manaa isaanii garaatti baattuuf erga daa’ima deesseen boodatti haadha manaa isaaniif kunuunsa gahaa taasisaa turuufi jiraachuu himaniiru. Akkasumas daa’ima dhalatuuf ji’a jahaan boodatti harma haadhaan cinatti nyaata dabalataa albuudota garagaraan badhaadhan dhiheessaa jiraachuu eeraniiru.
Itti gaafatamtuun waajjira Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Hawaasummaa bulchiinsa magaalaa Kamisee aadde Aanshaa Alii, haati tokko dahuu isheetiin duratti qophii dursaa ishee barbaachisa jedhaniiru. Akka isaan jedhanitti, haati tokko erga ulfaa’uu ishee hubatteen boodatti daa’ima fayyaalessa argachuuf talaallii eegaluufi nyaata madaalawaa fudhachuutu irraa eegama. Gaafa da’umsaallee mana wal’aansaa naannawaa isheetti dhihoo jirutti dahuu akka qabdu hubachiisaniiru. Kunis fayyaa haadhaafi daa’imaaf gahee olaanaa qabaachuu yaadachiisaniiru. Haati ulfaa ulaagaa kana guutte daa’ima gama hundaan guutuu ta’e argachuu kan dandeessu ta’uu aadde Aanshaan himaniiru. Daa’imni tokko erga dhalateen boodatti ji’oota jahaaf harma haadhaa qofa hodhuu akka qabuufi sanaan boodatti ammoo nyaata dabalataa guddina qaamaafi sammuu daa’imaaf oolu argachuu akka qabu ogeessota fayyaa waliin hawaasa hubachiisaa turuufi jiraachuu dubbataniiru.
Daa’imman ji’a jaha yoo guutan marqaa lallaafaa nyaachisuun barbaachisaa ta’uu himanii, aannan harmaa haadhaan alatti nyaata daa’immaniif tolan kennuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Aadde Aanshaan fayyaa haadholii eeguun dabalataatti daa’imman erga dhalatanii eegalee wantoota isaan barbaachisu argachuun walqabatee waajjira fayyaa bulchiinsa magaalaa Kamisee waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu addeessaniiru. Buufata Fayyaa Bulchiinsa magaalaa Sanbatee irraa ogeessa fayyaa ta’uun kan tajaajilan Misgaanaa Geetachoo, gahee nyaanni madaalawaa guddina fayyaa daa’immaniif qabu irratti yaada nuuf qoodaniiru. Haati ulfaa tokko torbee 12 osoo hin guutiin talaallii eegaluu akka qabdu dubbataniiru. Sanaan boodatti yeroo saddeeti gara buufata wal’aansaatti deddeebi’uun talaallii fudhachuu akka qabdu hubachiisaniiru. Akkasumas, ciniinsuun yoo itti dhufe gara wal’aansa fayyaa deemuun erga deesseen boodatti daa’ima dhalate guyyaa 45 booda talaallii jalqabsiisuu qabdis jedhaniiru. Qulqullina daa’imaallee eeguun guddina daa’imaaf shoora qabaachuu kaasaniiru.
Ogeessichi guddinni daa’immanii yoo jedhamu guddina qaamaa, sammuu, qor-qalbiifi bilchina hawaasummaa kan ofkeessatti hammatu ta’uu eeraniiru. Dagaagina olitti caqafamaniif haallan baay’een jiraataniyyu isaan keessaa ”gahee olaanaa kan qoodatu nyaatadha” jedhu oggeessichi. Akka isaan jedhanitti guddina daa’immanii keessatti nyaanni gahee lama kan taphatudha. Inni duraa seelonni qaama keessatti hojiiwwan adda addaa raawwatan gahumsa akka gonfatan taasisuufi inni lammataa guddina qaamaa argamsiisuudha” jedhaniiru. Guddinni sammuun walqabatu dandeettii wantoota hubachuu, yaaduufi sababaan waan tokko raawwachuu kan ilaallatu ta’uu himaniiru. Akka ogeessi kun jedhanitti, daa’imman ji’oota jahaaf harma haadhaa qofa hodhaniifi nyaataa dabalataa argatan guddina sammuu olaanaa qabu.
Guddina hawaasummaa keessatti ammoo, nyaanni daa’immaniif dhihaatu kunuunsa maatiin waan walitti hidhatuuf sammuufi walitti dhufeenyi namoota waliin qaban akka sirnaan dagaaguuf ni gargaara jedhan ogeessichi. Daa’imman umuriin isaanii waggaa lamaan gadi jiran guddinni hunda galeessaa isaanii saffisaa ta’uu eeraniiru. Nyaanni daa’imman umurii kanatti sooratan guddina qaamaa fayya qabeessa, (ulfaatina qaamaafi dheerina) akka qabaataniif kan gargaaru ta’uu isaa dubbataniiru. Akkasumas, sooranni madaalawaa sooratan dandeettii dhukkuba irraa ittiin of ittisan akka cimsataniif hojii baay’ee murteessaa ta’e kan hojjetudha jedhaniiru. Keessumattuu, waggoota lamaan jalqabaa keessatti sirna soorataa daa’imman irratti xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta’uu isaa gorsaniiru. Daa’ima fayya qabeessa egeree biyyaaf abdii ta’u uumuuf jaalalli haadhaafi abbaa murteessaa waan ta’eef maatiin kunuunsa daa’immanif bakka guddaa kennuu akka qabu hubachiisaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin


