Oomishaafi oomishtummaa guddisuuf galteewwan qonnaa murteessoo ta’an keessaa tokko xaa’oodha. Xaa’oon haala nam-tolcheefi uumamaan qopheessuun ni danda’ama. Keessumattuu xaa’oon uumamaa gabbina biyyeetiif bu’aa guddaa waan qabuuf baasii gadaanaan kan qophaa’u waan ta’eef qonnaan bulaan xaa’oo uumamaa naannawa jireenyasaatti qopheessee akka itti fayyadamuuf taasifamaa jira. Xaa’oon uumamaa gabbina biyyee dabaluufis ta’e baasii xiqqaan kan oomishamu ta’uu isaan fayyadamummaa qonnaan bulaa dabaluuf gumaacha guddaa qaba. Gama kanaan Waajjirri Qonnaa aanaa Dawaa Caffaa hojichaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira.
Xaa’oon uumamaa galtee qonnaa biyyee gabbisu kan agarsiisu yoo ta’u, balfoota garaagaraa, hafteewwan nyaataa, kuduraaleefi muduraaleen erga itti fayyadamanii booda gara xaa’ootti kan jijjiiramudha. Xaa’oon uumamaa qopheessuuf wantoota burkutaa’uu danda’an fayyadamuun barbaachisaadha. Xaa’oon uumamaa gabbina biyyeetiif furmaataadha. Faalama hir’isuuf, balfa orgaanik ta’e irra deebiin fayyadamuufi baasii xaa’oofi galteewwan oomisha qonnaa biroof barbaachisan hir’isuuf faayidaa olaanaa qaba. Xaa’oon uumamaa qonnaan-bulaan kamiyyuu qopheeffachuu kan danda’udha. Xaa’oo uumamaa qopheessuuf boolla qophessuu bishaan baayyee guddaa hin taane bulleessuuf gargaaru qopheessuu, galatee kan akka dikee horii, haftee midhaanii, aramaa gosa adda addaa, daaraafi kosii adda addaa tortoruu danda’an fayyadamuun barbaachisaadha. Yoo xiqqaate si’a lama garagalchuun akka inni wal nyaatu ykn walitti makamu gochuunis barbaachisaadha.
Jiraataan aanaa Dawaa Caffaa ganda Garbii, obbo Indiris Anteeneh bara darbe haftee kuduraafi fuduraa irraa Xaa’oo uumamaa qopheessuun fayyadamoo ta’uu danda’uu isaanii dubbataniiru. Ganda isaaniitti kanaan dura hafteen oomishaalee garagaraa daandii irratti gatamuun rakkoo fayyaaf nama saaxilaa haalli itti ture jiraachuu yaadataniiru. Yeroo ammaa gorsa ogeessota qonnaa irraa argataniin haftee oomishaalee kanarraa xaa’oo uumamaa qopheessuun bara qonnaa 2017/18 lafa hektaara tokko qotuun mishingaa ittiin facaafachuu himaniiru. Xaa’oon uumamaa oomishaafi oomishtummaa guddisuu keessatti xaa’oo nam-tolcheerra fooyyee akka qabu dubbataniiru. Qonna Arfaasaa baranaaf ooyiruu qonnaa isaanii xaa’oo uumamaan gabbisuun callaa fooyyee qabu argachuuf xaa’oo uumamaa qopheessuu irratti argamuu isaaniiti qonnaan bulaan kun kan dubbatan. Adeemsa qophii xaa’oo uumamaa keessatti ogeessi qonnaa ganda isaaniitti argamu itti dhiheenyaan tumsaa jiraachuu qote bulaan kun himaniiru.
Akka obbo Indiris jedhanitti, xaa’oon uumamaa lafa qonnaa dhiqama biyyeetiif saaxilame wallaanuun oomishaafi oomishtummaan akka guddatu gochuuf gumaacha olaanaa qaba. “Lafti qonnaa yeroo tokko xaa’oo uumamaan wallaaname hanga waggaa sadiitti oomishaaf ooluu ni danda’a” kan jedhan qonnaan bulaan kun, kanas baroota hojii qonnaa darbanitti mirkaneeffachuun muuxannoo isaanii qoodaniiru. Qonnaan bulaan kun akka himanitti, baroota baay’ee xaa’oo nam-tolcheetti dhimma bahuun oomishaa turaniiru. Akka isaan jedhanitti, keemikalli xaa’oo kana keessatti argamu gabbina ooyiruu qonnaa isaanii gadi buusuun bu’aan achirraa argamu akka xiqqaatu jalaa taasiseera. Xaa’oon uumamaa immoo oomishaafi oomishtummaa guddisuu bira darbee gabbina biyyee kan dabalu ta’uu obbo Indiris muuxannoo qabaniin wal bira qabanii ibsaniiru.
Aanichatti jiraataan ganda Taraf Jamaal Daawud, xaa’oon uumamaa haala salphaa ta’een kan qophaa’uufi baasii hin malleerraa qonnaan bultoota kan baraaru ta’uu dubbataniiru. Muuxannoo waggoota darban irraa argataniin, xaa’oo uumamaatti fayyadamuun bu’aa baay’ee akka argatanidha qonnaan bulaan kun kan kaasan. Lafti isaanii gabbachuun oomishaafi oomishtummaan yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuu himaniiru. Bara kanaaf, bu’aa caalu argachuuf kan waggoota darbanii caalaa xiyyeeffannoo kennanii oomishtummaa isaanii guddisuuf xaa’oo kana qopheeffachaa jiraachuufi qonnaan bultoota kanneen biroof dhimma kana irratti muuxannoo qaban qoodaa akka jiran kaasaniiru.
Waa’ee xaa’oo uumamaa ilaalchisee ogeessonni maal jedhu? Ogeessi Qonnaa ganda Garbii Ahmad Hasan, barbaachisummaa xaa’oo uumamaa irratti xiyyeeffachuun hubannoo qonnaan bulaaf erga kennanii boodatti wiirtuu leenjii qonnaan bultootaa gandichaa keessatti qonnaan bultoota walitti qabuun boolla xaa’oon uumamaa itti qophaa’u meetirkiyuubii 20 qotanii adeemsa qophii xaa’oo uumamaa qonnaan bultoota kanneen barsiisuu himaniiru. Akka isaan jedhanitti, gandichatti qonnaan bultoonni 60 ol xaa’oo uumamaa haalaan qopheessaa jiru. Adeemsa qophii isaa keessatti akka ogeessaatti deggersa barbaachisaa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa aanaa Dawaa Caffaa Indiris Mahaammad aanichatti oomisha Arfaasaa bara darbee irraa callaan gaarii argamuu dubbataniiru. Bara qonnaa Arfaasaa 2018/19 irraa galiin fooyyee qabu akka argamuuf gandoota aanichaa 25 keessatti xaa’oo nam-tolchee cinatti xaa’oon uumamaa meetirkiyuubii kuma 125 ol qopheessuuf karoorsanii hojjechaaa jiraachuu dubbataniiru. Hamma gabaasni kun qindaa’etti raawwiin karoorichaa dhibbentaa 60 ol ta’uu eeranii, hojicha irratti qonnaan bultoonni kuma 4 fi 131 ol hirmaachuu addeessaniiru. “Galii qonnaan bultootaa dabaluuf gandoota aanaa keenyaa hundattuu xaa’oon uumamaa qophaa’aa jira” kan jedhan obbo Indiris, xaa’oon kun hafteewwan bu’aa uumamaa biyya keessatti argaman irraa waan oomishamuuf baasiiwwan xaa’oo nam-tolchee biyya alaatii galuu hambisuun gabbina biyyee dabaluun qonni itti fufinsa qabu akka adeemsifamuuf tumsa olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Xaa’oon nam-tolchee gatiin isaa qaala’aa deemuu bira darbee, adeemsa keessa biyyeen akka dhukkubsatu ni taasisa jedhaniiru. Biyyee dhukkubsate kana wal’aanuufis xaa’oo uumamaa fayyadamuun barbaachisaa ta’uu isaa ibsaniiru. “Xaa’oon keemikaalaa callaa guddisuuf oolus caasaa biyyeefi lubbu-qabeeyii biyyee keessa jiran ni miidha” kan jedhan obbo Indiris, xaa’oon uumamaa ammoo caasaa biyyee kan eeguufi gabbina biyyee dabaluuf akka gargaaru himaniiru. Xaa’oon uumamaa albuudota guddina midhaaniif barbaachisan 14 ol ofkeessaa qabaachuu eeranii, xaa’oon nam-tolchee garuu albuudota 3 qofa kan ofkeessatti hammate ta’uu itti gaafatamichi ibsaniiru. Kana malees, biyyeen xaa’oo uumamaa argate bishaan sirriitti qabachuun dhiqama biyyee ittisuuf gargaara jedhaniiru. Sadarkaa aanichaatti fedhii qonnaan bultoonni xaa’oo uumamaaf qaban hojii hubannoo uumuu hojjatameen dabalaa dhufuu isaa kan himan obbo Indiris, fedhii qonnaan bultootaa guutuuf hojicha babal’isuun dandeettii raawwachiisummaa aanichaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hanqina xaa’oo biyyee furuuf bakka xaa’oo nam-tolchee, xaa’oo uumamaa fayyadamuun rakkoo gama kanaan dhufuu danda’an furuuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru. Xaa’oon uumamaa al-tokko yoo facaafame waggoota sadii hanga waggoota shaniitti waan tajaajiluuf, qonnaan bultoonni baasii hin malleef akka hin saaxilamneef ni gargaara jedhaniiru. Xaa’oo uumamaa bal’inaan fayyadamuun gatii xaa’oo warshaa dabalaa jiruufi gabbina biyyee hir’achaa jiru furuuf shoora olaanaa qabaachuu isaas kaasaniiru. Aanichatti, bara kana qonna Arfaasaan lafa heektaara kuma 16 ol misoomsuuf karoorri qabamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Guddinaa Asaffaatiin


