Daldaltoota Seeraan Alaarratti Tarkaanfiin Fudhatamaa Jira

Itoophiyaatti qaala’insi jireenyaa haala itti fufinsa qabuun daran  dabalaa dhufuun, jireenya lammiilee hammaataa taasiseera. Keessattuu, qaala’insa gatii wantoota bu’uuraa hawaasni guyyaa guyyaan fayyadamurratti mul’atu jireenya lammiilee qoraa jira. Mootummaan  waltajjiiwwan adda addaa irratti qaala’insi gatii hir’achaa jiraachuufi tasgabbaa’a jiraachuu hubachisaa jiraachuus gatiin wantoota bu’uuraa nyaataaf oolan irratti jijjiiramni qabatamaan hin mul’anne. Inummayyuu gatii oomishaawwan adda addaafi zayita nyaataa irratti daballiin gatii yeroo irraa gara yerootti daran dabalaa jiraachuu ilaaluun ni danda’ama.

Ministrri muummee Abiy Ahmad (Dr) mana maree bakka bu’oota uummataa bara hojii 5ffaa marsaa 6ffaa yaa’ii idilee 2ffaa irratti ibsaniin, tarkaanfiiwwan garagaraa fudhatamaniin qaala’insi gatii hir’achuusaa himaniiru. Kanaaf akka sababaatti kan eeraman gama dhiheessa damee qonnaatiin bal’inaan hojjetamuu, walitti hidhamiinsi gatii gabaa Sanbataafi Dilbataa bal’isuun gurgurtootaafi shamattoota kallattiin walitti fiduun akkasumas deggarsi taasifamuun isaatiini jedhaniiru. Baatii Onkololeessa keessa qaala’insi dhibbantaa 11 tuqaa 7tti gadi bu’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Mootummaan kana jedhus qaala’insi gatii olka’usaatiin lammiileen  maatii isaanii nyaachisani buluuf yeroo isaan rakkatan ni mul’atu. Keessattuu hojjetaan mootummaa  rakkichaaf daran saaxilamadha.

Obbo Ibraahim Mohaammad, jiraataa bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Jiillee Dhummugaati. Jiraataan kun mindaa mootummaarraa argataniini maatii isaanii kan bulchan. Haata’u malee qaala’insi jireenyaa hammaachaa dhufuurraa kan ka’e maatii bulchuun yeroo irraa gara yerootti ulfaataa dhufuu ibsaniiru. ‘’Namni miseensa maatii baay’ee qabu waan barbaachisu bitee jiraachisuun baay’ee ulfaataa ta’eera” jedhaniiru. Daldaltoonni bakkuma fidnuurraa dabale jechuun guyyaa guyyaadhaan gatii akka dabalan kaasaniiru. gatii har’a ittiin bitaniin boru akka hin arganne himaniiru. Miindaan dabalamuus mootummaan haala gabaa yoo hin tasgabbeesine, haala amma gatiin dabalaa jiruun yoo itti fufe nyaatanii buluun yaaddoo akka ta’u soda qaban ibsaniiru.

Hojjetaan mootummaa qaala’insa gatii uumame  akka dandamatuuf dhiheenya kana mootummaan daballii mindaa taasisera. Haata’u malee daldaltoonni seeraan alaa daballii mindaa hojjetaa mootummaaf taasifame sababeeffachuun faayidaa hin malle argachuuf hojjetaa jiran heddudha. Itti gaafatamtuun qajeelcha daldalaafi misooma gabaa bulchijnsa sablammii Oromoo, aadde Shibirree Ayyalaa, mootummaan gamasaatiin, daldaltoota seeraan alaa gatii dabalan seeraan gaafachuufi to’achuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Dambii daldalaa lakkoofsa 980/2008fi 813/2006’n akkasumas seera yakkaa bara 1996 darbuutiin waan adabsisuuf, daldaltoonni gatii hin mallee dabalan, hanqina namtolchee uumaniifi kanneen meeshaalee kuusan, akkasumas dhoksaan gocha isaanii irraa akka of qusatan yaadachiisaniiru. Bulchiinsa sablammiichaatti daldaltoota seeraan alaa gatii to’achuuf koreen dhaabbate hordoffiifi to’annoo taasisaa jiraachuu himaniiru. Gareen tokko dhaabbilee  daldaltoota irratti ragaa sassaabuufi gareen biraan immoo daldaltootaaf hojii hubannoo uumuu hundaa’e hojii qindaa’an hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hanga ammaattis akka bulchiinsa sablammiichaatti daldaltoota hojii seeraan alaa raawwatan 309, to’atamuufi kanneen keessaa daldaltoota 67 irratti akeekkachisni dhumaan kan keennameef yoo ta’u, daldaltoota 235 ta’an immoo manneen daldalaa isaanii saamsuu, daldaltoota torba irratti immoo eeyyamni isaanii guutummaan guutuutti haqamuufi irra deebiin gara hojii daldalummaatti akka seenne taasifamuu aadde Shibirreen ibsaniiru.

Erga tarkaanffiin fudhatamuu eegalee booda gatiin oomishaawwan kanneen akka xaafiifi boqqoloo gadi bu’e jiraachuu hubachisaniiru. Suukkaaraafi zayita nyaataa irratti daballiin xiqqoo jiraachuu eeraniiru. Caasaan daldalaa sadarkaan jiru qaamolee haqaafi nageenyaa waliin ta’uun  tasgabbii gabaa cimsuu, hordoffiifi to’annoo cimsuu, akkasumas adeemsi daldalaa haala tasgabbaa’aa ta’een itti fufuu akka danda’uuf namoota seera cabsan irratti tarkaanfiin naamusaa fudhachuu cimee itti fufee jiraachuu dubbataniiru.

Walumaagalaatti miindaan hojjettoota mootummaa muraasaaf dabalame, daballii gatiirratti kan miidhamu hawaasaa bal’aa waan ta’eef daldalttootni gatii seeraan alaa dabalan kan miidhaa jiran hawaasaa isaanii ta’u hubatanii gocha isaaniirra akka of qusatan itti gaafatamtuun kun dhaamsa isaanii dabarsaniiru.Haala walfakkaatuun,  magaalaa BaahirDaaritti  sababa amansiisaa hin taaneen, daldaltoota gatii zayita nyaataarratti dabalan 27 to’annaa jala ooluu qajeelchi daldalaafi misooma gabaa bulchiinsa magaalaa Baahir Daar ibseera. Kanaan alattis dhaabbiilee daldalaa 221fi kuusaawwan 8 saamsuun tarkaanffiin bulchiinsa fudhatamuu ibsameera.

Alamuu Balaayiin

 

 

 

 

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo