Waggoota dhihoorraa jalqabee Itoophiyaatti haala hin baratamneen qaala’insi jireenyaa uumamuu danda’eera. Qaala’insa jireenyaatiif sababoonni adda addaa jiraatanis kanneen haala nam-tocheetiin uumamanis jireenyi uummataa daran ulfaataa akka ta’u taasisaniiru. Keessumaayyuu daldaltoonni seeraan alaa daballi gatii muraasa ta’e ka’umsa gochuun gatii hin malleefi seera daldalaatiin hin eeyyamane yeroo daballii gatii taasisan ni hubatama. Dambii daldalaa lakkoofsa 980/2008fi 813/2006’n akkasumas seera yakkaa bara 1996 darbuutiin waan adabsisuuf, daldaltoonni gatii hin mallee dabalan, hanqina namtolchee uumaniifi kanneen meeshaalee kuusan, akkasumas dhoksaan gocha isaanii irraa akka of qusatan kan dirqisiisu akka ta’e ogessoonni ni dubbatu.
Akka biyya keenyaatti yeroo baay’ee kan hubatamu daballiin gatii kan uumamu yeroo daballiin miindaa hojjettoota mootummaatiif taasifamudha. Dabaliinsa gatii seera dhabeessa ta’e seera qabsiisuurratti qaamni hundi tumsaan hojjechuun irraa eegama. Tibbana mootummaan daldaltoota seera dhabeessa ta’uun gatii dabalan irratti tarkaanfiin fudhate kan jajjabeeffamudha. Mootummaan tarkaanfii kana fudhachuu jalqabuu isaatiin meshaalee guyyuu hawaasichi itti fayyadamurratti foyya’insi gatii dhufuu danda’era. Hojii mootummaan hojjete kanaan hanga muraasa ta’uus hawaasichi afuura fudhachuu danda’eera.
Waaan kana ta’ef duulli daldaltoota seera dhabeessa ta’an kanneen sirreessuuf taasifame osoo hin laafiin kan itti fuufu yoo ta’e gabaan tasgabbaa’e jiraachuu waan danda’uuf, cimee itti fufuu qaba kan jedhu ibsa ejjannoo keenya har’ati.


