Masgiida Xuruusiinaa

Itoophiyaan baay’ina sabaafi sab-lammootaa, aadaafi duudhaa lakkaawamanii hin dhumneefi hawaasni hordoftoota amantaa garagaraa keessa jiraachuun biyya adda durummaan addunyaa irratti gurra guddaa qabdudha. Amantaalee hedduun biyyattii keessatti yeroo gaggeeffaman kanatti adda durummaan amantaa isaanii akka miidhaginaatti lakkaa’uun hawaasa seenaa jabaa qaban ta’uunis ni beekamu. Amantaalee addunyaa keenya har’aa keessatti ballinaan hordofaman keessaa amantaan Muusiliimaa isa tokkodha. Biyyi keenyas yeroo jalqabaaf biyyoota amantaa kana jalqaba irratti fudhattee ta’uun sadarkaa akka qabdus seenaan lafa ka’a. Keessumaa ammoo seenaa Amantaa Muusiliimaa Itoophiyaa keessatti gaafa kaafamu, kutaan Kaaba Biyyattii adda durummaan waamama.

Iddoolee seena-qabeessa Bulchiinsa Sablammii Oromoo keessatti argaman Masgiidonni hedduun isaanii bu’uura amantaa Muusilimaa biyyattii har’aaf shoora guddaa taphataniiru. As keessatti Masgiidni Xuruusiinaas Dirree Seena Qabeessa seenaan yaadatamaa jiran keessaa isa tokko ta’un beekamaadha. Masgiidni Xuruusiinaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo Aanaa Dawaa Caffaa Magaala Kamisee irraa fageenya kiilomeetira 11 imaluun ganda magaalaa xiqqoo Shakilaa jedhamtu ga’uun kallattii Bahaatti Kiilomeetira 5 imaluun Ganda Haroo Baaqeelootti argama. Dirreen burqaa beekumsa amantii Islaamaa kan ta’e Masgiidni Xuruusiinaa iddoo ol ka’insa qabu irratti bakka mukkeen hedduun magariisummaan miidhaganii marsanii mullatan irratti kan hundeeffamedha.

Yeroo duriis bakki sun Goora Qeerroo (Qeerranttii) jedhamuun akka beekamu namootni seenaa beekan dubbataniiru. Sababni akkas jedhameefis egaa duraan bakka sana bosonaan guutamee waan jiruuf qeerransi jiraachaa waan tureef akka ta’e jiraataan naannawichaafi koreen masgiidichaa obbo Asraar Muusaa dubbataniiru. ‘’Masgiidni Xuruusiinaa iddoo qulqulla’aadha jedhamee waan amanamuuf namni mooraa sana seenu hundi kophee isaa ofirraa baafachuun bakka sana seenu. Haalli moggaasa maqaa isaas jecha afaan Arabaa lama ‘’Xuur’’fi ‘’Siinaa’’ kan jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u, hiikni isaas ‘’Xuur’’ jechuun gaara jechuu yoo ta’u ‘’Siinaa’’ jechuun ammoo iddoo seena qabeessa biyya Misiritti argamu akka ta’e’’ waajjira aadaafi turizimii aanaa Dawaa Caffaatti ogeessi Misooma Tuurizimii Obbo Mahaammad Aliyyii yaada isaanii nuuf qoodaniiru.

Hundeeffama Masgiida Xuruusiinaaf Bu’uura kan ta’e Masgiida buleessa ‘’Amaanambaa’’ jedhamudha. Akka Lakkoofsa Itoophiyaatti naannawa bara 1940 sanyii warra Yajjuu kan ta’an Sheh Mahaamuud bakka Daanaa jedhamu irraa dhufuun masgiida Amaanambaa bu’uuressan. Turtii isaanii masgiida kana keessatti taasisaniinis barnoota amantaa Islaamaa barsiisuun barattoota (Darasoota) hedduu barnoota amantaa kanaan gahoomsaniiru. Akka lakkoofsa Itoophiyaatti bara 1958 Sheh Maahmuud erga boqotanii booda darasaa isaanii kan turan Sheh Mohaammad Amaan kan jedhaman Amaanambaa irraa bakka Xuruusiinaa jedhamu kana dhufuun bara 1960’moota keessa hundeessan jedhaniiru. Bara 1972’ttis yeroo jalqabaaf masgiisni Xuruusiinaa ijaaramuu eegaluun bara 1977 xumuramuu danda’eera.

Masgiidni kunis egaa hanga bara 2009tti sirnootni barsiifata amantichaa adda addaa keessatti gaggeeffamaafi barsiifamaa turuun ji’a Qaammee gaafa 2 bara 2009tti balaa uumamaa irra dhaqabeen miidhamee tureera. Baruma kana irraa eegalee tumsa hawaasa naannawichaafi darasoota masgiida sana keessa jiraataniin ijaarsi isaa irra deebiin eegalame. Keessumaa ijaarsa masgiida kanaa irratti haalli hirmaannaa hawaasaa yeroo kamillee kan hin dagatamneefi seenaan yaadatamudha jechuun koreen Masgiida kanaa Obbo Asraar Muusaa ibsaniiru. Ijaarsa Masgiida kanaas haaluma masgiida isa duraa fakkaatuun mukkeen naannawaa sana jiran bosona Riqee irraa fiduun ijaaraniiru. Bosona Riqee irraa eegaluunis hanga bakka kana fidanitti hawaasni humna isaan tokkummaan kan itti mullisuu danda’e mallattoo ni danda’amatis ta’uu koreen Masgiidaa kun eeraniiru.

Masgiidni Xuruusiinaa ogummaa ijaarsaa nama qabuun osoo hin taane Ogummaa Darasoota bakka sana jiraataniin haala ajaa’ibaan bifa masgiida isa duraa fakkaatuun ijaaramuu kan danda’edha, kunis agarsiiftu ogummaa ijaarsa hawaasni keenya osoo hin baratin qabu ol baasee kan baasu ijaarsa miidhagaafi seenaa qabudha jechuun ogeessi Misooma Tuurizimii Obbo Mahaammad Aliyyii ibsaniiru. ‘’Masgiida Xuruusiinaa keessatti sirnoota adda addaatu gaggeeffama; isa kanaaf akka ooluttis kutaalee gurguddaa baayinaan 4 ta’an of keessaa kan qabudha. Isaanis:- kutaa Dammaa, kutaa Bunaa, Kutaa Fooniifi Kutaa Meeshaati. Kutaan Bunaa meeshaalee buna itti danfisuuf itti dhimma ba’an Rakaboota (bidiruu) dheerinni isaa meetira lama ta’uufi yeroo tokkotti Shinii bunaa 190 kan qabachuu danda’udha, jabanaa bunaa suphee irraa bocaman kan qaawwaa lamaan buna buusan,muka bunni itti tumamu miidhaginaan mukarraa tolfaman hedduun kutaa sana keessatti argamu.

Kutaan Fooniis wayita qalmi gaggeeffamutti bakka foonni ka’amuufi itti bilcheeffamuun namootaaf dhihaatanidha. Meeshaaleen dhimma kanaaf itti gargaaraman hedduunis bakka kanatti argamu. Kutaan Dammaas egaa akkuma maqaa isaa namootni masgiida kanaaf yeroo damma gumaachanitti bakka inni ka’amudha. Wayita soomanaafi sirnootni adda addaa jiranitti dammi kun keessumootaaf kan hiramudha. Kutaan Meeshaa ammoo mi’ootni garagaraa kanneen akka Dibbee Quraanaafi kitaabilee adda addaa, Musbahaafi kanneen biraan illee kan keessa ka’aman ta’uu  obbo Asraar nuuf himaniiru Masgiida Xuruusiinaa masgiidota biraa irraa kan adda isa taasisu Darasootni dhiiraafi dhalaa hedduun bakka kanatti barnoota amantaa kan barataniifi waggoota hedduuf achi keessa umuriin kan jiraatan Sheekotni gurguddoon jiraachuu isaaniitini.

Ijaarsa masgiidichaarratti hawaasa naannawichaa, qajeelcha aadaafi turizimii bulchiinsa sablammi Oromoo, Biiroon Aadaafi Tuurizimii Naannoo Amaaraa deggarsa hedduu taasisaniiru. Ijaarsi isaas Xumuramuun Onkoloolessa 16 bara 2018 bakka hawaasni bal’aan Darasootni, qaamotni ijaarsa isaaf qooda fudhatan, hoggantootni hojii mootummaa bulchiinsichaafi Naannoo Amaaraa argamanitti eebbifamuu danda’eera. Eebbaaf dhaqqabuun Masgiida kanaas hawaasa naannawichatti jiraataniif gammachuu addaa uumeera.

Suurraa Iddoosaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo