Qophii Dursaa: Utubaa Milkaa’ina Egeree

Baroottan darbanitti firiin qormaata seensa yuunivarsiitii galmaa’e rifaatii guddaa uumuun ni yaadatama. Rakkoo kanaaf, bu’uura irraa barnoota irratti hojjechuu hanqachuutu sababeeffama. Rakkoo kana furuuf sochiin amma akka waliigalaatti jiru rakkichaa waan furu fakkaata. Barattoonni muuxannoo baroottan darban irraa argataniin rakkicha jalaa miliquufi qabxii gaarii fiduuf ammarraa of qopheessaa jiraachuu AMECO’f himaniiru. Barataa Hasan Aliyyii bulchiinsa sablammii Oromootti barataa kutaa 12ffaa Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Sambatee yoo ta’u, qormaata seensa yuunivarsiitii bara kana kennamuun qabxii gaarii galmeessuuf amma irraa qophii taasisaa jiraachuu dubbateera. Bu’aan qormaata barattoota kutaa12ffaa baroota darbanii gadaanaa ta’uu isaa hubachuun seenaa sana jijjiiruuf miira xiiqii keessa seenee barnoota isaa haalaan hordofaa jiraachuu himeera.

Gosoota barnootaa qormaanni keessaa bahu giddu galeeffachuun ”sagantaa qayyabannaa karoorfadheen qabxii gaarii galmeessuuf ammarraa of qopheessaan jira; hiriyoota koo waliin mana dubbisaattis haalaan fayyadamaa jirra” jedheera. Dandeettii kompiitaraa cimsachuu irratti shaakala gahaa taasisaa jiraachuus kaaseera. Baratichi mana barnootaa irraa yeroo deebi’u boqonnaa xiqqoon booda halkanillee irra caalmaan dubbisaan akka dabarsu ibseera. ”Qormaanni kutaa 12ffaa qophii gahaa taasisuu barbaada; dursanii haalaan itti qophoofnaan waanuma baratame keessaa waan dhufuuf qabxii gaarii akka galmeessinuuf manni barnootaa keenya haalaan nu qopheessaa jira” jedheera. Barsiisota filatamoo dandeettii qabaniin deggarsi gaarii waan isaaniif taasifamaa jiruuf gamanumaan of qopheessaa jiraachuu himeera.

Jiraataan magaalaa Sanbatee obbo Mahaammad Alii ilmi isaanii barnootaan akka milkaa’uuf tumsaa jiraachuu dubbataniiru. Meeshaalee deggarsa barnootaa dabalataa bitanii dhiheessuun ilmi isaanii barnoota qofa irratti akka xiyyeeffatu jajjabeessaa akka jiran himaniiru. Barsiisota waliinis itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuu eeraniiru. Obbo Mahaammad ‘’ilmi koo qabxii gaarii akka galmeessuuf gargaarsa abbummaa koo cimseen itti fufa’’ jedhaniiru.

Itti aanaan Itti gaafatamaa Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Sambatee, Barsiisaa Naasiruu Sheeh Ahimad, baroota darbanitti manni barumsichaa barattoota muraasa ta’an dabarsaa turuu yaadataniiru. Rakkoo kana furuuf bara barnootaa barattoota kutaa 12ffaatti darban barsiisaa turuu yaadataniiru. Ganna darbe qabxii barattootaa fooyyessuuf maatii barattootaa lakkoofsaan 800 ta’an waliin mariin bal’aa taasifamuu himaniiru. Qabxiin gaariin galmaa’uuf tumsa maatii barataa waan ida’atuuf haala kanaan dursanii maatii barattootaa mariisisuun bara barnootaa kanaatti seenuu kaasaniiru.

Akka isaan jedhanitti, manni barumsichaa bara kana barattoota kutaa 12ffaa saayinsii uumamaafi hawaasummaan barattoota 117 barsiisaa jira. Qabxiin boonsaan hawwii qofaan dhufu hin jiru waan ta’eef barattoonni hundi xiiqiin barnoota hordofuun qabxii gaarii akka galmeessaniif ammarraa dhimmoota qormaataaf isaan gahoomsan irratti hojjechaa jiraachuu barsiisaa Naasiruun dubbataniiru. Ji’a Fulbaanaa irraa jalqabanii qabiyyeewwan barnootaa barsiisaa akka jiran himanii, barnoota idileen alatti waaree booda 8:00 hanga 10:00’tti barsiisota qaqqaxaleen barnoota dabalataa kennaa akka jiran dubbataniiru. Akka itti aanaan Itti gaafatamaan kun jedhaniitti, qabiyyeewwan barnootaa qormaanni biyyaalessaa keessaa bahan kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti jiran yeroo barnootaa dabalataa jiraniin keessa deebi’anii yaadachiisuu jalqabaniiru.

Manni dubbisaa, kutaalee yaaliifi kompiitaraa banaa taasisuun barattoonni sirnaan akka itti dhimma bahan taasifamaa jira jedhaniiru. Barsiisaan xiinsammuu mana barumsichaan dandeettii barattootaa gabbisuuf leenjiin sadarkaa adda addaatti barattootaaf kennamaa jiraachuu kan himan itti aanaan itti gaafatamichi, barattoota ofitti amanamummaa qaban horachuuf amma irraa itti yaadamee hojiitti seenamuu hubachiisaniiru. ‘’Barataan waan irraa eegamu bahachuu kan danda’u dhimma barnootaa irratti yoo fuulleffatedha’’ kan jedhan barsiisaa Naasiruun, kaayyoo egeree bira gahuuf har’a xiinsammuun qophaa’uun hojjechuun barbaachisaa ta’uu isaa gorsaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo