Itoophiyaan iddoowwan hawwata turizimii uumamaafi nam-tolcheen kan badhaatedha. Isaan keessaa tokko gamoo Faasilidha. Gamoon Faasil iddoo hawwata turizimii nam-tolcheefi magaalaa Gondaritti kan argamu akkasumas wiirtuu amantaa Ortoodoksii fi teessoo mootota Itoophiyaa durii taatee tajaajilaa turteerti,keessumaa Bara bulchiinsa mooticha Faasiladas 1632 keessa Gondar magaalaa bulchiinsa mootota Itoophiyaa taa’ee yeroo tajaajilaa turetti gamoon Faasil masaaraa mootummaa ta’uun tajaajilaa tureera. Gamoon Faasil kan ijaarame bara mootii Faasileedas jaarraa 17ffa keessa waggoota 400 dura yoo ta’u lafa irraa ol fageenya meetira 2200 irratti kan argamudha. Naannoon masarichaas gaarreen gurguddoo lafa irraa ol fageenya meetira 3000 qabaniin marfamee kan argamuudha. Balbala 12 kan qabu, gaarreniin marfamuun isaas dhibeewwan qilleensaan dhufan magaalicha akka hin seennef kan gargaarudha jedhamee amanama.
Gamoon Faasil mallattoo sabboonummaa saboota biyyattii kan ta’eefi ogummaa ijaarsa riqichaafi daandiwwaanii akkasumas qaroomina biyyaatti addunyaatti ol baasee mul’isuurra darbee damee turizimii biyya keenyaa ta’uun yeroodhaa gara yerootti daawwattonni biyyoota addunyaa gara garaa irraa gara sanitti imaluun daawwaannaa kan godhanidha. Haaluma kanaan sosochii gama turizimiitiin godhameen gamoon Faasiliifi gamoowwan naannawichatti argaman bara 1979tti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnootaa, Saayinsiifi Aadaa (UNESCO)tti galmeessun danda’ameera.
Biyya keenya keessatti iddoowwan hambaa seenaafi hawwata turizimii hedduun jiraatanillee qixa sirriin irratti hojjetamaa hin turre. Ijaarsi gamoo Faasil waggaa 100n dura wayita ijaaramuutti dhagaawwan xixiqqaafi nooraadhaan yoo ta’u, baroota dheeraadhaaf rooba, aduufi adeemsa keessa dulloomun halluun isaallee jijjiirramuun diigumsaaf fiixerra gahee tureera. Haata’u malee waggoota jijjiirramaa as hojiiwwan Muummeen Ministeera Itoophiyaa Abiy Ahmad (Phd) gama damee turizimiin xiyyeeffannoo itti kennaanii hojjetaa jiraniin iddoowwan hawwata turizimii biyya keenyaa sadarkaa biyyaatti beekkamtii akka argataniifi hawwata turizimii biyya keenyaa addunyaatti mul’isuu akka danda’aniif hojiilee bal’aan hojjetamaniiru.
Isaan keessaa tokko kan ta’e gamoo Faasilidha. Yeroo dhihoon as gamoo Faasil haaromsuun iddoo hawwata turizimiif banaa ta’uu muummicha ministiraan eebbifamuu danda’eera. Muummichi ministiraa Abiy Ahmad (Phd) ‘’gamoon faasil harka keenya waan jiruuf warqii gati-dhabeessadha, asiif achi deemun kan nuti hin argine waan harka keenya keessa jiru gatii dhabsiisuu waan amaleeffanneefi, faasilis warqee guddaa gatii dhabedha jedhaniiru.
Doktar Abiy akka jedhanitti gamoon Faasil kan haaromfameefi suphame osoo hin taane gamoon Faasil lammaaffaa dhalate, carraatti gargaaramuun muuxannoo abshaalotaa kan hubannoo qabaniifii kan ogeessotaati jedhaniiru. ‘’Hundi keenya xiyyeeffannoon tokko taanee irra deebin hojjannee Gondar miidhagduu akka taatu hojjachuu qabna’’ jedhaniiru.
Afa-yaa’iin mana maree federeeshinii, obbo Aaganyahu Tashaagar ‘’gamoon Faasil dulloomee osoo nuti ija keenyaan argaa jirru jiiguuf fiixeerra gahee ture, kuni saboota biyya keenyaaf qaanii guddaadha. Muummichi ministiraa keenyaa garuu dursee qaqqabuun baajata guddaa itti baasuun diigama irraa baraaruun hojiin haaromsaa godhameefi kan kanaan duraa caalatti miidhagsuun bifa haaran akka biyyaatti iddoo hawwata turizimi maqaa isaa guddaa ta’eefi haala sadarkaa isaa eeggateen turizimiif mijataa ta’uu dandeera. Kun immoo waggaa dhibba afur booda dhalachuu Gondar ishee lammaffaa kan mul’isuudha’’ jedhaniiru.
Bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa, masaraan Faasil akkuma amala isaa calaqqee qarooma keenyaafi ijaarsa gamoo qofa osoo hin taane seenaa Itoophiyaa keessatti ijaarsa riqichaafi daandii jalqabaa ta’uun kan mul’atu ta’uu ibsaniiru. Kunis calaqqee eenyummaa keenyaa dirree hawwata daawwattoota biyya keenyaa ta’uun tajaajilaa kan jirudha jedhaniiru. ‘’Haaromsamuun masaraa kanaas magaalaa Gondariifi naannoo Amaaraa irra darbuun biyya keenyaaf faayidaa guddaa akka qabudha, sababni isaas iddoo hawwata turizimii biyya keenya keessa masaraan kun isa jalqaati.
Kanaaf akka hawaasummaattis akka turizimiittis faayidaa guddaa biyya keenyaaf kan argamsiisudha’’ jedhaniiru. Obbo Araggaan akka jedhanitti yeroo ammaa naannicha keessa sosochiin gama turizimiin jiru baay’ee bal’aadha. Akka fakkeenyattii magaalaa Daseetti kan argamu haroo Haayiqiifi hawwata turizimii Gorgoraan akkasumas ijaarsi misoomaa magaalaa Baahir Daaritti hojjetamaa jiran dabalatee naannicha keessatti hojii hedduun hojjatamaa jiraachuu eraniiru.
Moosisaa Fufaatiin


