Ayyaanni sabootaa, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa marsaa 20ffaan naannoo Giddu Galaeessa Itoophiyaa magaalaa Hosaa’inatti kabajameera. Jiraattoonni magaalaa Hosaa’inaa keessummota kutaalee biyyatti garagaraa irraa dhufan bifa hoo’adhaan simachuun guyyaa kabaja ayyaana sabootaa, sablammootaafi uummatoota Itoophiyaa irratti callaqqeen eenyummaa isaanii guutuu biyyattitti mul’achuu danda’eera.
Magaalaan Hosaa’inaa kan argamu godina Haadiyaa naannoo giddu galeessaa Itoophiyaati. Magaalaa guddoofi giddu gala biyyattii kan taate magaalaa Addis Ababaa irraa gara kibba Dhihaatti kiilomeetira 230 fagaatee argama. Magaalaa Hosaa’inaatti baay’inaan kan jiraatan uummanni Hadiyyaa hortee afaan Kuush yoo ta’u afaan Haadiyyaa dubbatu.
Uummanni Hadiyyaa akkuma saboota kanneen biroo aadaa, seenaa, duudhaa, afaaniifi amantii garagaraa kan qabudha. Uummanni Hadiyyaas garaagarummaa isaa akka miidhaginaatti ilaalun jaalala, kabajaafi tokkummaan kan waliin jiraatanidha. Uummanni Hadiyyaa Aadaawwan garagaraa kan qabudha, isaan keessa tokko afooladha. Oduu durii, mammaaksa, aadaa muuziqaa, aadaa shubbisaafi ragadaa, sirboota dhalootaan darbaa turaniifi ayyaanni wiirtuu eenyummaa hawaasa Hadiyyaati. Aadaan ummata Hadiyyaa kan giddu galeessa godhate Kibba Itoophiyaa magaalaa Hosaa’inaa keessatti aadaa socho’aafi walitti dhufeenya hawaasaa cimaa kan qabudha.
Akkaataan jiruufi Jireenya diinagdee hawaasa Hadiyyaa adda durummaan qonnarratti kan bu’uureffate yoo ta’u, horsiisa horii, daldala akkasumas bineensota guddisuu irratti bobba’anii kan jiraatanidha. Magaalan Hosaa’inaa naannichaaf giddugala daldalaafi barnootaa guddaa ta’ee tajaajilaa tureera. Sirnoonni aadaa cidhaa, ayyaanni midhaan sassaabuu, meeshaalee aadaafi uffata socho’aa ta’e ni mul’ata.
Nyaanni aadaa uummata Haadiyyaas walitti dhufeenya hawaasichaaf gumaacha guddaa kan qabu yoo ta’u, nyaatni akka Ateekanaafi Wocitaan isaan beekamoodha. Atekanaan Nyaata aadaa warqee irratti hundaa’e yoo ta’u dhadhaafi basaqaa irraa walitti makamee kan hojjetamudha. Kunis nyaata aadaa guyyaa ayyaana Masqalaa kan qophaa’u yoo ta’u guyyaa tokko ayyaanicha dursanii kan nyaatanidha. Inni kan biroo Wocitaa jedhama.Wocitaan nyaata aadaa baay’ee beekamaa ta’ee kan ilaalamuufi aadaa Hadiyyaa keessatti bakka guddaa kan qabudha. Yeroo baay’ee gosoota barbaree adda ta’aniifi dhadhaa irraa kan qophaa’udha.
Uummanni Hadiyyaa ayyaanota akka aadaa isaanitti kabajanillee ni qabu; isaan keessaa Yahooden isa tokkodha. Yeroo baayyee akka taatee bara haaraatti kabajama. Gochaaleen aadaa Ayyaana Yahodee Hadiyyaaf ayyaana waggaa barbaachisaa ta’ee bara haaraa kan kabajuu akkasumas qaamolee galateeffannaa, nagaafi araara kan of keessaa qabudha. Uummanni Hadiyyaa sirna waaqefannaa dhuunfaa isaan itti fayyadamu ‘Fandanano’ jedhamu kan qabudha. Fandananon sirna amantaa dhalootaa kan qaama naamusa cimaa kan qabu yoo ta’u, yeroo tokko ayyaana Yahode waliin walitti hidhata guddaa kan qabudha.
Uummanni Hadiyyaa Itoophiyaa duudhaa mana jireenyaa aadaa badhaadhaa kan qabu yoo ta’u, manneen aadaa, geengoo, fooqii qoreetiin ijaaraman meeshaalee naannoo isaanitti argaman irraa kan ijaaramanidha. Dizzaayinoonni aadaa kunniin sababa magaalamuufi jijjiirama dinagdeetiin manneen ammayyaa yeroo ammaa gamoodhan bakka bu’aa jiru.
Hawaasa Hadiyyaa biratti uffata aadaa garagaraa harkaan hojjechuun itti fayyadamuun baramaadha. Isaan keessaa uffanni aadaa, fakkiiwwaniifi halluu jajjaboo qaban akka aadaa isaanitti harkaan hojjechuun yeroo taateewwan kanneen akka ayyaanaa, cidhaafi kanneen kana fakkatan irratti kan uffatanidha. Ogeeyyiin harkaa naannoo sanaa huccuu hodhamaa faayaafi hojii harkaa mana keessaa dabalatee meeshaalee harkaan hojjetaman kan oomishanidha.
Hawaasni Hadiyyaa duudhaaleefi aadaa sirna tasgabbii isaa ittiin eeggatu yookin sirna waldhabdee ittiin hiiku qaba. Miirri hawaasaa cimaan yeroo baayyee faayidaan hawaasaa dantaa dhuunfaa irra caalatti iddoo guddaa kan qabu yoo ta’u, kunis tasgabbii hawaasummaa naannichaaf gumaacha guddaa kan qabudha. Akka aadaa isaatti sirna jaarsummaa Maagaa jedhamu qabu. Maagaanis kan inni gargaaru akka aadaa Hadiyyatti wal dhabdee kanneen akka butii, namoota daangaa irratti wal dhaban, namoota wal ajjeesan, yakkoota akka hannaafi namoota sababa garagaraatiin wal miidhan sadarkaa xiqqaa hanga guddaa jiran araarsuuf kan gargaarudha.
Aadaan ummata Hadiyyaa akkuma aadaa uummata Itoophiyaa bal’aatti, keessummoota harka ho’aa wal qabachuufi kallattiidhan ijaan wal arguun simatamu, arjummaafi kabaja gadi fagoo keessummootaaf kan qabanidha. Akkasumas keessummotaaf affeerraa kan taasisan uummanni Hadiyyaa aadaa keessummeessuu isaanii sochii simannaa bal’aa ta’een, nyaata waliinii irratti xiyyeeffannoo cimaa kennuun wal kabajuudhan, keessummoota miira gaariin akka itti dhaga’amu gochuudhaan kan simatanidha.
Moosisaa Fufaatiin


