Qonnaan bulaan Jamaal Daawud jiraataa aanaa Dawaa Caffaa ganda Tarafidha. Ooyiruu qonnaa isaanii yeroon qotuun sanyii fooyyee qabu akka argatan himaniiru. Xaa’oo uumamaa (kompostii) fi xaa’oo biyyee nam-tolchee fayyadamuun misooma jallisii bonaa kan hojjetan ta’uu bilbilaan nutti himaniiru. Yeroo ammaa ooyiruu isaanii bulleessanii qotanii sanyiif qopheessuu dubbataniiru. Baroota dhihoo asitti jallisii bonaa xiyyeeffannoon hojjedhee oomisha fooyyee qabu argachaan jira jedhaniiru. Qonnaan bulaan kun qamadii, raafuu maraafi timaatima ni oomishu. Akka qonnaan bulaan kun himanitti ooyiruu qotuu, bulleessuufi facaasuun qofti gahaa miti; oomisha gahaa argachuuf midhaan misoomerraa ilbisootaafi aramaa ittisuun barbaachisadha. Ooyiruu isaanii hektaara walakkaa ta’u hoj-maata ogeessa qonnaan ajajaman sirnaan hojii irra oolchanii callaa qamadii kuntaala 15 ol jallisii bonaa irraa argachuu dubbataniiru. Akka qonnaan bulaan kun jedhanitti, jallisii bonaan galiin argatan kun fuulduraaf hojii kana babal’isanii akka hojjetaniif kaka’umsa guddaa horataniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Dawaa Caffaa, Indris Mahaammad, aanichi haala qilleensaafi biyyee misooma qamadii bonaaf oolu qabaachuu kaasaniiru. Misooma qonnaa waqtii gannaa hojjetamu qofaan jijjiirama barbaadamu fiduun waan hin danda’amneef mootummaan inisheetiivii misooma jallisii bonaa akka biyyaatti hojiirra oolchuu isaa dubbataniiru. Kanuma bu’uureffachuun sadarkaa aanaa isaaniitti hojii warraaqsaa Jallisii qamadii bonaatti seenuu kaasaniiru. ”Aanichi lafa jallisii bonaan misoomuu danda’u hektaara kum 10fi 251 ol qabaachuu isaati kan himan. Itti gaafatamichi imaammata diriirfame hordofee carraa jirutti dhimma bahuun qabeenya bishaanii qisaasama tokko malee hojiirra oolchuun aanicha wiirtuu misooma qonnaa taasisuuf karoora qindaa’e karoorfatanii hojii misooma jallisii jalqabuu dubbataniiru.
Bara kana idileen lafa hektaara kuma jahaafi 293 haarawaan ammoo, hektaara kuma sadiifi 358 jallisiin misoomsuuf karoorsuu eeraniiru. Kana keessaa lafti hektaarri kuma shan qamadiin kan misoomfamu ta’uu kaasanii, kan hafe ammoo kuduraafi muduraa kanneen akka Raafuu maraa, Qaaraa, Qullubbii, Timaatimaafi Habahaabii tuteeffamaan misoomsuuf hojiitti seenuu isaanii jedhaniiru. ‘’Hanqinni dhiheessii akka hin mudanneef Xaa’oon Biyyee Nam-tolchee gama Yuuniyeenii Borkannaan Waldaa Hojii Gamtaaf raabsameera’’ kan jedhan itti gaafatamichi, Xaa’oon Uumamaas Meetir Kiyuubiin kuma 108 qophaa’uu dubbataniiru. Sirni jalqabsiisa jallisii baranaa ganda Gobayyaatti bakka hoggantoonni olaanoo Federaalaafi naannoo argamanitti jalqabsiifamuu yaadataniiru. Akka isaan jedhanitti, bara kana jallisii bonaan qonnaan bultoonni kuma 17fi 200 ol fayyadamoo ta’u.
Ogeessota ogummaa qonnaa gahaa qabaniin deggarsaafi hubannoon barbaachisaan dhimma jallisii bonaarratti qonnaan bultootaaf kennamaa turuu ibsaniiru. Bara darbe fayyadamummaa qonnaan bultootaa daran dabaluuf motora bishaanii lakkoofsaan 140 ta’u gatii madaalawaan qonnaan bultootaaf raabsuu himaniiru. Bara kanas mootummaa naannoo irraa motora bishaanii 14 argachuu kaasaniiru. Haalli kun bishaan gahaa jiru qonnaan bultoonni bifa salphaan fayyadamoo akka ta’aniif kan gumaachu ta’uusaati kan himani. “Fuulduraaf misooma jallisii bonaan oomishtummaan keenya akka guddatuuf qonnaan bulaa keenya cinaa dhaabbachuu itti fufna” kan jedhan itti itti gaafatamichi qonnaan bultootaafi horsiise bultoota oomisha jallisii waqtii bonaa kana irratti bobba’aniif deggarsa ogummaa taasisuufi galteewwan qonnaas sirnaan kan dhihaatu ta’uu addeessaniiru. Akkasaan jedhanitti, oomishni yeroo gahuttis walitti hidhamiinsi gabaa uumuuf Wajjira Daldalaa aanichaa waliin haala kan mijeessan ta’uus itti gaafatamichi kaasaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin


