Malaammaltummaan faayidaa dhuunfaa yookaan gareef jecha seeraafi dambiiwwan hojmaata cabsuun faayidaa hin malle argachuuf yaaludha. Mattaa’a kennuufi fudhachuu, qabeenyaafi baajata mootummaa qisaasessuu, firaaf dhiigummaan akkasumas maallaqaan tajaajila argachuu yookiin kennuu, aangotti seeraan ala fayyadamuu, badhaadhina hin malleefin duroomuf yaalun malaanmaltummaadha. Malaanmaltummaan namoonni dhuunfaanis ta’ee gareedhaan faayidaa isaaf hin malle argachuudha. Malaanmaltummaan kan raawwatamu sadarkaa mana hojii mootummaafi miti mootummaa garagaraa keessatti yoo ta’u baayinaan kan raawwatamu mana hojii mootummaa keessattidha. Malaammaltummaan rakkoo idil-addunyaati. Malaammaltummaan akka biyya keenyaattis ta’ee akka idil-addunyaatti yeroo ammaa, olaantummaa seeraa, bulchiinsa gaarii, diimookiraasiifi mirgoota namoomaa, guddina diinagdee,tasgabbiifi duudhaalee bu’uura hawaasaa irratti miidhaa gurguddaa qaqqabsiisaa kan jirudha.
Akka Idil-addunyaafi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti malaammaltummaa ittisuufi too’achuuf konveenshinoonni farra malaammaltummaa tumamanii jiru. Konveenshiniin kunis qaama bilisaa ta’ee malaammaltummaa ittisuu, too’atu, qoratufi himatudha. Haaluma wal-fakkaatun, biyyi keenya miidhaa malaammaltummaan misooma, nageenya, bulchiinsa gaarii, diimokiraasiifi olaantummaa seeraa irratti qaqqabsiisu ittisuuf akkasumas dhabamsiisuuf jecha konveenshinii farra malaammaltummaa raggaasifameera. Koomishinii naamusaafi farra malaammaltummaa kunis sadarkaa naannooleefi federaalatti hundeeffame kan jiru yoo ta’u qaama bilisa ta’ee malaanmaltummaa ittisuuf, to’achuufi dhabamsiisuf hojjataa jirudha.
Dhaabbilee mootummaa keessattis wajjirri siivil sarvasii malaanmaltumma tajaajila dhaabbilee mootummaa keessa jiru to’achuufi ittisuu irratti gahee guddaa qaba. Akka Bulchiinsa sablammii Oromoo, aanaa Baateettis maalanmatummaa to’achuuf waajjirri sivil sarvisii gahee olaanaa bahataa kan jirudha. Aanaa Baateetti yakkoota malaanmaltummaa kanneen akka to’annaa daddabarsa meeshaaleefi gurgurtaa boba’aawwan garagaraa irratti tarkaanfii fudhataa kan jiruudha. Kana malees kenninsa tajaajila dhaabbilee mootummaa ifaafi bilisa gochuuf akkasumas itti fayyadama baajataa irratti tokkoon tokkoon wajjiraalee irratti wajjirri sivil sarvisii aanaa Baatee gamaggama kurmaanaafi ji’aa gaggeessun karooraafi raawwii akkasumas cheeklistii ilaaluun odiitii wajjiraalee hundumaa to’annaafi hordoffii gaggeessaa jira. Yakkoota malaanmaltummaa keessumaa immoo qaamolee daddabarsa meeshaalee raawwatan irratti yeroodhaa gara yerootti bulchiinsa magaalaa Baatee waliin ta’uun tarkaanfiin qaamolee kana irratti fudhatamaa akka jirus ragaan waajjiricharraa arganne ni agarsiisa.
Jiraataa aanaa Baatee ganda Inkessaa kan ta’an obbo Adam Hasan, kanaan dura hawaasni kenna taajila mootummaa argachuuf baasiifi yeroo isaa qisaasesse deddeebi’aa turuu kaasun, yeroo ammaa haalonni kenna tajaajilaa foyya’insa qabaachuu dubbataniiru. Kanaan dura ogeessa tokko barbaaduuf guyyoota sadii ol deddeebi’aa turuu kaasun, yeroo ammaa yoo rakkoo addaa qabaataniin ala ogeessi hundi waajjira keessatti argamuun tajajaajila kennaa jiraachuu dubbataniiru.
Itti gaafatamaan waajjira maallaqaa aanaa Baatee obbo Sayid Huseen akka jedhanitti, akka aanaa Baateetti baajanni kan ramadamu karoora waajjiraalee irratti hundaa’ee yoo ta’u, cheeklistii waajjiraalee ilaaluun ogeessa hojii hojjateefi kanneen hojii hin hojjanne adda baafachuun itti fayyadama baajataa kan taasisnudha jedhaniiru. “Kurmaana kurmaanaan itti gaafatamtoota waajjiraalee waliin teenyee gamaggama gaggeessina” jedhaniiru. Hojiilee waajjiraaleen hojjetaniifi baajata itti fayyadaman akkasumas gara fuulduraatti hojii hojjatamuuf karoorfataniifi baajata qabame wal bira qabuudhaan gamaggagamamun bifa madaallii eeggateen irratti hojjetamaa jira jedhaniiru.
Itti gaafatamaan wajjira siivil sarvisiifi humna namaa aanaa Baatee obbo Mahaammad Sayid, kenna tajaajila dhaabbilee mootummaa irratti hanqinaaleen mul’achaa turuu ibsaniiru. Haaluma kana irratti hundaa’uun qaamoolee dhimmi ilaallatu hunda waliin marii taasisuun ogeessa kamiyyuu sa’aatii hojii mootummaa eegee akka seenuufi bahu irratti hordoffii taasisaa jiraachuu kaasaniiru. Hawaasni sa’aatii hojii mootummaa keessatti tajaajila kamiyyuu argachuu akka danda’u gorsaniiru. Gama to’annaa baajataatin wal qabatee karooraafi raawwii waajjiraalee wal bira qabuun yeroodhaa gara yerootti gamaaggama kan taasisan ta’uu ibsaniiru. Dhumarattis malaanmaltummaan gufuu misoomaafi guddina biyyaa waan ta’eef nama dhuunfaa irraa eegalee hanga sadarkaa muummicha ministeerratti qaamni hundi tokkumaan maalanmatummaa irratti qabsaa’un dhiibbaa hawaasaafi guddina diinagdee biyya keenyarratti dhufu qolachuun barbaachisaa akka ta’es obbo Mahaammad dhaamaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


