Turizimiin carraa hojii uumuu keessatti faayidaa guddaa qaba. Turizimiin damee dinagdee humna namaa baay’ee barbaadu waan ta’eef, yoo sirnaan bulfameefi xiyyeeffannoon kennameef hojii dhabdummaa hir’isuufi badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu keessatti murteessaadha. Bulchiinsi sablammii Oromoo iddoowwan hawwata turizimii nam-tolcheefi umaamaan kan badhaadhedha. Isaan keesssaa muraasni mandara Shonkee masjiida Doddotaa, masjiida Xurusiinaafi kannen kana fakkaatan iddoowwan hawwata turizimii nam-tolchee manneen amantaa irratti bu’uureffamanidha. Bakkeewwan arkiyooloojii Muftii Haajii, Fakki Abbas, Awwaala Shee Umar kanneen jedhamanimmoo hawwata turizimii arkiyooloojii bulchiinsicha keessatti argamanidha.
Jiraattuun aanaa Jiillee Dhummuugaa ganda Baxxee aadde Zahaaraa Mahaammad bara kana dargaggoota aanichatti carraa hojii barbaadan keessaa tokko ta’uu himteetti. Tumsa gama mootummaan carraan hojii yoo naaf uumame diinagdeen cimee ofiifi maatii koo gargaaruun barbaada jetteetti. Iddoowwan hawwata turizimii Bishaan uumamaan hoo’aa Awweetuun aanichatti argamuu eeruun mootummaan iddoowwan kana osoo misoomsee carraa hojii gama mana shaayii bakka kanatti hojjachuun, hojii humnaa guyya guyyaan hojjachuun, ogummaa ijaarsa gara garagaraa dabalatee hojiin iddoo kanatti hojjatamuun carraa hojii baay’ee nuuf uumuu danada’a jechuun hawwii qabdu ibsiteetti.
Obbo Mahaammad Siraaj, riisoortii laga Borkannaa irratti misoomsaa kan kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa misoomni riizortii Borkannaa baajata birrii miliyoona 200’n fuudhanii hojjetaa kan jiran ta’uu dubbataniiru. Risoortiin Borkannaa misooma hawwata turizimiifi iddoo bashannanaa akka ta’uuf hojjatamaa kan jirudha jedhaniiru. Obbo Mahaammad akka jedhanitti misooma riizorticharratti hojjetamaa jiruun yeroo ammaa dhaabbatan namootni 30 ol ogummaa garagaraatiin hojii misoomaa kana irratti kallaatiin bobbaasanii jiraachuu dubbataniiru. Hojichis yeroo ammaa jalqabbii gaarirra kan jiruufi gara fuulduraattis damicha irratti hojjachuuf carraa bal’aa kan uumuu danda’u ta’uu ibsaniiru.
Itti gaafatamaa qajeelcha aadaafi turizimii bulchiinsa sablammii Oromoo obbo Ahmad Ibraahim waggoota jijjiiramaan as mootummaan xiyyeeffannoo damee misooma turizimiin kenneen iddoowwan hawwata turizimii akka bulchiinsa sablammii Oromootti iddoowwaan hawwata turizimii misoomsuu irratti kan argamudha jedhaniiru. Isaanis karaalee adda addaatiin hojii dhabdummaa hir’isuufi dinagdee biyyaa guddisuu keessatti shoora olaanaa kan qabanidha. Gama carraa hojii uumuutiin hoji-dhabeeyyii baayyeef carraa hojii uumuu danda’eera. Akka obbo Ahmad jedhaniitti carraa hojii uumamee kanaanis hawaasni karaa kallattiifi alkallattii hojiitti bobba’uun jireenya dhuunfaa isaanii fooyyefachaa jiran.
Hojii misooma Laga Borkannaa irratti hojjatamaa jiruun hojjettoota hoteelaa, oomishaaleefi gurgurtaa uffata aadaa, hojiiwwan iddoo misooma turizimiitti hojjatamaniin ogummaa garagaraan carraan hojii uumamuu itti gaafatamichi ibsaniiru. Namoota nyaata qopheessaniifi tajaajila kennan, qajeelcha daawwannaa, konkolaachiftootaafi daldaaltotaaf carraan hojii hedduun uumamus kaasaniiru.
Obbo Ahmad ‘’Damee turizimiin namootni ogummaa addaa addaa leenji’uun uffata aadaa dabalatee meeshaalee aadaa kanneen biroo oomishuun bifa garagaraan qopheessun gabaaf dhiyeessaniif carraa hojii uumaniiru’’ jedhaniiru. Leenjiichaanis dandeettii ogeeyyii kanaa gabbisuun sadarkaa jiruuf jireenya isaanii fooyyessaa kan jiranidha. Suphaawwaan masjiidota kanneen akka Shoonkeefi masgiida Doddotaa irratti taasifameen akkasumas masjiidni Xurusiinaa balaa uumamaan miidhaa irra dhaqqabee tureen akka haaratti ijaaramuu isaatin carraan hojii namoota baay’eef uumuu danda’amuu eeraniiru. Dameen turizimii investimeentii dhuunfaafi mootummaa akkuma fidu kalattii kanaanis ogummaa garagaraatin carraawwan hojii baay’ee uumuu danda’ee jira.
Fakkeenyaf riizoortii Borkannaa yeroo ammaa ijaarsaafi misooma irratti kan argamudha. Kana malees Rizoortiin Awweetuu yeroo dhiyootti gara misoomatti galamuuf karoorfamee kan jirudha jedhaniiru obbo Ahmad yaada AMECO’f laataniin. Misooma rizoortii Borkannaa irratti hojjatamaa jiruunis ijaarsa hoteelota haaraa, wiirtuulee bashannanaafi bu’uuraalee misoomaa biroo hojjatamaa jiruun carraa hojii baay’ee babal’isaa jiras jedhaniiru.
Obbo Ahmad akka jedhanitti suphaawwan garagaraa dabalatee gama turizimiin hojiiwwan bala’aan hojjatamaa jiraachuu isaatin carraan hojii baay’een uumamee kan turefii kanneen hafanis gara misoomatti galchuuf karoorfamee jira. Kanaan dura gabaa Baateefi gabaa Sambatee dabalatee iddoowwan hawwata turizimii garagaraa ilaaluuf daawwattoonni biyyoota garagaraa irraa dhufaanii daawwachaa turuu kaasun, yeroo ammaa haala nageenya sababeeffachuun daawwattonni dhufaa kan hin jirreefii dargaggoonni hojii dawwachiisummaa irratti bobba’anii turan hojiin ala ta’anii jiraachuu ibsaniiru.
Kanas yeroo dhiyootti haala nageenyaa qaamota nageenya kabajjiisan waliin ta’uun tasgabbeessuun dargaggoota hojii daawwachiisummaa irraa dhaabbatan hojiitti deebisuuf hojjatamaa jiraachuus dubbataniiru. Misooma damichaan hojiiwwaan misoomaa garagaraan hojiitti galuuf karoorfatani kan jiraniifii gara fuulduraatti carraa hojii bal’aa dhaabbataadhaan dargaggootaf uumuuf hojjachaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


