Ayyaanni dhaloota Iyyasuus Kiristoos ayyaana Kiristaanonni kabajan keessaa isa tokkodha. Ayyaanni dhalachuu Iyyasuus Kiristoos akkaataa duudhaafi aadaa isaa egeen kabajama. Kessumaayyuu Manni Amantaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa jala bultii ayyaanichaa irraa eegalee sagantaa faarfannaafi kadhannaa afuuraatiin bifa adda ta’een kabajji. Sirnaafi duudhaa mana kiristaanaa keessatti iddoon ayyaana dhalachuu Iyyasuus Kiristoos haala adda ta’een itti kabajamu keessaa iddoon beekamaan godina Wolloo Kaabaa keessatti argamu mana Kiristaana qulqulluu Laalibalaadha. Manni Kiristiyaanaa Laalibalaa kutaalee 11 kattaa tokkorraa soqamanii kan ijaaraman gara dhuma jaarraa 12fi jalqaba jaarraa 13’ffaa keessa ture.
Mootiin Laalibalaa ”ajaja Waaqayyorraa” fudhataniin mana amantaa kanneen akka ijaarsisantu himama. Manni amantaa qulqullittii Laalibalaa Iyyarusaalem lammaffaa jedhamuunis ni beekama. Bakki Laalibalaa ammaa kun duraan ‘Roha’ jedhamuun kan beekamudha. Kunis kan jijjiirrame bara 1181-1221’tti yeroo bulchiinsa mootii Zaaguwee duraanii ta’uu seenaan nii dubbata. Laalibalaan bakka hawwata tuuristii guddaa Itoophiyaan qabdu keessaa isa ijoo qofa osoo hin taane, Dhaabbata Barnootaa Saayiinsiifi Aadaa (UNESCO) irratti hambaa seenaa addunyaa ta’uun galmaa’eera. Manneen amantaa kunneenis lafa jalatti kan ijaaramanidha. Sababni lafa jalatti akka ijaaramu taasise inni jalqabaa weeraraafi haleellaa mudachuu danda’uuf haala salphaadhan akka hin saaxilamneef ta’uutu himama. Inni lammataa ammoo yaada ”Iyyasuus Kiristoos holqa Beeteliheem keessatti dhalate” akkasumas kan awwaalames holqa Golgootaa jirutti kan jedhu irraa ka’uun akka ta’e dubbatama.
Haalli ijaarsa Mana Kiristiyaanaa Laalibalaa addunyaa irratti kan raajeffatamudha. Mannen amantaa kutaalee 11 keessaa tokko, Beta Madaani Aleem yoo ta’u, dheerinni dalga isaa meetira 33, bal’inni garaa isaa meetira 23, hojjaan isaa ammoo meetira 10’nidha. Addunyaa irratti Mana Kiristiyaanaa isa guddicha kattaa tokkorraa soqamuun hojjetamedha. Lafti naannoo Laalibalaa qonnaaf mijataa ta’uu baatullee, durii eegalee dadammaqinsa aartiifi bocaaleen garagaraa kan naannoo kanatti kan argamanidha. Magaalaan Laalibalaa sochii diinagdeefi hawaasummaa ishee irra caalaan daawwattoota gara Laalibalaatti dhufan simachuufi walitti dhufeenya hawaasummaa isaan hordofan irratti kan hundaa’edha. Daawwattoonni hedduun ayyaana dhalachuu Iyyasuus Kiristoos sababeeffachuun ijaarsa manneen amantaafi taatee naannoo kanaa ilaaluf gara Laalibalaatti imala nii taasisu.
Jiraattonni magaalichaa hojii harkaa jaallatan irrattis ogummaa qabu; ogummaan gogaa hojjachuus dur irraa eegalee abbootii isaanii irraa kan dhaalan barreeffamootaafi fakkii isaanii waliin kan bocame yoo ta’u, aartiin isaanii jaarraa hedduu dura ogeeyyii harkaa irraa dhaalan kennaa isaanii keessatti kan calaqqisudha. Hoteelota naannoo sana jiran irraa eegalee hanga daldaltoota fakkiitti yeroo ayyaana kana bal’inni gabaa isaanii ni babal’ata Taateewwan dinqisiisoon yeroo ayyaana Iyyasuus Kiristoos, Laallibalaa keessatti mul’achuu danda’an keessaa sirni cidhaa taatee jalqabaa ayyaana kana irratti raawwatamudha. Cidha kanas bakka daawwattoonniifi keessummonni kabaja ayyaana dhalachuu Iyyasuus Kiristoos Laalibalaa dhufaniitti bifa adda ta’een kan gaggeeffamudha.Kunis ayyaanni dhaloota Iyyasuus Kiristoos Laalibalaa keessatti kabajamu hiika amantii, afuuraa, aadaa, duudhaafi diinagdee biyyaalessaa akka qabu agarsiisa. Taaten addaa ayyaanicha irratti mul’atuufi hawwattummaa ayyaanicha dabalu sirna Beezaakulluuti. Sirni Beezaakuulluu ayyanicha guyyaa tokko dursee gaggeeffamuu kan eegalu yoo ta’u, hanga guyyaa ayyaana ganamaatti kadhannaafi faaruu dabalatee bifa garagaraatiin kan kabajamudha.Hirmaattoonni sirnichaas uffata aadaa bifa wal fakkaataa qabu uffachuun sirna kana irratti bifa hoo’aa ta’een ayyaanicha kan kabajanidha.
Dargaggoo Faantaa Taaddasaa daawwachiisaa mana amantaa Laalibalaati. Dargaggoon kun Itoophiyaa biyya ogummaa kan taasise bocaalee dinqisiisaa ta’an maqaa biyya keenyaa kan waamsise mana qulqullummaa dhagaa irraa bocamee ijaaramedha jedheera. Manni qulqullummaa kunis inni jalqabaa Beeta-Maariyaam, Beeta-Madaani’aalem, Beeta-Giyoorgisiifi Beeta-Amaanu’eel jedhamu. Inni lammaffaa immoo Beeta-Danaagil, Beeta-Masqal, Beeta-Gabreel, Beeta-Golgoltaafi Beeta-Marqooriyoos jedhamu. Kan sadaffaa Beeta-Abbaa Libaanos jedhama. Daawwachiisaan kun sirni ijaarsaafi teessumni isaa karaa sadiin kan qabateedha jechuun ibseera.
Daawwachiisaan mana amantaa Laalibalaa inni biroo Qees Wandaalla Damissee akka jedhanitti hawaasni naannoo Laalibalaa jiraatu akkaataan isaan ittiin keessummoota ayyaana dhaloota Iyyasuus Kiristoos kabajuuf dhufaniifi simannaan isaan taasisan hawwata ajaa’ibaa kan biraati jechuun waan muxannoo isaaniirraa qooddatan nutti himaniiru. Ayyaana dhaloota Iyyasuus Kiristoos osoo hin kabajamiin torban muraasa dura Laalibalaan keessummoota biyya keessaafi alaa kabaja ayyaana kanaaf dhufan nii simatti jedhaniiru.
Simannaan haala hoo’aa akkasii kunis jaarraa hedduuf kan tureefii namoota gara Laallibalaa dhufan miila dhiquufi oomisha hanga humni isaanii danda’eetti mana isaaniirraa nyaata dhiyeessuun ummata biratti baramaa ta’uu Qees Wandaallan dubbataniiru. Ayyaanni yaadannoo dhalachuu Iyyasuus Kiristoos kan bara kanas bifa adda ta’een safuufii duudhaa isaa eeggatee Mana Kiristiyaanaa Laalibalaatti kabajameera. Ayyanicharrattis keessummoonni biyyota alaafi keessaa akkasumas angawoonni mootmmaa biyyattii argamaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


