Hulaan galaanaa diinagdee, siyaasaafi birmadummaa biyyaaleessaaf faayidaa guddaa qaba. Itoophiyaan waggoottan soddomman darban dura hulaa galaanaa qabaachaa turuun ishee kan yaadatamudha. Kanas dhabuu kan dandeesse dogongora seenaa hoggantoonni biyya keenyaa yeroo sana aangorra jiran hojjataniinidha. Hulaa galaanaa dhabuun Itoophiyaa rakkoowwan diinagdee, siyaasaafi hawaasummaaf saaxileera. Isaan keessaa gabaa addunyaatti akkaataa eegamuufi haala barbaadamuun akka hin dhihaanne danqeera.

Aadde Aminaat Huseen jiraattuu aanaa jiillee dhummugaa ganda Baxxeeti. Hulaa galaanaa dhabuun miidhaa diinagdeefi siyaasaa biyya keenyarran gahee jiraachuu himuun diinagdee biyya keenyaaf hulaan galaanaa barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Biyya keenya keessatti nageenyi dursaa waan hundaa ta’uu eerun, lammiileen biyya keenyaa jalqabaratti tokkummaan nageenya keessoo isaa eeggachuu akka qaban dubbataniiru. Aadde Aminaat akka jedhanitti hawaasni hulaa galaanaa ilaalchisee hubannoo gahaa akka argatuuf mariin dargaggootaa, dubartootaa, hayyootaafi qaama dhimmi ilaallatu waliin taasifamuu qaba. “Akkuma hidha laga Abbayyaa tokkummaan waliin taanee eebbisifne hulaa galaanaa deebiffachuufis lamiileen hundi sabaan, afaaniifi amantaan osoo wal hin qoodin hirmaannaa cimaadhaan tokkumman mootummaa waliin hiriiruu qabna” jedhaniiru.

Dargaggoo Misbaahuu Taammiruu jiraataa godina Illuu Abbaaboor aanaa Daarimuu ganda Eediyoo irraa isaaniif hlaan galaanaa maal akka ta’e yeroo dubbatan hulaan galaanaa balbala biyyi tokko daangaa galaanarraan biyyoota addunyaatti ittin bobbaatee ol galtudha jedhaniiru. Hulaa galaanaa dhabuun nama osoo mana qabuu dallaan ijaarramee itti cuufamee jechuun barbaachismmaa hula galaanaa fakkeenya gochun kaaseera.

Itoophiyaan hulaa galaanaa dhabuu isheetti gadduu isaa ibsuun kanaan dura haalli Itoophiyaan hulaa galaanaa itti dhabuu dandeesse lammilee biyya kanaaf ifa kan hin turreefii hawaasni hubannoon hulaa galaanaa irratti qabu gadaanaa ta’uu isaa kaaseera. Hubannoo kana dhabuu keenyaanis keessattuu gama diinagdeen biyya keenyarra miidhaa cimaan dhaqqabuu ibseera. Qaala’insa gabaa biyya keenyaa muudatee jiruuf sababa inni guddaan hulaa galaanaa dhabuu akka ta’e dargaggoo Misbaahuun kaaseera. Lammiileen Itoophiyaa ammalle dhimma hulaa galaanaa hubannoo kan hin qabne waan jiraniif gama danda’amu hundaan hubannoo hawaasatti umuun barbaachisaa ta’uu ibseera. Tokkummaan jiraannan wanti hunduu akka danda’amu kaasuun lammiileen Itoophiyaa hundi tokkummaa isaanii eeggachuun gama hundaan dhiibbaa gochuu akka qaban dargaggoon kun dubbateera.

Yuunivarsiititti Jimmaatti barnoota digrii lammaffaa barachaa kan jiran, Mararaa Warquu, dhimma hulaa galaanaa irratti lammilee hundi hubannoo wal fakkaataa kan hin qabne ta’uu kaasanii dhimmi hulaa galaanaa dhimma waloo biyya kanaa kan ta’eefi siyaasa kamiyyuu kan bakka hin buune, faayidaa waloo biyya kanaa ta’uu isaa uummanni gadi fageenyan hubannoo qabaachuu akka qabu ergaa qaban dabarsaniiru. “Itoophiyaan baroottan soddomman darbaniif hulaa galaanaa dhabuu isheetin meeshaalee gara biyya keessaa galchuufi baasuu irratti baasii guddaaf saaxilamaa turteetti” kan jedhan barataa Mararaan, adeemsi yeroo ammaa hulaa galaanaa argachuuf taasifamaa jiru gaarii ta’ullee ammallee hirmaannaan lammiilee hundaa murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Kanaafis lammiilen biyya keenyaa sabaan, afaan, ilaalcha siyaasaafi paartiidhaan osoo gargar wal hin qoodin tokkummaadhaan faaayidaa waloo biyyoleessaa kanaaf akka qabsaa’uu qaban dubbataniiru. Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuun ishee kan hin oolledha kan jedhan barataa Mararaan, kunis adeemsa mariifi diiplomaasiin akkasumas seera hulaa galaanaa idil-addunyaatti fayyadamuun murteessaa ta’uu dubbataniiru. Kaappiteen Lammii Tashoomaa Elektiroo Teeknikaal offiseritti maarkaba irra kan hojjanidha. Hulaan galaanaa lafee dugdaa diinagdee biyyaa ta’uu eerun, biyya tokkoof meeshaalee gara keessaa galchuuniifi alatti erguun irra caalli isaa karaa ulaa gaalanaa kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.

Uummanni biyya keenyaa yeroo ammaa hubannoon inni hulaa galaanaa irratti qabu dabalaa kan dhufeefii tattaaffiin gama diippilomaasin jiru hubannoo hawaasatti uumaa jiraachuu dubbataniiru. Biyyoonni akka Jibuutii diinagdeen isaanii inni guddaan buufata galaanaa ta’uu kaasuun, biyyi keenyas gita kanaan hawaasni hundi hirmaannaa cimaa tasifnaan wanti hulaa galaanaa akka hin arganneef nu daangeessu hin jiru jedhaniiru.

Kaappiteen Lammiin akka jedhanitti Yuunivarsiitiin Baahir Daar waggaatti nama  kuma tokko qofa oogeessota ogummaa doonii oofuun barsiisaa kan jiru yoo ta’u,  gara fuulduraatti ogummicha bal’inaan leenjisuun hulaa galaanaa Itoophiyaa dabalatee biyyoota biraatti erguun Itoophiyaaf madda galii ta’uun kan gargaaru ta’uu dubbataniiru. Lammiileen Itoophiyaa hundi abdii guutuun hulaa galaanaa deebifachuu qabna jedhee yaadaafi qalbii guutudhaan itti amanuu akka qabu gorsaniiru. Hirmaannaan uummataa barbaachisaa waan ta’eef lammiin biyya keessaafi biyya alaa jiraatu hundi mootummaa cinaa hiriiruu akka qabu

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo