Jiini Muddee waqtii barbareen itti bilchaatu waan ta’eef namoonni baay’een ji’a kana keessa barbaree yeroo itti qopheeffatanidha. Magaalaa Baahir Daar naannawaa Gabaa Abunahaaraatti argamuun namoota barbaree bitatan hordofuuf yaalleerra. Kanaanis namoonni barbaree bitan xiyyeeffannoon isaanii guddaan gatii barbareen ittiin bitamu malee qulqullinaasaa adda baafachuu akka hintaane mirkaneeffanneerra. Namoota kanneen keessaa muraasa waa’ee ‘Aflaatooksinii’ waan beektan qabduu jennee gaafannaan homaa akka hin beekne nuti himaniiru. Haata’u malee, shammattoonni kun barbaree halluu diimaa gara gurraachaatti dhihaatu kan qabuufi kan hin caccabne akka bitatan dubbataniiru. Kanaan alatti barbareen fayyaa namaa irratti rakkoo fayyaa akka hordofsiisuu danda’u hubannoo kan hinqabne ta’uu himaniiru.
Maalummaa Aflaatooksinii, miidhaa akkamii akka fidu, sababaafi akkamitti ittisuun akka danda’amu ilaalchisee aflaatooksinii irratti qorannoo kan geggeessan Yuunivarsiitii Baahir Daaritti Itti gaafatamaa Muummee Barnootaa Keemikaalaafi Injinaariingii, Qulqullinaafi Nageenya Soorataa, Admaasuu Fantaa (Dr) dubbisneerra. Akka Doktar Admaasuu ibsanitti, aflaatooksiniin fangasii biyyee dabalatee wantoota bututaniifi midhaan keessatti oomishamu ta’ee summii baay’ee hamaa ta’edha. Fangasoonni ‘aspergilees filaavesiifi paarasitikaas’ jedhaman ammoo sababoota aflaatooksinii ta’uu eeraniiru. Soorataaleen bakka jiidhinsiifi ho’iinsi itti baay’atu taa’aan carraan aflaatooksiniif saaxilamuu isaanii olaanaadha jedhaniiru. Midhaan sirnaan walitti qabamee goggofamuun yoo hin kuufamiin carraan aflaatooksiniif saaxilamuusaa guddaa ta’udha doktar Admaasun kan kaasan.
Akka itti gaafatamichi jedhanitti Itoophiyaa keessatti aflaatoksiiniin yeroo baay’ee irra deddeebiin midhaanota kanneen akka boqqolloo, barbaree, loozii, midhaan zayitaa, nyaata beelladaafi k.k.f keessatti argamuu danda’a. Fakkeenyaaf qonnaan bultoonni barbaree haala barbaadamuun osoo hin gogsiin kuusuun yeroo daldaltootaaf dhiheessuu barbaadanitti barbareen akka hin caccabneef bishaan yeroo itti firfirsanitti rakkoon kn mdachuu akka danda’u itti gaafatamichi ibsaniiru. Daldaltoonnis qonnaan bultoota irraa bituun deebisanii hanga gurguranitti barbareen goggogee ulfaatnisaa akka gadi hinbuuneefi hincaccabneef jecha ammas bishaan kan itti facaasan ta’uu doktar Admaasuu dubbataniiru. Haala kanaan, barbareen goginsaafi jiidhinsa gidduu jiru aflaatooksinii uumuu jalqaba jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, yeroo baay’ee aflaatooksiniin ijaan waan argamu miti; garuu barbareen alaa’e tokko tokko aflaatooksiniin kan miidhame ta’uu mala.
”Sadarkaan jiidhinsa barbaree hanga dhibbentaa 12 gahutti gogfamuu qaba; sanaa gaditti yoo kan gogu ta’e ni caccaba” jedhaniiru. Akkasumas, dhibbentaa 12 ol yoo goge ammoo aflaatooksiniif kan saaxilamu ta’udha eraniiru. Doktar Admaasuu bu’aa qorannoo qonnaan bultoota aanolee barbaree oomishan irratti geggeessanii argataniin akka ibsanitti, qonnaan bultoonni barbaree ooyiruu isaanii irraa walitti qabuun jooniyyaatti erga naqanii booda daldaltootaatti gurguruu isaaniin duratti guyyoota sadii dursanii bishaan kan itti firfirsan ta’uu dubbataniiru. Aflaatooksiniin halluu barbaree jijjiiruu irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu dhiisuu akka danda’u hubachiisanii, garuu fayyaa namaaf gaarii akka hintaane himaniiru.
Namoonni miidhaa aflaatooksiniif kan saaxilaman soorataalee aflaatooksinii qaban kallattiin yoo sooratan ta’uu eeraniiru. Akkasumas beelladoonni nyaata beelladaa aflaatooksiniin faalame yeroo nyaatanitti dhalli namaa ammoo deebisee wayita aannaniifi foon beelladootaa fayyadamuutti miidhaaf saaxilamuu akka danda’uu dubbataniiru. Doktar Admaasuun.Aflaatooksiniin tiruu miidhuun kaansarii tiruu fida; dandeettii madiinummaa qaamaa ni hir’isa, akkasumas quucaruu daa’immanii ni hordofsiisa jedhaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin


