Ayyaanni Cuuphaa ayyaanota dirree irratti mana amantaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatin kabajamu keessaa isa tokkodha. Ayyaanni Cuuphaa hordoftoota amantaa Orotodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin waggaa waggaan Amajjii 10 Kataraa irraa eegalee hanga Amajjii 11’tti akkaataa duudhaa amantichaatin kan gaggeeffamudha. Kunis yeroo Iyyasuus Kiristoos harka Yohaannisitti laga Yordaanositti cuuphame yaadachuuf kan kabajamuudha.
Ayyaanni Cuuphaa Itoophiyaatt iddoowwan garagaraatti kan kabajamu yoo ta’u magaalaa Gondaritti garuu bifa adda ta’een kan kabajamudha. Ayyaanni Cuuphaa hundeeffama magaalaa Gondarin durallee iddoo kanatti kabajamaa turuu isaa seenaan nii dubbata. Taaten ayyaana Cuuphaa magaalaa Gondar adda taasisu keessaa tokko iddoo cuuphaan kun itti gaggeeffamu ajab! kan nama jechisiisu iddoo Cuuphaa Faasilidasidha. Kunis iddoo bishaan daakii mooticha Atsee Faasiladisin masaaraa mootummaa keessatti hojjetamedha. Yeroo ayyaanni Cuuphaa kabajamus iddoo kanatti Cuuphaan kan rawwaatamudha. Kana malees ayyaanni Cuuphaa magaalaa Gondar sabaafi sablammoota biyyattii garagaraafi lammileen biyyoota alaa addaa addaa irraa dhufan waliin kan kabajamudha. Kunis kabaja ayyaanichaa qofa osoo hin ta’in dirree obbolummaan sabaafi sablammootaa akkasumas amantaalee garaagaraa kan itti cimudha.
Ayyaanicha irratti kan hirmaatan hordoftoota amantichaa qofa osoo hin taane hordoftoonni amantaa garagaraa hordofan kannen akka piroteestaantii, kaatolikiifi amantaa musilimaa tokkummaan ayyanicha irratti argamuun waloomaan kan kabajanidha. Ayyaanicha irratti afaanonni garagaraa kan dubbatamanidha. Fakkeenyaf afaan Yihuudii, afaan Arabaa, afaan Gi’izii, afaan Qimaantiifi kanneen biroo kabaja ayyaana kana irratti nii dubbatamu. Kunis ayyaana sabdaneessummaafi ayyaana waloomaa ta’uu isaa kan calaqqisiisudha. Kunimmoo ayyaana amantaa ta’uurra darbee dadammaqina tuurizimiifi maqaa gaarii biyyattii guddisuu keessatti qooda olaanaa qaba.
Itti gaafatamaan qajeelcha Aadaafi Turizimii bulchiinsa magaalaa Gondar obbo Li’iliinnaa Abbabaa, magaalaa Gondar keessa amantaan gara garaa jiraatullee harki caalu hordoftoota amantaa Ortoodoksii waan ta’aniif, hawaasni durirraa eegalee ayyaana Cuuphaa kabajaa turuu isaanii dubbataniiru. Aadaa uffannaa Gondar kan argachuu danda’an yeroo kabaja ayyaanota gara garaati, kessumaa immoo ayyaana Cuuphaarrattidha. Ayyaanicharrattis dubbattoota afaan garagaraatu kan argamu yoo ta’u, isaanis afaan Yihuudaa, Qimaant, Gi’izii, Armeeniyaa fi kanneen biroo ayyanicharratti kan argaman yoo ta’u kunimmoo miira waliinummaa kan namatti uumu ta’uu kaasaniiru.
Obbo Ayichaw Addisuu bulchiinsa magaala Gondaritti itti gaafatamaa misooma Turizimiifi eegumsa Bobbocaati. “Biyya keenya keessatti Gondar magaalaa sadaffaa yoo taatu, utubaafi dagalee biyyatti keessatti magaalaa seena qabeettidha” jedhaniiru. Iddoolee kanneen biroo irraa Gondaritti ayyaana Cuuphaaa kabajuu wanti adda godhu nannawaa masaraa mootiitti kabajamuun isaa simboo addaa itti godha jedhaniiru. Kana malees kabajni ayyaana Cuuphaa magaalaa Goondaritti wanti adda taasisu mukkeen baay’inaan argamuufi bishaan uumamaa naannoo kanatti argaman ta’uu dubbataniiru.
Gaggeessaan kutaa lallaba giddu gala Gondar Abbaa Yoosef Dastaan akka jedhanitti manni amantaa Tawaahidoo Ortodoksii Itoophiyaa aadaa Itoophiyaanoota qabdi kunis yeroo ayyaanni Cuuphaa kabajamu wantoota bu’uura afuurin kabajamu. Isaanis aadaa uffannaa, aadaa yeedaloo, aadaa keessummaa simachuufi aadaa angafa kabajuutu jira. Yeroo ayyaanni kun kabajamus aadaawwan kanneenin dabaalamee kan kabajamudha. Abbaa Yoosef akka jedhanitti aadaa kana abbootiii isaanirraa kan fudhataniifi ijoollee isaanitti kan dabarsanidha. Baatii Amajjii keessa naannon Amaaraa ayyaana Cuuphaa malees ayyaanota dirree kanneen biroo nii keessummeessa. Isaan keessaa tokko sosochii Turizimii ji’a Amajji Bahir Daar kan jedhamudha. kunis sosochiwwan turizimii magaalaa Bahir Daar haala garagaraatiin yeroo agarsifamuufi kabajamudha. kana malees ji’a Amajjii keessaa naannoo Amaaratti bifa garagaraatin ayyaanonni dirree ni kabajamu. Kunis tokkummaa uummataa cimsuu bira darbee sosochii turizimii keessatti gahee guddaa kan qabufii madda galii ta’uun kan gargaarudha.
Ayyaanni Cuuphaa bara kanas magaalaa Gondar iddoo cuuphaa Faasilidasitti haala hoo’aa ta’een kabajameera. Sirna kabaja ayyaanichaa irratti Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee, Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar, itti aanaan muummee ministira Tamasgeen Xurunah, bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaafi keessummoonni adda addaa argamaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


