Sirna Dijitaalaa Hojmaata Ammayyessuu

  

Sirni dijitaalaa hoj-maata badaa ittisuurra darbee tajaajila si’ataa kennuuf gahee guddaa qaba. Itoophiyaan bara 2030 Afriikaatti walitti hidhamiinsa dijitaalaa, sirna faayinaansii hammataafi tajaajila si’ataa mirkaneessuuf carraaqqii taasitu keessatti Waraqaan Eenyummaa Dijitaalaa utubaa ijoo ta’ee akka tajaajilu ni dubbatama. Akka biyyaatti tajaajilamaafi tajaajiltoota gidduutti wal amantaafi iftoominni akka guddatuuf sirni mijataan akka jiraatuuf waraqichi hojiitti galeera.

Jiraataan magaalaa Kamisee Addunyaa Siyyum ”hubannoon argadheen waraqaan eenyummeessaa kun faayidaa inni qabu hubadhee yeroo ammaa of harka galchadheera” jedhaniiru. Duraan namni tokko waraqaa eenyummaa garaagaraa maqaasaatiin qabatee socho’aa turuu kaasanii, kan dijitaalaa kun daldalaafi kenninsa tajaajila hawaasummaa keessatti gochoota waliin dha’iinsaafi seer-alummaa hambisuuf gumaacha qabaachuu eeraniiru.

Bulchiinsa Sablammii Oromootti Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa obbo Addisuu Barrihuun, hojiirra oolmaan imaammata dijitaalaa, uummanni tajaajiloota teekinooloojii garaagaraa akka fayyadamu carraa banuusaa kaasaniiru. Akka fakkeenyaatti mala kaffaltii elektirooniksii, waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaafi teekinooloojiiwwan biroo fayyadamuun akka jalqabu taasiseera jechuun eeraniiru.

Waraqaan eenyummaa dijitaalaa dhaabbilee tajaajila hawaasummaa kennan garaagaraa waliin walitti hidhamiinsa waan qabuuf tajaajiloota hunda hammataa kennuu danda’a jedhan itti gaafatamichi. Obbo Addisuun ‘’waraqaawwan eenyummaa biroo bakka bu’uun akka waraqaa eenyummaa bu’uuraa tokkootti fudhatamuu kan danda’udha’’ jedhaniiru. Hoj-maanni dijitaalaa saffisa hojiif, dogoggora sirreessuufi yeroo qusachuuf faayidaa guddaa qabaachuu dubbataniiru. Sirna daldalaafi kenninsa tajaajilaa keessatti hoj-maata seeraan alaa raawwatamuu malu ammayyeessuufi dijitaalessuun gochoota badaa ta’an hir’isuuf gumaacha olaanaa qabaachuu himaniiru. Yeroo ammaa magaalonni gurguddoo tokko tokko hoj-maata isaanii dijiitaala taasisaa jiraachuu kaasanii, kunis tajaajila ariifataa kennuu bira darbee hoj-maata badaa ittisuuf kan dandeessisudha jedhaniiru.

Bulchiinsichatti hawaasni naannawaa magaalaa jiraatu waraqicha argachuuf galmaa’anii fudhachaa jiraachuu eeranii, hojjettoonni mootummaa guutummaatti baafahuu hubachiisaniiru. Hawaasa kutaalee baadiyyaa bulchiinsichaa itti fayyadamtoota waraqichaa taasisuuf hojii hubannoo dhimma kanarratti kennuuf gahe qabeessota waliin hanga gandaatti gadi bu’anii xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Gara fuulduraatti dhaabbileen bulchiinsichaa waraqaa dijitaalaan tajaajila akka kennaniif hubannoo dhaabbileef kennuu isaa ibsaniiru. Dhaabbilee bulchiinsicha keessatti argaman kanneen akka Teelee, Baankii, Mana Murtii, Waajjira Poolisii, Waajjira Tajaajila Bishaan dhugaatiifi dhaabbileen biroo yeroo muraasaan boodatti Waraqaa Dijitaalaan tajaajila kennuu akka jalqabaniif irratti hojjechaa jirra jedhaniiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad (Dr) sagantaa jalqabsiisa dijitaala Itoophiyaa 2030 irratti argamuun ibsa kennaniin, dijitaalli Itoophiyaa 2025 milkaa’inaan hojiirra ooluun xumuramuu ibsaniiru. Tarsiimoo dijitaala Itoophiyaa 2025 milkaa’inaan goolabameen bu’ii ba’ii manneen hojii mootummaa hangam hammaataa akka ta’e ifatti kan ittiin adda bahedha jedhaniiru. Haasaa taasisaniin, dijitaala Itoophiyaa 2030 jalqabameen mootummaan hoj-maata badaafi dadhabbii guutummaatti kan ittiin hambisu ta’uu dubbataniiru. 2030’ttis sirna dijitaalaa magaalota gidduutti babal’isuun hannaafi gidiraa hambisuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo