Kubbaan miilaa jaallatamaafi haalaan kan daawwatamudha. Gosni ispoortii kun akka biyya keenyaatti hanga guddachuu qabu guddachuu dhabuun isaafi bu’aa isaaf malu argachuu dhabuun isaa ammoo namoota hedduu mufachiisa. Kubbaan miilaa Itoophiyaa keessatti jaallatamaa ta’uu isaa mirkaneeffachuuf naannowwan namoonni jiraatanitti kubbaa carqii hanga laastikaatti namoonni baay’een yeroo taphatan waan mul’atuuf agarsiistudha. Wanti nama gaddisiisu garuu biyya kubbaan miilaa haala kanaan jaallatamu keessatti gareen biyyaalessaa biyyattiifi kilaboonni dorgomoo ta’uu dhabuu isaaniiti.
Kubbaa miilaa Afrikaatiif biyyi oolmaa guddaa oolte Itoophiyaan, gareewwan baay’ee booda isheetiin dhufaniin durfamuu erga jalqabdee turteetti. Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa 3ffaa mo’achuun ishee seenaa dorgommii kubbaa miilaa keessatti ni yaadatama. Bara 1954’tti ture. Waancaa Afrikaa 1ffaafi 2ffaa Sudaaniif Misiriitti taphatamee Misriin mo’achuu dandeesseetti. Waancaan Afrikaa 3ffaa Istaadiyeemii Hayile Sillaaseetti geggeeffameen Itoophiyaan, keessummeessituu waan taateef dorgommii isa dura taasifameen Misriin injifattee waan turteef dorgommiin calallii osoo hin taasifamiin xumura kallattiin darbaniiru.
Tuuniziyaa, Morookoo, Gaanaa, Naajeeriyaa, Keeniyaa, Sudaaniifi Ugaandaa dorgommii calallii taasisaniiru. Tuuniziyaafi Ugaandaan calallicha kan darban yoo ta’u, Itoophiyaafi Misriin itti dabalaman. Amajjii 6/1954 Itoophiyaan waancaa kanaaf gahuuf Tuuniziyaa waliin taphatte. Miirri deeggartootaa adda ture. Sababni isaas waancaawwan darban irratti gareen biyyaalessaa hirmaachuu malee hin injifanne ture. Itoophiyaan tapha kana 4 fi 2’n injifatte. Masriifi Ugaandaanis taphatanii Misriin injifatte. Itoophiyaanis waancaa kanaaf Misrii waliin wal morkii taasiste. Amajjii 13 bara 1954 tapha waancaa Itoophiyaafi Misrii gidduutti taphatameef baay’ee dubbatamaa ture, taphni waancaa Itoophiyaafi Misrii giddutti Istaadiyemii Hayile Sillaaseetti geggeeffame. Istaadiyeemichi mootii Hayile Sillaasee dabalatee haalaan guuteera. Taphichi ni jalqabame. Dirree sana keessatti xiiqiifi sodaan ni mul’ata.
Gareen biyyaalessaa Misrii waancaa Afrikaa 1ffaafi 2ffaan Itoophiyaafi Sudaaniin garaagarummaa galchii hedduun injifachuun abbaa waanca ta’e. Taphichi jalqabamee daqiiqaa hedduu utuu hinturiin gareen Misrii galche, dirreen istaadiyemii deggertootaa ho’e ni tasgabbaa’e. Taphni jalqabaa qabxii kanaa raawwatame. Taphattoonni kutaa uffata itti jijjiirratan yeroo gahanitti ”mo’atamuun hindanda’amu” jedhan. Muddamni kun haaluma kanaan utuu jiruu taphni marsaa 2ffaa ni jalqabame, qabxiidhaan qixxee Misrii taate. Daqiiqaan gara xumuraatti dhihaachaa jira, Itoophiyoonni humna xiiqiin guutameen garee Misriitti ibidda ta’uun itti fufan. Injifannoon Misriin mudate kallattii dirree afraniin akka dhagahamu hin shakkisiisu. Dhumarratti Luuchaanoo Vaasaaloo Itoophiyaa dubbii hamaarraa oolche. Taphichi xumuramuu isaatiin duratti galchii lakkoofsise. Gammachuun kanneen wal hammatan, boo’an, waan qabuufi dhiisuu kanneen wallaalan manni haalakka’u. Saffisni taphichaa dabaluun yeroo itti fufetti humni garee Misrii ni hir’ate. Mangistuu Warquu, Vaasaaloofi Itaaloo Vaasaaloo jifattoota Misritti qormaata ta’an. Itaaloon galchii 3ffaa, Mangistuun ammoo galchii arfaffaa walitti aansuun lakkoofsisan. Taphichi galchii 4 fi 2 xumurame. Dursaan garichaa Luchiyaanoon waancicha harka mootii Haayile Sillaasee irraa fudhatan. Sirbi ykn walleen ”Ayya hoo…hoo..hoo maataa nawu dilee” jedhu magaalaa guddoo biyyattiitti sirbamaa buluusaaf barruuwwan gaazexaafi qophiilee raadiyoon dhimmicha irratti darban ragaadha. Injifannoon kun kan argame waggaa 64 guuteera. Hanga seenaa haaraa hojjennuutti injifannoo kubbaa miilaa yeroo sanaa yaadachaa jiraanna. Galanni warra seenaa hojjet
Guddinaa Asaffaatiin


