Ameerikaan Biyyoota 75 Irratti Uggura Viizaa Godaantotaa Labsite

 

Ameerikaan lammiilee biyyoota 75’f kenniinsa viizaa godaantotaa yeroo hin murtoofneef dhaabuu ifoomsiteetti. Biyyoota kanneen keessa Itoophiyaa, Eertiraa, Misrii, Somaaliyaa, Sudaaniifi Sudaan Kibbaa biyyoota uggura kana jalatti eeramanidha. Murteen viizaa dhaabuu kun kan darbe Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa hoj-maata sakatta’insa iyyattootaaf irra deebi’ee madaaluuf murteeffachuu akka ta’e ibsameera.  Qajeelfamni Ministeera Dhimma Alaa kun iyyattoota “mootummaa  irratti hirkachuu danda’an adda baasuuf”  jecha, qondaaltonni qoonsilaa Ameerikaa viizaa kennuu akka dhaaban qajeelfamni kennameera. Adeemsi viizaa dhaabuu kun Amajji 13 bara 2018 irraa eegalee hojiirra kan oolu yoo ta’u, hanga adeemsi qorannoo xumuramutti viizaa kennuun yeroo hin murtoofneefi akka dhaabbatu himameera.

Akka lakkoofsa Awuroppaa Sadaasa bara 2025 Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa Imbaasiiwwan biyyattii addunyaa irra jiran maraaf xalayaa barreesseen, qondaaltonni qoonsilaa tumaa seera immigireeshinii Paabliki Chaarji (Public charge) jedhamu jalatti tarkaanfiiwwan seera qorannoo fooyya’aa akka hojiirra oolchan ajajeera.  Akka ibsa Ministeera Dhimma Alaa biyyattii jedhuutti, lammiileen biyyoota uggura kanaan miidhaman ammallee iyyannoo viizaa godaantotaa dhiheessuu danda’u, garuu yeroo boqonnaan jirutti viizaan godaantotaa kamiyyuu hin raggaasifamu ykn hin kennamu. Mootummaan Ameerikaa yeroo murtaa’e yoom adabbiin kun kaafamuu akka danda’u ifatti hin keenye.

Gama kanaan biyyoota Kamtuu miidhaaf saaxilamuu mala?

Kaameruun, Keeppi Vardee, Kolombiyaa, Kooti Divaar, Kuubaa, Rippaablika Dimokiraatawaa  Koongoo, Doominikaa, Misrii, Ertiraa, Itoophiyaa, Fiijii, Gaambiyaa, Ji’oorjiyaa, Gaanaafi Gireenaadaa fa’i jechuun Aljzeeraan gabaaseera. Ji’oota darban keessa bulchiinsi Tiraampi seera immigireeshinii jabeesseera. Keessumaa namoota biyyoota adeemsi qorannoo isaanii gahaa ta’ee cimaa miti jedhamee ykn balaa nageenya biyyaalessaa ta’uu danda’u jedhee amanu irraa dhufan keessatii haalaan irratti xiyyeeffateera. Ministeerri Dhimma Alaa godaansa biyyoota kana irraa dhufan irratti daangaa babal’isee jira.  Waayit Haawus ibsa ji’a Amajjii bara 2025 baaseen, Ameerikaan qabeenya uummataa irratti dhiibbaa utuu hin godhiin, yaaddoo nageenyaa osoo hin uumiin ykn namoonni haaraa dhufan walitti makamuu osoo hin rakkisiin godaantota baay’inaan keessattuu baqattoota baay’ee fudhachuu akka hin dandeenye ibseera.

Ji’a Waxabajjii keessa bulchiinsi kun kana caalaa deemee lammiilee biyyoota 12 kanneen akka Afgaanistaan, Chaad, Koongoo, Ikuwaatooriyaal Giinii, Eertiraa, Heeyitii, Iraan, Liibiyaa, Miyanmaar, Somaaliyaa, Sudaaniifi Yaman irraa dhufan irratti uggura imala guutuu kaa’eera.  Hanga Onkoloolessaa, Waayit Haawus seenaa Ameerikaa keessatti baqattoota galmeessuun sadarkaa gadi aanaa ta’e kan beeksise yoo ta’u, bara baajataa 2026’tti baqattoota kuma 7fi 500 qofa akka ta’an daangaa kaa’eera.  Irra caalaan isaanii lammiilee Afrikaa ardii Afrikaa Kibbaa irraa dhufaniif kan oolu ta’a. Tiraampi yaadota shira fashalaa’an kanneen adii Afrikaa Kibbaa irratti duguuggaa sanyii raawwatame himatan cimsaniiru. Haa ta’u malee ragaan akka agarsiisutti yakki jeequmsaa biyyattii keessatti olaanaa ta’uu isaafi miidhamtoonni sanyii adda addaa ta’uu isaaniiti.

Kanuma bu’uureffachuun bulchiinsi Tiraampi sagantaalee gargaarsa biyya alaa baqattoota biyyoota biroo keessa jiraatan deeggaraa ture addaan kuteera. Haluma kanaan, kaffaltii viizaa H-1B  dhaabbileen Ameerikaa hojjettoota biyya alaa qacaruuf itti fayyadaman baay’ee dabaluudhaan baasii iyyannoo tokkoof gara doolaara kuma 100 ‘tti ol guddiseera. Lammiin Afgaanistaan ​​tokko kan baatii Sadaasaa keessa miseensota Eegdota Biyyaalessaa lama Waashingitan DC keessatti rasaasaan rukutameen walqabatee hidhamuu hordofuun mootummaan uggura imala dabalataa kaa’eera.  Tarreen ugguraa kun biyyoota 12 kanaan dura lammiileen isaanii dhorkamanii turan bira darbee biyyoota dabalataa ja’a hammachuudhaaf babal’ateera.  Biyyoonni haaraan jahan dabalaman Paalaastaayiin, Burkiinaa Faasoo, Maalii, Niijer, Sudaan Kibbaafi Siiriyaa turan. Qondaaltonni immigireeshiniis dhimmoota koolugaltummaa dhaabsisanii, namoota biyyoota jalqaba uggura kanaan miidhamaniif iyyata lammummaafi kaardii magariisaa hojjechuu dhaabaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo