Faayidaa Buufata Fayyaatti Da’uun Qabu

 

Buufata fayyaatti da’uun fayyaa haadholiifi daa’immaniif faayidaa guddaa qaba. Ogeessota deessistootaan kunuunsa hatattamaa argachuufi naannoo qulqullina qabutti waan da’aniif deggarsi buufata fayyaatti taasifaman kun rakkoolee fayyaa haadholiifi daa’immanii mudachuu malan ni hir’isu.

Aadde Zahaaraa Ahimad magaala Kamiseetti kan jiraatan yoo ta’an, waa’ee fayyaa haadhummaa irratti ogeessota ekisteeshinii fayyaa irraa hubannoo fudhachaa turuu dubbataniiru. Kanas galtee taasifachuun dahumsa duraafi boodatti gara buufata fayyaa deemuun hordoffii fayyaa nan taasisa jedhaniiru. Yeroo ciniinsuuttis buufata fayyaatti tajaajila dahumsaa kan argatan ta’uu kaasaniiru. Buufata fayyaatti dahuun fayyummaa haadhaafi daa’imaaf bakka guddaa qabaachuu himaniiru.

Itti gaafatamaan Buufata Fayyaa Bulchiinsa magaalaa Kamisee, Idiris Abduu, haadholiin hordoffii da’umsa duraafi boodaa akka taasisaniif hubannoo uumaa turuu dubbataniiru. Bu’aa hubannichaan bara baajataa amma kurmaana 2ffaatti haadholiin 500 ol buufata fayyaatti da’anii jiraachuu eeraniiru. Haadholiin buufataa fayyaa Kamiseetti tajaajila hordoffii fayyaa dahumsaa duraafi booda argachaa akka jiran kaasaniiru.  ‘’Haadholiin hordoffii fayyaa taasisaniin buufataalee fayyaatti daa’ima erga argataniin booda daa’imman fayya-qabeeyyii ta’anii akka guddataniif nyaata madaalamaa argachuu akka qaban ni gorsina” jedhaniiru.  Tajaajila fayyaa haadholiifi daa’immanii guddisuuf ogeessota ekisteeshinii fayyaafi deessistuwwaniin tajaajilli qulqullina qabu kennamaa akka jiru ibsaniiru.

Obbo Idiris akka jedhaniitti, haadholiin buufata fayyaatti tajaajila dahumsaa yoo argatan, deessistootaafi narsoota leenjii fayyaa qabaniifi deessisuu irratti muuxannoo guddaa qabaniin haadholiif tajaajilli ni kennama. Rakkoon gar-malee dhiiguu da’umsaan boodaa yoo mudate kunuunsa hatattamaa ni argatu kan jedhan itti gaafatamaan kun meeshaaleen wal’aansa fayyaa ulfa danqame ofkalchiisu waan jiruuf lubbuu haadholii baraaruun kan danda’amu ta’uu kaasaniiru. Mooraan dhaabbata fayyaa isaanii qulqullina waan qabuuf balaa infeekishinii haadholii bakka da’umsaa qulqulluu hin taaneen mudachuu danda’u hir’isas jedhaniiru.

Haadholiin erga da’anii booda sa’aatiifi guyyoota muraasa keessatti kunuunsaafi hordoffii barbaachisaa ta’e kan argatan yoo ta’u, kunis akka gaariitti fayyuu isaanii mirkaneessuufi rakkoowwan uumaman kamiyyuu furuuf shoora olaanaa qabaachuu addeessaniiru. Fayyaa daa’immaniifis shoora inni qabu yoo ibsan ogeessonni fayyaa rakkoolee kanneen akka hafuura baafachuu dadhabuu daa’imman amma dhalatanii battalumatti adda baasuufi to’achuun yaala barbaachisaa kan kennaniif ta’uu dubbataniiru. Daa’imman buufata fayyaatti dhalatan baakteeriyaafi vaayirasii miidhaa geessisaniif akka hin saaxilamneef ni gargaara jedhaniiru.

Itti aantuun itti gaafatamtuu Qajeelcha Fayyaa bulchiinsicha sablammii Oromoo,  siistar Anshaa Mahaammad buufataaleen fayyaa qulqullina tajaajila fayyaa haadholiif kennamu fooyyessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu kaasanii, lakkoofsi haadholii tajaajila dahumsa duraafi boodaa argatan dabaluu isaan carraa rakkoolee haadholii mudachuu danda’an hir’achuu ibsaniiru. Fayyaa hadhummaaf dahumsa duraafi boodaatti haadholiin hunduu odeeffannoo fayyaa barbaachisaafi dhaqqabamaafi tajaajila fayyaa akka argataniif taasifamaa turuufi jiraachuu dubbataniiru.  Du’aatii haadholiifi daa’immanii ittisuuf buufataalee fayyaatti tajaajila baqaqsanii yaaluu jalqabuuf qophiitti jiraachuu himaniiru. Ogeeyyiin fayyaa, qooda fudhattoonni hundi fayyaa haadholiifi daa’immanii fooyyessuu keessatti gahee isaanii bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Fayyaa naannoo Amaaraa Abbabaa Timtimee,  sagantaa ji’a fayyaa haadhummaa ilaalchisee yaada kennaniin, guyyaan fayyaa haadhummaa ji’a Amajjii sadarkaa Addunyaatti yeroo 39ffaaf akka biyyaatti yeroo 20ffaaf akkasumas, akka naannoo Amaaraatti yeroo 16ffaa kabajama jedhaniiru. Haati biyya kan dhaaltuufi dhaloota kan ittifufsiistu waan taateef, fayyaa haadhummaa irratti hubannoo uumuun dhaloota ittifufsiisuun hojii boruuf kaa’amu kan hin taane ta’uu ibsaniiru. Hojii hanga ammaatti hojjetameen haadholii du’arraa baraaruun walqabatee bu’aaleen jajjabeessoo  galmaa’uu eeraniiru.

‘’Yeroo dhukkubni isaan mudatutti tajaajilli baqaqsanii yaaluu haadholiif waan barbaachisuuf tajaajilicha hospitaala qofatti kennuun gahaa miti yaada jedhuun hospitaalota 100 naannicha keessatti argamaniin dabalatee buufataaleen fayyaa 36 tajaajila baqaqsanii yaaluu kennaa jiru’’  jedhaniiru.  Akka obbo Abbabaan jedhanitti sadarkaa naannichaatti ji’oota jahan darbanitti, haadholiin kuma 305 ol dhaabbilee fayyaatti tajaajila dahumsaa argataniiru. Haala qabatamaa amma jiruun haadholiin tajaajila dahumsaa dhaabbata fayyaatti argatan dhibbentaa 75 ta’uu kaasanii, dhibbentaa 25 hafan gara dhaabbata fayyaatti akka dhufan taasisuuf tumsi qooda fudhattootaa hunduu barbaachisaadha jedhaniiru. Sadarkaa naannichaatti buufataaleen fayyaa 600 ol bakka tursiisa haadholii qabaachuu kaasanii, buufataaleen 318 tajaajila altiraasaawundii kan kennan ta’uu hubachiisaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo