Gurraandhala 12, Guyyaan Yaadannoo Wareegamtootaa guyyaa gootonniifi lammiileen Itoophiyaa kuma 30 ol ta’an bara 1929tti koloneeffattoota Xaaliyaaniitiin haleellaa irratti rawwatameen ajjeefaman yaadachuuf waggaa wagaan kan kabajamudha. Gootonni Itoophiyaa Abrihaam Dabociifi Mogas Asgidoom hoggantota Xaaliyaanii yericha Itoophiyaa keessa turan, Maarshaal Roodoolfi Giraaziyaanii ajjeesuuf yaalii taasisaniin, Giraaziiyaanii madeessuun wal qabatee haleellaa hamaan lammilee Itoophiyaa irratti raawwateera. Sababa kanaan haaloo ba’uuf jecha humni Xaaliyaanii lammiilee Addis Ababaafi naannoo ishee jiraatan irratti haleellaa raawwateen lubbuun lammiilee kuma 30 ol bifa suukaneessaa ta’een darbeera.
Siidaan yaadannoo wareegamtootas magaalaa Addis Ababaa iddoo addaa Siddisti Kiilootti wareegamtootaf kan dhaabate yoo ta’u, waggaa waggaan siidaa yaadannoo kana jala gunguma abaaboo kaa’uun, sagantaalee yaadannoo adda addaa gaggeessuun kabajama. Bara kanas Gurraandhala 12 bara 2018 guyyaa wareegamtotaa 89ffaan magaalaa Addis Ababaatti sirnoota adda addaatin kabajameera.
Iyyoob Addunnaa Jiraataa bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Sulultaati. Gurraandhalli 12 seenaa biyya keenyaa keessatti guyyaa addaafi wareegamni guddaan lammiilee Itoophiyaa hundaan kaffalame ta’uu dubbataniiru. Tokkummaan biyya keenyaa har’aa wareegama lammiilee kaleessaa sabaan, amantaan, gosaafi afaanin osoo wal hin qoodin aarsaa abboonni keenya waliin taasisaniin ta’uu yaadataniiru. Aarsaa Aabboonni keenya kaleessa lafee itti cabsanii, dhiiga itti dhangalaasanii nutti dabarsan dhaloonni ammaa tiksuun immoo dirqama dhaloota amma jiru kanaa ta’uu ibsaniiru.
Milkiyaas Tolasaa jiraataa magaalaa Addis Abaabaa kutaa magaalaa Addis Katamaati. Guyyaan wareegamtootaa guyyaa seena qabeessa ta’uu eerun, guyyaa lammiileen biyyattii birmadummaa Itoophiyaa har’aaf aarsaa itti ta’an ta’uu dubbataniiru. “Abbootii keenyarraa barnoota guddaa arganneerra’’ kan jedhan Milkiyaas, dhaloonni amma jiru akkuma abboota keenya kaleessa birmadummaa biyya kanaa eeggachuun, biyya keenyaaf wareegamuun dirqama dhalooti jedhaniiru. Abbootin keenya kaleessaa osoo wal hin qoodin ijaarsa biyya kanaaf utubaa ta’aniiru, dhaloonni ammas osoo sabaan, amantaafi afaanin wal hin qoodin birmadummaa biyya isaa tikfachuu akka qabu dhaamaniiru.
Barsiisaa Daannaachoo Tolasaa, yuunivarsiitii Wallootti barsiisaa seenati. Hayyuun kun humnoonni Koloneeffattoota Xaaliyaanii yeroo sanaa bara 1928tti gita bittaa irra deebiin kan yaalan yoo ta’u, uummanni Itoophiyaa gita bittaa kana ofirraa kaasuuf mormii gaggeessaa kan ture ta’uu dubbataniiru. Mormii taasisaa turaniin injifatamanis, osoo abdii hin kutin qabsoo itti fufaniin, Abrihaam Dabociifi Mogos Asagidoom haaleellaa hogganaa humnoota Xaaliyaanii yeroo sanaa, Rodoolfi Giraaziiyaanii irratti gaggeessaniin madeessuu danda’uu isaanii ibsaaniiru. Haluma kanaan humnoonni Xaaliyaanii kun haaloo bahachuuf jecha hawaasa Addis Ababaafi naannawaa isheetti jiraatan irratti haleellaa sukkanessaa bananiin lammiileen Itoophiyaa, daa’imman irraa hanga manguddootti saalan, umuriin, afaan, sabaafii amantaan osoo adda hin qoodin haleellaa guyyoota sadii walitti fufinsaan raawwataniin lammiileen kuma 30 ol ta’an haala suukkaneessaan ajjeeffamuu isaanii barsiisaa Daannachoon kaasaniiru.
Kanuma sababeeffachuun siidaan yaaddannoo wareegamtootaa magaalaa Addis Ababaa Siddisti kiilotti siidaan kun dhaabbachuun, Gurraandhala 12 guyyaan wareegamtootaa kan kabajamuu eegale ta’uu dubbataniiru. Guyyaan kun seenaa Itoophiyaa keessatti mallattoo jabinaa, gootummaafi wareegama bilisummaaf kan kaffalamee ta’uu ibsaniiru. “Biyyi keenya har’aa seenaa abbootii keenya kaleessaan ijaaramte, wareegamni aabbootii keenya kaleessaa dhaloota ammaaf bu’uura ta’e, dhaloonni amma jirus akkuma abbootii keenyaa aarsaa kaffalee biyya kana dhaloota nu booddee jiran dhaalchisuu qabu” jechuun barsiisaan kun gorsaniiru. “Lammii biyya biraatu birmadummaa keenya nuuf eegaa miti, birmadummaa biyya kanaa eeguun mirgaa osoo hin taane dirqama dhaloota amma jiru kanaati” jedhaniiru. Uummanni yeroo sanaatti wareegame lammiilee biyyattii hundaati kan jedhan barsiisaa Daannachon, lammiileen biyya kana har’as osoo gooxiin, amantaan, sabaafi afaanin wal hin qoodin tokkummaan dhaabbachuun birmadummaa biyya kanaa eeguu akka qaban dhaamaniiru.
Guyyaan Yaadannoo Wareegamtoota, guyyaa gootonni Itoophiyaa duraanii, biliisummaa Itoophiyaanotaaf itti wareegaman, guyyaa addaa ta’uu Pirezidaantiin Waldaa Gootota Itoophiyaa duraanii Lij Daani’eel Jootee Masfin himaniiru. Goototni Itoophiyaa duraanii garaagarummaa tokko malee sababa Itoophiyaa ta’aniif qofa, humnoota Xaaliyaaniin bakka tokkotti wareegamuun, Itoophiyaanonni waa’ee biyya isaaniif yeroo hundaa tokkummaan dhaabbachuu isaanii kan mirkaneessedha jedhaniru. Dhaloonni ammaa tokkummaafi jaalalaan biyya gootota Itoophiyaa duraanii irraa barachuun, nageenyaafi tasgabbii biyya isaanii gootummaan eeguu akka qaban Lij Daani’eel Jootee Masfin sirna yaadannoo kana irratti ergaa dabarsaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


