Warshaan Xaa’oo Biyya Keessaa Boqonnaa Harawa Damee Qonnaa

‎Itoophiyaan karoora misoomaa isheetiin qonna ammayyeessuufi oomisha guddisuun hiyyummaa hir’isuuf hojii bal’aa hojjechaa jirti. Haata’u malee rakkoo hirmattummaa xaa’oo alarraan kan ka’e yeroo dheeraaf kutaa qonnaarratti qormaanni guddaan tureera. Kunis qonnaan bultoota irratti gatii ol’aanaa, hanqinaafi rakkoo dhiyeessii yerootiin wal qabatee  miidhaa fideera. Haala kana keessatti, pirojektiin warshaan xaa’oo biyya keessatti ijaaramaa jiru abdii haaraa kan uume ta’ee mul’ata.

‎Warshaa Xaa’oo kunis doolaara Biiliyoona 2.5’n ijaaramuuf waliigalteen qooddannaa gahee Invastimanti Holdiingii Itoophiyaafi Dhaabbata Xaa’oo Daangootee gidduutti mallatteeffamuun kan yaadatamudha. Warshaa xaa’oo kunis kan ijaaramu Naannoo Somaalee, Godeetti yoo ta’u, waggoota sadii hanga shaniitti ijaarramee xumuramuuf karoorfameera. Pirojaktiin kun ijaaramee yoo xumurame hirkattummaa alaa hir’isuun qofa osoo hin taane, dinagdee biyya keessa jabeessuu, carraa hojii uumuufi oomisha qonnaa guddisuuf shoora olaanaa qaba jedhamee eegama.

‎Obbo Usmaan Huseen Jiraataa aanaa Dawwee Harawaa ganda Dirreeti. Warshaan xaa’oo biyya keessatti ijaaramaa jiru kun abdii guddaa nuuf fideera jedhaniiru. “Kanaan dura yeroo baay’ee xaa’oo argachuuf yeroo dheeraa eegna ture, erga yeroo qonnaa darbee boodas nu dhaqqaba ture” jechuun komii qaban ibsaniiru. Amma garuu yeroo warshaan kun xumuramee hojii jalqabu, xaa’oon yeroo isaa eeggatee akka isaan bira ga’u abdii qaban ibsaniiru. “Keessumaa immoo gatiin xaa’oo yeroo yeroon dabaluun isaa miidhaa cimaa nurratti dhaqqabsiisaa jira” jedhaniiru. Yoo biyya keessatti oomishame garuu, gatiin isaa akka gadi bu’u abdii qabaachuu isaanii eeraniiru. Kun immoo lafa isaanii bal’isanii qotuufi oomisha isaanii dabaluuf kaka’umsa ta’uufi himaniiru.

‎Obbo Masarat Baalchaa jiraataa Bulchiinsa magaalaa Shaggar Kutaa bulchiinsa Malkaa Noonnoti. “Nuti qonnaan bultoonni yeroo waqtiin Arfaasaa dhufu, harka keenya gara Waaqaatti ol qabnee, ija keenya immoo gara buufata xaa’ootti erginee eegna. Xaa’oon nuuf lubbuu dha. Haata’u malee, rakkooleen sadii nu mudataa turan: gatii isaa qaala’aa ta’uu, yeroo barbaachisutti nu bira gahuu dhabuufi gosa xaa’oo biyyee keenyaaf hin madaalle ta’uunidha” jedhaniiru.  Amma garuu, warshaan xaa’oo biyya keenya keessatti ijaaramuun isaa abdii guddaa nuuf kenneera jedhaniiru. Gatiin isaa akka gadi bu’u, yeroo isaattis akka isaan ga’u ni abdanna jechuun abdii qaban ibsaniiru.

‎“Akka qonnaan bulaa tokkootti, ijaarsi warshaa xaa’oo kanaa nuuf akka ijaarsa mana keenyaatti ilaalla. Warshaan kun ijaaramee xumuramnaan Itoophiyaan qamadii qofa osoo hin taane, oomisha qonnaa garaagaraa biyya alaatti erguuf ni dandeessi. Nuti immoo ‘Masoobii Nyaataa Afriikaa’ ta’uuf dandeettii guutuu qabna,” jedhaniiru.

Hayyuu diinagdee kan ta’an obbo Fiqaaduu Naggasaa, pirojaktiin warshaa xaa’oo biyya keessatti ijaaramaa jiru kun bu’aa yeroo gabaabaa qofa osoo hin taane, jijjiirama diinagdee yeroo dheeraa fiduuf bu’uura cimaa ta’uu ibsaaniiru. Warshaan xaa’oo biyya keessatti ijaaramee hojii yeroo jalqabu, fedhii xaa’oo keessaa ofiin guutuu danda’uuf carraa uuma jedhaniiru. Kanaan dura biyyi keenya xaa’oo biyyoota alaa irraa bituuf sharafa alaa hedduu baasaa turuu kaasun, warshaan xaa’oo biyya keessatti ijaaramuun isaa sharafa alaa hir’isuuf gahee guddaa qaba jedhaniiru. Sharafni alaatti bahaa ture kunis gara dameewwan birootti yoo jijjiirrame diinagdeewwan biyyaa jijjiiruu keessatti gahee guddaa akka qabu ibsaniiru. Kanaanis diinagdeen biyya keessaa jabaachuufi cimuu akka danda’uu kaasaniiru. Kanaan dura harkifannaa geejjibaatin walqabatee xaa’oon yeroon qonnaan bulaa bira gahuu dhabuu irraan kan ka’e oomishni qonnaan bulaa miidhaaf saaxilamaa turuus eeraniiru. warshaan xaa’oo biyya keessatti ijaaramuun isaa dhiyeessii saffisaafi yeroo isaa eeggate kan tasisuufi rakkoolee geejjibaaf furmaata ta’uu danda’uu ibsaniiru.‎

‎Itoophiyaan kanaan dura qamadii biyyoota alaa irraa galchaa turuu kan eeran Hayyuun kun, biyyi keenya waggoota dhiyoon as wabii nyaatan of dandeessee qamadii biyyoota alaatti erguu irratti akka argamtu kaasaniiru. Keessumaa immoo Itoophiyaan wabii nyaatan of dandeesse biyyoota alaatti erguuf warshaan xaa’oo kun wabii guddaadha jedhaniiru. Xaa’oon yeroo barbaachisuutti yoo argame, qonnaan bultoonni oomishaafi oomishtummaa isaanii sirnaan gaggeessu. Kanaaf, oomishni midhaan nyaataafi daldalaas dabaluu akka danda’uu hubachiisaniiru.

‎Kana malees, gatiin xaa’oo gabaa rraatti gadi bu’uu akka danda’uuf ni gargaara jedhaniiru. Kun immoo qonnaan bultootaanni haala salphaa ta’een fayyadamummaa isaanii akka mirkaneessan haala mijataa uumuu akka danda’u ibsaniiru. Hayyuun Diinagdee kun akka jedhanitti, carraa hojii uumuun wal qabatee warshaan xaa’oo ijaaramu kun, yeroo ijaarsaafi yeroo hojii jalqabu illee carraa hojii bal’aa dargaggootaf uumuu akka danda’u eeraniiru. Dargaggootaaf hojii kallattiifi al-kallattii gama geejjibaan, tajaajilanifi suphaa carraa uumuu akka danda’u ibsaniiru. Kunis hojii dhabdummaa hir’isuun jireenya hawaasaa fooyyessuuf gumaacha qaba jedhaniiru. Rakkoolee muudatan kamiyyuu furuuf, mootummaafi qaamolee dhuunfaa gidduutti qindoomina cimaa akka barbaachisu kaasaniiru.

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo