Guddina Adeemsa Filannoo Itoophiyaa

Filannoon sirna mootummaa dimokiraasii keessatti lammiileen biyya yookin naannoo tokko jiraatan fedhiifi mirga isaanii irratti hundaa’uun kaadhimamtoota yookin paartii siyaasaa mootummaa isaan bakka bu’un bulchu sagalee kennuudhaan itti filatanidha. Sirni filannoo mootummaa uummatni mootummaa isaaf ta’u ijaaruun bu’uura dimokiraasii keessaa isa ijoodha. Seenaa siyaasaa Itoophiyaa keessatti filannoon yeroo garaagaraatti haala mootummaa tureen wal qabatee jijjiiramaa dhufeera. Itoophiyaan bara 1923 A.L.I mootii Hayilasillaaseen yeroo bulaa turte irraa eegalee sirna heera mootummaatin buluun jalqabamus, yeroo sana uummanni mootummaa isaa filachuu keessatti hirmaannaa guutuu hin qabu ture. Gaggeessitoonni gara aangotti kan dhufan karaa fonqolcha mootummaati malee sagalee uummataan filamanii miti.

Miseensonni mootummaa baay’inaan muudamanii waajjira mootummaa keessa galu malee uummataan filatamanii sirna ijaarsa mootummaa keessatti hirmaatan hin turre. A.L.I bara 1967tti mootummaan Hayilasillaasee kufee mootummaan Dargii aangoo qabate. Sirni mootummaa yeroo sana mootummaa waraanaa waan tureef filannoon dimokiraatawaa hin turre. Paartileen siyaasaa mootummaa waliin dorgomanii hirmaachuu hin dandeenye, uummannis mootummaa isaaf ta’u sagalee isaatiin filachuu osoo hin taane humnaan bulfamaa turaniiru. Sirni mootummaa yeroo sanaa yeroo dheeraaf mootummaa humnaan bulchuu irratti kan hundaa’e ture.

Bara 1983 mootummaa ce’umsaa hundaa’een jijjiiramni siyaasaa mootummaa keessatti mul’achuu jalqabe. Sana booda bara 1987 heerri mootummaa Federaalaa Dimokiraatawaa Rippaabilika Itoophiyaa hojiirra oole. Heerri mootummaa kun lammiileen mootummaa isaanii filachuufi filatamuu akka danda’an mirga isaanii mootummaa keessatti mirkaneesse. Kunis seenaa filannoo Itoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa baneera. Filannoon mootummaa marsaa jalqabaa mootummaa federaalaa kan gaggeeffame A.L.I bara 1987 ture. Filannoo kana keessatti paartileen siyaasaa garaagaraa filannoo irratti hirmaachuun mootummaa federaalaafi mootummaa naannolee keessatti bakka isaanii qabataniiru. Sana irraa eegalee filannoowwan mootummaa marsaa garaagaraa gaggeeffamaa dhufaniiru. Bara kanas filannoon waliigalaa marsaa 7 gaggeeffamuuf guyyoota muraasa qofatu hafe.

‎Jiraataan aanaa Dawwee Harawaa ganda Booraa obbo Suwaahil Sheekichaa, filannoowwan mootummaa marsaa hunda keessatti hirmaataniiru. Filannoowwan mootummaa yeroo mootummoota darbanii gaggeeffamaa ture haqa qabeessaafi iftoomina guutuu kan hin qabne ta’uu eeraniiru. Haata’u malee, yeroo jijjiiramaa as filannoon karaa fooyya’aa ta’een gaggeeffamaa jiraachuu isaa dubbataniiru. “Keessumaa filannoo marsaa 6ffaa irratti karaa iftoomina qabuun mootummaa keenya filanneerra” jedhaniiru. Filannoo mootummaa bara kanaatis karaa haqa qabeessaafi iftoomina qabuun gaggeessuuf qophiin taasifamaa jiru abdii guddaa nuuf kenneera” jechuun ibsaniiru.

‎Obbo Taammanaa Tashaagar jiraataa godina Giddugaleesa Gondar aanaa Taach Armaacihoti. Kanaan dura filannoo marsaa 6ffaarratti hirmaatanii kan turan yoo ta’u, marsaa 7ffaaf Kaardii filannoo fudhachuun filannoof qophaa’aa jirra jedhaniiru. Filannoo marsaa hedduu kanaan dura hirmaatan irratti sirni gaggeessa filannoo haqummaafi iftoomina kan hin qabne ta’uu dubbatu. Kanaanis jaalatanii osoo hin taane dirqama qaama aangorra jiru filaachiisaa turuu kaasaniru. Kana irraa kan ka’e sagaleen isaanii baroota dheeraaf ukkaamamaa turuu ibsaniiru. “Haalli sochii filannoo waggoota jijjiramaan as mul’ataa jiru abdii nutti horeera” jechuun kaasaniiru. Bara kanas karaa ifaafi bilisaan sagalee isaaniin paartii isaanif ta’u filachuuf qophaa’uu dubbataniiru.

‎Barsiisaan Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil Addunyaa Yuunivarsiitii Amboo, Ibsaa Mootummaa, filannoon mootummaa sirna dimokiraasii keessatti mootummaa uummataan filatame cimsuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru. Filannoowwan mootummaa marsaa garaagaraa keessatti hirmaannaan uummataa yeroo gara yerootti dabalaa dhufeera jedhaniiru. “Har’a biyyi keenya filannoo mootummaa marsaa 7ffaa gaggeessuuf guyyoonni muraasni qofaatu hafe. Filannoon kun mootummaa uummataan filatame jabeeffachuu, sirna ijaarsa mootummaa keessatti hirmaachisummaa siyaasaa bal’isuufi mootummaa dimokiraatawaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba” jedhaniiru.

Hayyuun kun baroota jijjiramaan dura filannoon haqaa kan hin turre ta’uu eerun, uummanni baroota hedduuf gidirfamuun sirna cunqursaa jala turuu ibsaniiru. Cunqursaa kanaanis fedhii uummataa osoo hin taane, murna aangorra jiru kanaan gaggeeffamaa turuu kaasaniiru. Yeroo ammaa sirna filannoo Itoophiyaa keessatti jijjiiramoonni hedduun mul’achaa jiraachuu kaasun, hirmaannaan lammiilee dabalaa dhufuufi paartileen siyaasaa hedduun filannoo keessatti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru. Komishiniin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa siyaasarraa bilisa ta’uun hojii isaa cimsaa jiraachuun amanamummaa uumuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu kaasaniru.

‎Kana malees, filannoo marsaa 7ffaaf teknoolojiifi miidiyaaleen ammayyaa fayyadamuun galmeessa filattootaa, hordoffii filannoofi tamsaasa odeeffannoo keessatti iftoominni mul’achuu ibsamiiru. Dargaggoonnis mootummaa isaanii filachuufi filatamuu keessatti hirmaannaa isaanii yeroo gara yerootti guddisaa jiraachuu himaniiru. Filannoon dimokiraasii keessatti mootummaa uummataan filatame ijaaruuf hirmaannan lammiilee isa ijoo ta’uu eeraniiru. Kanaaf lammileen hundi haaluma kaardii filannoo fudhachuu irratti hirmaannaa taasisan kanaatti filannoon karaa nagaafi diimokiraasii akka xumuramuuf nageenya ofii eeggachuu kesssatti hirmaachuu akka qaban hayyuun kun gorsaniiru.

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo