Karoora Maatii: Jireenya Miidhagaaf

Karoora maatii fayyadamuun haadholiifi daa’imman fayyaa ta’an qabaachuufi jireenya maatii fooyyessuuf bu’aa guddaa qaba. Barruu keenya har’aatiin dhimma kanarratti haati karoora maatii fayyadaman tokko yaada isaanii nuuf qoodaniiru. Jiraattuun magaalaa Kamisee aadde Zabiibaa Nuuriyyee, erga gaa’ila godhatanii waggaa 10 ol ta’uu yaadatanii, yeroo ammaa haadha ijoollee afurii ta’uu dubbataniiru.

Aadde Zabiibaan ijoollee isaanii arfanuu tooftaa walirraa fageessanii da’uu fayyadamuun walirraa siqsanii akka da’an himanii, karoora maatii fayyadamanii ijoollee da’uun isaanii fayyaa ofiisaaniifi ijoollee isaanii eeguu keessatti gumaacha guddaa kan taasiseef akka ta’e ibsaniiru. Jiraattuun tun ”ijoollee koo karoora maatii fayyadamee da’uun koo ijoolleen argadhe kunuunsee guddisuufi dinagdeen cimee haala barnoota isaanii mijawaa gochuuf nu gargaareera; kanaafuu karoora maatiii fayyadamuun mishaadha” jechuun dubbataniiru. Muuxannoo isaanii kanaas haadholii ollaasaanii jiraataniif qooduun gara karoora maatii fayyadamuutti akka dhufan taasisuu himaniiru. Aadde Zabiibaan gara fuulduraattis haaluma kanaan kan itti fufan ta’uu eeraniiru.

Sheeh Mahaammadsaanii Ahimad, Imaama Masgiida Kadijjaa magaalaa Kamisee yoo ta’an, yeroo dheeraaf hawaasa naannawaa isaanii amantii islaamummaa hordofan barsiisuu, gorsuufi jireenya hawaasummaa akkaataa fedhii ‘Rabbii’ irratti hundeessuun tajaajilaa turuufi jiraachuu dubbataniiru. Sheeh Mahaammadsaaniin, seenaa barsiisa amantaa Islaamaa keessa jiru bu’uureffachuun bara durii namoonni hiyyummaa sodaatanii daa’imman isaanii lubbuun dabarsaa akka turan yaadachiisaniiru. ”Kana booddee Rabbiin ijoollee keessan hiyyummaa sodaattanii hin ajjeesiinaa; isiniinis ta’e isaaniinis kan nyaachisu anadha” jechuun akka dubbate hubachiisaniiru. Barsiisni amantichaa caasaan fayyaalessa ta’e kan miirri itti gaafatamummaa maatii itti dhaga’amu maatii keessa akka jiraatuuf kan jajjabeessu ta’uu kaasanii, waan fayyaa haadholii miidhu taanaan daa’ima walirraa butanii da’uun amantichaan kan walitti hin buune akka ta’e eeraniiru.

Barsiisni amantichaa caqasa kamirrattuu malleen ittisa ulfaa ammayyaa ifatti akka hindhorkineefi hin hayyamne kan himan Sheeh Mahaammadsaaniin, ta’us fayyaa haadholiifi daa’immaniif xiyyeeffannoon guddaa kennamuu akka qabu barsiisa amantichaa keessatti kan jajjabeeffamu akka ta’ee cimsanii dubbataniiru. Sababoota fayyaa haadholii miidhaniifi dhimmoota hawaasummaafi dinagdee maatii huban giddu galeeffachuun haala qaala’insa jireenyaa yeroo ammaa kanaan fayyaa haadholiifi daa’immanii eeguuf daa’imman walirraa siqsanii da’uun amantii faana walitti kan hin buune ta’uu hubachiisaniiru. ”Sodaa hiyyummaa jalaa bahuuf namni hunduu hojjechuu akka qabu ni barsiisna; Rabbillee nama hojjetu gargaara” jechuun, namuu hojjetee maatiifi hawaasa isaa gargaaruu qaba jechuun dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, Usmaan Alii, karoora maatii sirnaan fayyadamuun dhiiga haadholii yeroo da’umsaa garmalee dhangala’u kan hambisuufi haadholiifi daa’imman dhukkubaaf akka hinsaaxilamne taasisa jedhaniiru. “Karoorri maatii du’aatii haadholiifi daa’immanii ni hir’isa” kan jedhan itti gaafatamichi, daa’imman karooraan dhalatan harma haadhaa ga’aa, uffataafi nyaata madaalawaa argachuuf carraa qabaachuu kaasaniiru. Akka isaan jedhanitti, karoora maatii sirnaan fayyadamnaan dinagdeen maatiifi biyyaa ni guddata. Sababni isaas maatiin karoora qabu qabeenya isaa sirnaan fayyadama jedhaniiru.

Itti gaafatamichi, maatiiwwan karoora qaban tajaajila hawaasummaa argachuuf carraa bal’aa qabaachuu akka danda’an eeraniiru. Sadarkaa magaalattiitti ilaalchi hawaasni karoora maatiif qabaachaa ture gadaanaa ta’uu kaasanii, hojii hubannoo uumuu yeroo gara yerootti xiyyeeffannoon hojjetamaa dhufeen ilaalcha sana cabsuun lakkoofsi fayyadamtoota karoora maatii dabalaa jiraachuu himaniiru.
Magaalattiitti haadholiin buufata fayyaatti da’uufi tajaajila karoora maatii fayyadamuu erga jalqaban du’aatiin haadholiifi daa’immanii hir’achuu dubbataniiru. Bu’aa abdachiisaa gama kanaan argamaa jiru ciminaan itti fufsiisuuf bara kana malleen ittisa ulfaa yeroo dheeraa haadholii kuma 2 fi 75 kennuuf karoorsanii, ji’oota kudhan darbanitti haadholii kuma 2 fi 146 raawwachuun dhibbeentaa 103 irra gahuu danda’uu addeessaniiru. “Tajaajila karoora maatii yeroo gabaabaan karoorri keenya kuma 6 fi 225 ture” kan jedhan itti gaafatamichi, hanga ammaatti haadholii kuma 13 fi 189 raawwachuun dhibbeentaa 211 irra gahuu eeraniiru.

Akka obbo Usmaan jedhanitti, raawwiin kun magaalattiitti haadholiin baay’een tajaajilamtoota karoora maatii ta’uu isaanii kan agarsiisudha. Fayyaan haadholiifi daa’immanii guddina dinagdee biyyaaf murteessaadha kan jedhan itti gaafatamichi, akka biyyaatti wal gahinsa tajaajila karoora maatii guutummaatti hojiirra oolchuuf waadaa galame milkeessuu keessatti tumsi dhaabbilee mootummaafi miti-mootummaa akkasumas abbootii amantii barbaachisaa ta’uu himaniiru. Karoora malee ulfaa’uun du’aatii haadholiifi daa’immanii sababoota hordofsiisan keessaa tokko ta’uu kaasanii, karoora maatii irratti hojjetamuun guddina fayyaa hawaasaaf faayidaa dam-daneessa waan qabuuf yeroo kamuu caalaa irratti hojjetamuun barbaachisaa akka ta’e gorsaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo