Giddu galeessaan aarri shiishaa saʼaatii tokko keessatti hamma aara tamboo 100 keessaa bahu waliin wal qixa jedhama. Shiishaan baay’ee summaa’aafi araada guddaaf kan nama saaxiludha. Qorannoon akka agarsiisutti, aarri shiishaa keemikaalotaafi qaamolee miidhaa geessisan kanneen aara tamboo keessatti argaman baay’ee of keessaa qaba. Namoonni baay’een shiishaan tamboo gaditti miidhaa fayyaa xiqqoo geessisuu akka danda’utti yaadu. Shiishaan akkuma tamboo nikootiinii kan of keessaa qabu yoo ta’u, kunis araada namatti fiduu danda’a. Addunyaa kanarraa namoonni tamboo aarsan biliyoona 1 tuqaa 1 ol ta’an akka jirantu himama. Isaan keessaa dhibbeentaan 80 ta’an biyyoota galiin isaanii gadaanaafi giddu galeessa ta’e keessatti argamuun isaanii dhimmicha caalaatti yaaddessaa taasisa. Namoonni baay’een araada kanaan sakaalamanii rakkoo fayyaaf saaxilaman akkuma jiran kanneen miidhaa nikootiniin fayyaarratti qabu hubatanii araada kana keessaa bahanis jiru.
Konkolaachisaan maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko araada tamboo keessa waggoota 10 oliif turuu dubbateera. Konkolaachisaan kun yaada bilbilaan nuuf qoodeen guyyaatti yoo xiqqaate tamboo 20 ol akka aarsaa ture ibseera. Araada kana keessa waggoota kudhaniif turus yeroo ammaa araada kana keessaa bahee jiraachuu kaasee, sababa itti tamboo aarsuu dhiise yoo ibsu ”miila koo irratti dhiitoon wayii bahee jennaan waan kun sababa ani tamboo aarsuuf natti bahe jedheen addaan kutuuf murtesse” jedheera. Erga tamboo aarsuu dhiisee fayyaa buleessa ta’uu isaa dubbatee, maallaqa tamboo bituuf qisaasessaa ture faayidaa biroof oolfachaa jiraachuu himeera.
Araada kanarraa bilisa ta’uun murtii dhuunfaa cimaa kan barbaaduufi fayyaa namaaf tarkaanfii sirrii ta’edha kan jedhu konkolaachisichi, araada kana yeroo dhaabetti mirri isaa dafee waan nama keessaa hin baaneef wantoota miira tamboo aarsuuf nama saaxilan irraa of daangessuun akka araada kana keessaa bahe muuxannoo isaa qoodeera. Araadni kun qaama namaafi jireenya hawaasummaa irratti dhiibbaa olaanaa kan geessisu ta’uu kan kaasu konkolaachisaan kun maallaqni guyyaa guyyaan tamboo bituuf bahu walitti ida’amee birrii guddaa ta’uu waan maluuf kunis dinagdee namaa gadi buusuu bira darbee hojii idilee nama jalaa kan qisaasessu waan ta’eef namoonni araada kamuu keessa jiran dhimma kana itti yaaduu akka qaban gorseera.
Yuunivarsiitii Salaaleetti barsiisaa fayyaafi ogeessa waliigalaa Caalaa Didhaa (Dr), gosoota tuubaakoo keessaa kanneen akka tamboofi shiishaa keemikaalota fayyaa namaa irratti miidhaa geessisuu danda’an kuma 1 ol of keessaa qabaachuu addeessaniiru. Keemikaalota kana keessaa kanneen akka ‘nikootiinii’ araada cimaa nama qabsiisan, akkasumas wantoota kaansarii fidaniifi summiiwwan qaama keenya miidhan baay’ee of keessaa qabaachuus ibsaniiru. Keemikaalonni kunneenis qaama namaa miidhuun dhukkuboota garaagaraatiifis nama saaxiluu danda’anidha jedhaniiru. ‘’Aara shiishaa kaarboon monoksaayidii olaanaa ofkeessaa qaba’’ kan jedhan Dooktar Caalaan, yeroo dheeraaf itti fayyadamuun kaansariiwwan garaagaraa kanneen akka (somba, afaanii, ujummoo fincaanii) nama saaxiluu akka danda’u himaniiru. Shiishaa keessatti tamboon dhimma itti bahamu qabiyyee nikootiinii baay’ee waan qabuuf araada guddaaf nama saaxila jechuun dubbataniiru.
Keemikaalli tamboofi shiishaa keessa jiran kun yeroo gabaabaaf qaama namaa waan dammaqsaniif namoonni baay’een siyaa’ina yeroo gabaabaa kana argachuuf jecha gara araada kanaatti kan seenan ta’uu hubachiisaniiru. Kun akkuma jirutti ta’ee shiishaas ta’e tamboo aarsuun fayyidaa isaarra miidhaan isaan geessisan olaana ta’uu kaasaniiru. Keemikaalonni achi keessa jiran ujummoo qilleensaafi somba faaluudhaan dhibee kaansarii sombaafi dhukkuboota qaama sirna hargansuu hordofsiisu jedhaniiru. Akka isaan jedhanitti kaansarii sombaa, qoonqoo, afaaniifi garaachaallee fiduu danda’u.
Dhiibbaa dhiigaa olkaasuudhaan dhukkuba hidda dhiiga onneefi istrookiif nama saaxiluu dabalatee dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa gadi buusuu akka danda’u eeraniiru. Tamboo aarsuun fayyaa namaa miidhuu bira darbee dhiibbaa dinagdee cimaa kan uumu ta’uu dubbataniiru. Walumaagalatti, shiishaas ta’e tamboo aarsuun keemikaalota miidhaa geessisan baay’ee of keessaa waan qabaniif kaansariiwwan garaagaraaf nama saaxiluuf carraa guddaa kan qaban ta’uu hubachuun, araada kana keessaa bahuu akka qaban hubachiisaniiru.
Dr. Caalaa Didhaan araada shiishaafi tamboo aarsuu irraa bilisa ta’uuf qabxiilee armaan gadii kaasuun akka furmaataatti kaasaniiru.
~Araada tamboo aarsuu irraa milkaa’inaan bilisa ta’uuf kutannoo qabaachuu ykn murteeffachuu
~Wantoota gara araada kanaatti nama geessan irraa hamma danda’ametti of to’achuu
~Guutumaatti tamboo aarsuu dhiisuuf guyyaa murtaaʼe filachuu
~Qorichoota ajaja ogeessa fayyaatiin kennaman kanneen araada nikootiinii haalaan hir’isuu danda’an irratti ogeessa fayyaa mariisisuu
~Fedhii nikootiinii ykn tamboo fayyadamuuf maaltu akka kakaasu beekuu
~Hirkattummaa nikootiinii jalaa bahuuf wantoota garasitti nama geessan beekuun karoorfachuu
~Karoora dhimma araada kana dhaabuun walqabatu barreessuu,
~Haala ittiin keessaa bahuun danda’amu deggarsa hiriyoota/maatii gaafachuu
Jijjiiramni jalqaba sammuu keessaa madda waan ta’eef dhiisuuf of amansiisuun murteessa ta’uu kan himan Dooktar Caalaan, namoonni araada kana dhiisuuf murteessan yeroo miirri araada sanaa yeroo namatti yaadatamutti bakka araada sanaa bishaaniifi shaayii dhuguu, hojii biraa hojjechuun of irraanfachiisuun gaarii ta’uu dubbataniiru. Bakkeewwan shiishaan itti xuuxamu dhaquu dhiisuufi hiriyoota araada kanaan qabaman irraa fagaachuun of qusachuunis akka gorfamu kaasaniiru. Dhimma kanarratti gorsitoota xiinsammuu mariisisuun namni araada kanaan qabamee akkamitti dhiisuu akka danda’uuf gargaarsa argachuu danda’a jechuun ogeessichi gorsaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin


