Wal-diddaafi walitti bu’iinsi wantoota uumamaan jiran keessaa tokkodha. Qaama hawaasaa kamiyyuu keessatti gareewwan, maatiiwwaniifi namoota dhuunfaa gidduutti walitti bu’iinsi uumamuu ni danda’a. Hawaasnis walitti bu’iinsa hir’isuufi hiikuuf maloota aadaa garaagaraatti fayyadama. Sirnoonni aadaa kunneen walitti bu’iinsi akka hin babal’anne ittisuun, kan miidhame gargaaruun, kan miidhe adabuun, akkasumas kan wal-lolan araarsuun nageenya buusuu keessatti shoora olaanaa qabu. Hawaasa Bulchiinsa Sablammii Oromoo biratti duudhaalee aadaa wal-dhabdee hiikuuf tajaajilan keessaa tokko sirna “Rakaboot” dha. Sirni Rakaboot dhaloota haaraafi aadaa Oromoo walitti fiduuf gahee olaanaa qaba. Sirni Rakaboot sirna aadaa araaraa jedhamuunis ni beekama. Kunis namoonni dhuunfaas ta’e gareedhaan yeroo wal dhabanitti rakkoo gidduu isaanii jiru karaa aadaatiin hiikuudha.
Jiraataan Magaalaa Kamisee Sheeh Anuwaar Mahaammad, sirni Rakaboot seenaafi aadaa dhalootaa irraa dhalootatti darbaa nu bira ga’eedha jedhaniiru. Sirni kun hawaasa keessatti nageenya tiksuufi wal-dhabdee hawaasaa hiikuuf gahee guddaa akka qabu dubbataniiru. Akka sirna kanaatti, namoonni yeroo wal dhaban dhimma irratti wal dhaban sun yoo salphaa ta’e karaa jaarsummaatiin akka araaraman, dhimmichi jaarsummaan xumuramuu yoo dadhabe immoo sirna Rakabootiin akka araaraman ibsaniiru. Jiraataan kun akka jedhanitti, sirna kana keessatti namoota wal dhaban lamaan wabii waamsisuun, isa miidheefi isa miidhame adda baasuun sirni araaraa maanguddoota Rakabootiin gaggeeffama. Hawaasni yeroo wal lolanii araaraman haaloo akka walitti hin qabanneef akka gargaaru kaasaniiru. Kanaaf sirni kun hawaasa keessatti baay’ee jaalatamaa akka ta’e eeruun, aadaan jaalatamaan kun hawaasni sirnaan akka itti fayyadamuuf mootummaanis deeggarsa akka taasisaa jiru dubbataniiru.
Maanguddoo Jamaal Mahaammad, sirna araaraa kana keessatti sadarkaa wal-dhabdee isaanii irratti hundaa’uun murteen garaagaraa namoota wal dhaban irratti fudhatama. Wal-dhabdeen kun yoo arrabsoo qofaan walitti darbuu ta’e jaarsummaan kan xumuramu yoo ta’u, miidhaan qaamaa yoo irra ga’e garuu namni miidhe haala miseensonni Rakaboot ajajan irratti hundaa’uun horii qalmaa bitee isa miidhameef kennuun akka araaramu ibsaniiru. Namni yakka ajjeechaa raawwate immoo laga torba ce’ee akka baqatu dubbataniiru. Erga baqatee laga torba ce’ee booda maatiin isaa maanguddootaafi Rakaboot waammachuun gara warra miidhameetti sirna araaraaf akka deeman kaasaniiru. Kana booddes karaa sirna kanaatiin adeemsi araaraa akka xumuramu ibsaniiru.
Abbaan Gadaa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee Ahmad Jawaar, sirni Rakaboot durii eegalee abbootiin isaanii itti fayyadamaa kan turaniifi isaanis abbootii isaanii irraa kan dhaalan ta’uu dubbataniiru. Namoota wal dhaban keessaa qaamota seeraafi mana sirreessaa keessa jiranillee sirna kanaan walitti fiduun isa miidhe adabanii, isa miidhame immoo gargaaranii kan araarsan ta’uu dubbataniiru. Sirni araaraa kun namoota dhuunfaafi garee qofa osoo hin taane, sabaafi saba gidduuttis araara buusaa turuu kaasaniiru. Namoonni sirna kanaaf ajajamuu didan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu kan eeran Abbaan Gadaa kun, tarkaanfiiwwan kunneenis adabbii maallaqaa irraa eegalee hanga biyya irraa baasuutti murtoon irratti kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.
Abbaan Gadaa kun akka jedhanitti, Oromoo Walloo biratti namni lammii isaa ajjeese bakka jireenya isaa irraa baqatee fagaachuu qofa osoo hin taane, sirna Rakabootiin erga araaramee boodas kabajni hawaasa keessatti qabu gadi aanaa ta’a. Keessumaa harka mirgaatiin nyaachuun, teessoo irratti nama waliin taa’uun, meeshaa namni ittiin nyaateefi ittiin dhuge irraa fayyadamuun akka seera Rakabootitti kan hin eeyyamamne ta’uu dubbataniiru. Kunis hawaasni nagaafi jaalalaaf iddoo guddaa akka kennu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Erga namni yakka ajjeechaa raawwate baqatee booda firri isaa walitti qabamuun maatii isa miidhameef gumaa kaffalu. Sana booda isa miidhe biyyaa baqate gara manaatti deebisuun sirna kakuu qaamota lamaan gidduutti raawwachiisuun akka walitti hin deebineetti akka araarsan himaniiru. Sirni araaraa kun erga xumuramee booda maatiin gama lamaaniyyuu akkuma duraanitti deebi’anii waliin akka jiraatan dubbataniiru.
Waajjira Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Bulchiinsa Sablammii Oromootti Abbaan Adeemsa Kunuunsa Hambaa, Mahaammad Ahmad akka jedhanitti sirni Rakaboot aadaafi duudhaa uummata Oromoo keessatti bakka guddaa qaba. Sirni kun hawaasni, maatiinifi hiriyoonni yeroo wal dhaban sirna ittiin araara guutuu buusan ta’uu kaasaniiru. Aadaafi duudhaan akkanaa hawaasa keessa jiraachuun namoonni osoo mana murtii deemanii baasiif hin saaxilamin haala salphaan akka araaraman kan gargaaru ta’uu eeraniiru.
Yeroo ammaas mootummaan kana hubannoo keessa galchuun duudhaalee aadaa akkanaa jajjabeessaa jiraachuu dubbataniiru. Akka bulchiinsichaatti sirni Rakaboot manneen murtii aadaa keessaa tokko ta’ee hanga gandaaatti beekamtii guutuu argatee jiraachuu ibsaniiru. Kana malees manneen murtii aadaa biroo waliin yeroo garaagaraatti leenjiin kennamaa jiraachuu dubbataniiru. Sirni aadaa kun gara dhaloota itti aanuutti akka darbuuf hojiiwwan sirnaawaa irratti hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Dhaloonni ammaas duudhaa kana beekee itti fayyadamuun nageenyafi tokkummaa hawaasaa cimsuu akka qaban dhaamaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


