Waqtii gannaan walqabatee balaa lolaa sababa rooba cimaatiin qaqqabuu danda’u dursanii ittisuufi miidhaa hawaasa irra gahu malu hir’isuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechuun barbaachisaadha. Bulchiinsa magaalaa Caffaa Roobittitti sababa lolaa yeroo gannaan kanaan dura kutaalee magaalattii tokko tokko keessatti miidhaan qabeenyaafi jireenya hawaasaarra dhaqqabaa turuun isaa ni yaadatama.
Haata’umalee, yeroo ammaa kanatti bulchiinsa magaalichaa rakkoo kanaan dura uumamaa ture kana bu’uura irraa furaa akka jiruufi dhimma kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun kutaalee hawaasaa balaa lolaa gannaaf saaxilamoo ta’an baraaruuf qindoominaan hojjetamaa jira. Jiraataan magaalaa Caffaa Roobit obbo Mahaammad Usmaan sababa lolaa gannaa cimaan magaalattiitti mudataa tureen miidhaan qabeenyaafi namarra gahaa turuu yaadataniiru. Kanaan dura lolaan mana keenya seenuun qabeenya manacaasuu bira darbee obboleettii koo fudhatee jennaan namoonni ollaa jiran osoo miidhaan hamma isheerra hin gahiin keessaa baasuun lubbuu ishee oolchan jechuun dubbataniiru.
Waliigala waggoottan darban keessa waqtii gannaa roobni yommuu jabaatee dhufu midhaaniifi qabeenya biroorra miidhaa guddaa geessisaa turuu kaasaniiru. Haata’u malee, barana xiyyeeffannoon mootummaafi qophiin nuti hawaasni dursa gochaa jirru hamma danda’amaa ta’e rakkoo mudachaa ture ni fura jedheen abdadha kan jedhu obbo Mahaammad, Gaabiyoonii balaa lolaa gannaan dhaqqabu ittisuuf hojjetame gamasaaniin eegumsa kan taasisaniif ta’uu eeraniiru. Jiraataan kun hojiin Gaabiyoonii amma hojjetamaa jiru rakkoolee gama lolaa gannaan walqabachuun mudachaa turan furuun jiraattotaaf boqonnaa kan kennudha jennee abdanna jechuun dubbataniiru.
Itti Aantuun Itti Gaafatamaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaala Caffaa Roobit, aadde Haliimaa Aliyyii, magaalattiin gaarreen naannawichatti beekaman kanneen akka Hulaa Tukkuyyeefi Kaloo Qabbanaa jedhamaniin kan daangeffamtu ta’uu dubbataniiru. Waqtii gannaa roobni ulfaataa yoo roobu lolaan humna cimaa qabu gaarreen kanarraa ka’uun gara magaalattiitti dhufu hawaasa buqqisaa kan tureefi oomishaafi oomishtummaa irratti miidhaa guddaa geessisaa turuu eeraniiru. Rakkoo gama kanaan walqabatee jiru furuuf bulchiinsi magaalichaa miidhaa kanaan dura qaqqabaa ture qorachuun, xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa akka jiru addeessaniiru. Aadde Haliimaan, rakkoo kana furuuf mootummaa naannichaa waliin hojiin guddaan hojjetamuu himaniiru. Bara darbe Gaabiyoonii balaa lolaa ittisuuf oolu meetirri 200 ol birrii Miliyoona 5 fi kuma 300 oliin hojjetamuu isaa kan yaadachisan itti aantuun kantiibaa tun, kanaanis rakkoo hawaasicharra dhaqqabaa ture guutummaan ta’uu baatus hamma tokko furuun danda’amuu dubbataniiru.
Bara baajataa kanattis Gaabiyooniin 400 ol birrii Miliyoona 7 tuqaa 9 deggarsa mootummaa irraa argameen hojjetamee jira; kunis abbootii warraa 400 ol balaa lolaa gannaan walqabatee dhufurraa baraaruu danda’a jedhaniiru. Gara fuuldurattis hojiiwwan kanaan walfakkaatan ciminaan hojjechuuf kutannoofi karoora qabaachuu ibsaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Hoggansa Sodaa Balaa Blchiinsa Sablaii Oromoo, obbo Ahimad Jibriil, ganni yeroo misoomni qonnaa itti babal’atu qofa osoo hin taane, lolaan gannaa ulfaataa mudachuun qabeenya mancaasuu yeroo itti danda’u waan ta’eef qophiin dursaa murteessaadha jedhaniiru. Kanaan walqabatee miidhaa gahu danda’u hambisuuf qophiin dursaa taasifamaa jiraachuu himaniiru. Keessattuu, bakkeewwan sababa lolaatiin balaaf saaxilamoo ta’an adda baasuun tarkaanfiiwwan ittisaa dursanii fudhachuun dhimma xiyyeeffannoo guddaan irratti hojjetamaa jiru ta’uu eeraniiru. Gama isaaniin, balaa lolaa gannaa kanaan dura mudachaa turerraa barachuun barana hojii ittisaa dursa hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Akka isaan jedhanitti, bakkeewwan yaaddoo sodaa balaa lolaaf saaxilamoo ta’an magaalaa Caffaa Roobit, aanaa Dawaa Caffaa, Jiillee Dhummuugaafi magaalaa Kamiseedha.
Rakkoo gama kanaan dhufuu malu hambisuuf mootummaan baajata ramadee xiyyeeffannoon akka irratti hojjetuuf bara darbe mootummaa naannoof gaaffii dhiheessanii turuu eeraniiru. Gaafficha hubannoo keessa galchuun yeroo tokkootti bakkeewwan kana hundatti baajata ramadamu qofaan hojjetanii xumuruun waan ulfaateef, magaalaan Caffaa Roobit balichaaf haalaan saaxilamaa ta’uu isaa hordofee dursi magaalaa kanaaf kan kenname ta’uu dubbataniiru.
Itti gaafatamichi, magaalichatti balaa lolaa gannaan dhaqqabuu danda’u ittisuuf hojiin Gaabiyoonii birrii miliyoona 7 tuqaa 9 oliin hojjetamaa jiru sadarkaa xumuraarra gahaa jiraachuu ibsaniiru. Kanneen hafan biroof bara dhufu hojjechuuf qorannoon xumuramee gara naannootti ergamee jiraachuu itti gaafatamichi himaniiru. Hojiiwwan ittisaa kanaan dura jalqabaman cimsuun, hawaasni naannoo jireenya isaafi qabeenya isaa lolaa irraa akka eeggatuuf hojii hubannoo uumuufi akeekkachiisa duraa yeroon dabarsuun dhimma xiyyeeffannoo barbaadu waan ta’eef gama kanaan irratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu yaa’aa lolaa sirreessuu, lolaa qajeelchuufi dhangala’aa bishaanii yeroon qulqulleessuu irratti hawaasni gahee isaa bahachuu akka qabu hubachiisaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin


