Itoophiyaan istaadiyeemii ulaagaa ‘CAF’ guutu dhabuu irraa kan ka’e gareen biyyaalessaa Itoophiyaa tapha biyya keessatti taphachuu qabu biyya alaatti taphachuuf dirqameera. Tapha garee biyyaalessaa Itoophiyaa gara biyyaatti deebisuuf ijaarsi istaadiyeemii xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Isaan keessaa istaadiyeemiin idil-addunyaa magaalaa miidhagduu Baahir Daariitti hojjetamaa jiru adda dureedha.
Haroo Xaanaa qarqaratti hundeeffamuun magaalattii miidhagina addaa ishee gonfachiiseera. Gorgoraa hanga Falaga Giyoonitti hojiin turizimii magaalattitti hojjetame miidhagina naannoo sanaa bira darbee fuullee biyyaa jijjiiruu kan danda’udha. Istaadiyeemiin idil-addunyaa magaalattiitti hojjetamee yeroo xumuramutti daawwattoota kuma 52 ol qabachuu danda’a jedhamee himama. Istaadiyemichi dorgommiiwwan idil-addunyaa akka keessummeessuuf gabaasaafi ulaagaalee CAF guutuuf jecha hojjetamaa jira. Istaadiyeemichi yeroo ammaa ulaagaa CAF guuttatee taphoota keessummeessuuf sadarkaa xumuraa irra gahaa jira.
Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Aadaa, Tuurizimiifi Ispoortii naannoo Amaaraa, Gaashaaw Taqabbaa, ijaarsi istaadiyeemichaa dhibbeentaa 90 irra gahee jiraachuu eeraniiru. Yaada CAF kenne hordofuun marga dirree taphaa, teessoo keessummoota kabajaa, kutaa jijjiirrannaa uffataa taphattootaa, ifaawwan dirreefi hojiiwwan biroo sadarkaa isaanii eeggatanii qophaa’aniiru jedhaniiru. Hojiin ijaarsa istaadiyeemichaa haala amma jiruun kan itti fufu yoo ta’e, dirreen taphichaa tapha gulaallii waancaa Afrikaa Fuulbana dhufu taphatamuuf ni keessummeessa jechuun dubbataniiru. Ijaarsi istaadiyeemichaa yeroo xumuramutti miidhagina duraan magaalaan Baahir Daar qabdun dabalatatti bakka gahumsa tuuristiifi giddu gala tuurizimii ispoortii kan ishee taasisu ta’uu ibsaniiru. Gareen gamaaggamaa CAF istaadiyeemicha ni daawwata jedhamees ni eegama.
Guddinaa Asaffaatiin


