Aadaan wal gargaarsaa eenyummaa, tokkummaafi hariiroo hawaasaa afoolaan ibsuufi onnachiisuun dhalootaa dhalootatti daddarbaa dhufeera. Keessumaa hawaasa biyya keenyaa biratti namni rakkoo keessa jiru keessatti qofa isaa akka hin kufneef ollaa, firaafi hawaasni naannichaa aadaa isaa deeggaramuun jireeny walii isaa utubaa dhalootarraa dhalootatti darbuun har’a gaheera. Sirnootni wal gargaarsaa kunis daboo, jigii, guuzaafi kanneen biroo ni jiru. Bulchiinsa Sablammii Oromoottis aadaan wal gargaarsaa kun har’as bu’uura jireenya hawaasaa ta’ee tajaajilaa jira.
Yeroo gaddaafi gammachuu, cidhaa, ijaarsa mana, sanyii facaasaa, sassaabbii oomishaa, yeroo balaa uumamaafi kanneen biroo keessatti hawaasni wal bira dhaabbachuun rakkoo waliif qooddachuun duudhaa isaa eeggatee jiraataa jira. Aadaa wal gargaarsaa kana kessatti immoo afoolli iddoo guddaa qaba. Keessumaa immoo Geerarsi hojii jajjabeessa; weedduun hojii dadhabina hir’isa; mammaaksi gorsa dabarsa; seenaan afaaniin darbu ammoo dhaloota har’aaf duudhaa kaleessaa barsiisa. Kanaaf afoolli aadaa wal gargaarsaa tiksuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Maanguddoo Obbo Suwaahili Sheekichaa jiraaataa Aanaa Dawwee Harawaa Ganda Goobeensaa akka jedhanitti, yeroo wal gargaarsa garagaraatti afoola akka humnaatti itti fayydamna jedhan. “Keessumaa immoo yeroo Dabootti sirna nyaataafi dhugaatii biratti geerarsa, weedduu, walaloofi gareen wal arrabsuun hojiin saffisaan akka hojjetamuuf kan itti gargaaramnudha,” jedhan. Fakkeenyaaf shamarri yeroo gamtaadhaan hojjetan ‘holillehee’ jechuun yeroo sirban wal onnachiisuu wal faarfatu, jaalala waliif qaban, hawwii garaa isaanii baasanii himatu jedhaniiru. Dargaggootnis wayita sirban, “yaa… hoo!, “yaa… hoo! jechuun waliin lafa hoo’isanii sirbaa hojjetu, kun faayidaan isaa dachaadha” jechuun yaada isaanii nuuf qoodaniiru.
Namoonni hojii keessa jiran dabaree dabareedhan wal jajjabeessuuf weedduu hojii wal harkaa fuudhaa sirbaa; gootummaa faarsaa, obsaafi tokkummaa ibsuuf geerarsa fayyadamuun hojii isaanii gammachuudhaan dadhabbii tokko malee akka xumuran dubbataniiru. Obbo Suwaahiliin akka jedhanitti, yeroo amma kana teeknooloojiin dhaloota aadaa isaa dagachiisaa akka jiru ibsaniiru. Dhaloonni aadaa isaa beeku eenyuma isaa beeka kanaaf; dhaloonni ammaa aadaa isaa kabajuufi kunuunfachuu akka qabus dhaamaniiru.
Mammaaksonnis sirna kana keessatti bakka guddaa qabaachuus kaasu. Fakkeenyaaf, “Qunceen wal gargaartee arba hiiti,akkuma jedhan tokkummaan waan ulfaataa salphisuu akka danda’u barsiisa” jedhu maanguddoon kun. “Ilmi namaa waliif kafana” jechuun hawaasni wal deeggaruun jireenya akka itti fufu hubachiisa jedhaniiru. Seenaa afaaniin daddarbu keessatti Oromoon wal gargaaruun balaa, beelaafi rakkoo adda addaa keessaa akka ba’an himaniiru. Afoolli kunneen dhaloonni har’aa tokkummaa, waliif yaaduufi wal kabajuu akka baratu gumaacha guddaa qabaachuu dubbataniiru.
Mootii Margaa Waajjira Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Aanaa Dawwee Harawaatti, Ogeessa kunuunsa misooma Turizimiiti. Afoolli aadaa wal gargaarsaa kan jajjabeessuu qabeenya aadaa hin sochoone keessaa isa ijoo ta’uu kaasun; seenaa, duudhaafi eenyummaa hawaasaa dhalootarraa dhalootatti dabarsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan. Isaanis akka waajjirichaatti afoolli aadaa kun jabaatee akka itti fufuuf hojii bal’aa hojjechaa jirra jedhaniiru. Kanaaf afoolli kanneen galmeessuu, eeguufi dhaloota haaraatti beeksisuun hojii mootummaa qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa hawaasa maraa waan ta’eef namni hundi gahee isaa bahachuu akka qabu hubachiisaniru
Qajeelcha Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Bulchinsa Sablammii Oromootti, Abbaa Adeemsaa Garee Sonaawwan Aadaa, Aadde Baayyisee Taakkalaa akka jedhanitti, daboon, jigiifi guuzni qabeenya aadaa Oromoo Walloo keessaa kanneen hariiroo hawaasaa, wal amanuufi tokkummaa cimsan ta’uu ibsanii, afoolli isaan waliin walqabatu ammoo hojii qofa osoo hin taane eenyummaa sabichaa kan ibsudha jedhan. “Afoolli aadaa qabeenya dhalootaa waan ta’eef tikfamee dhalootaaf darbuu akka danda’uuf irratti hojjechaa jirra” jedhaniiru.
Kanaaf manneen barnootaa, maatiin, manguddoonniifi miidiyaaleen wal ta’uun afoola aadaa wal gargaarsaa galmeessuu, barsiisuufi beeksisuu irratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu jedhaniiru.
Babal’achuun magaalotaafi guddinni teeknooloojii aadaa tokko tokko akka dagataman taasisaa jira kan jedhan Aadde Baayiseen, afoolaalee akka geerarsaa, weedduu hojii, mammaaksaafi seenaa afaaniin darbu walitti qabanii bifa kitaabaan, sagaleefi viidiyoodhaan galmeessaa akka jiran himaniiru.
Hawaasni gamasaatiin ijoollee isaanii hojii waloo keessatti hirmaachisuu, afoola aadaa barsiisuu, manguddoota irraa seenaa dhaggeeffachuufi yeroo sirna aadaa geerarsaafi weedduu hojii akka baratan taasisuun dirqama dhaloota irratti qabu bahachuu akka qabu yaadachiisaniiru. Kanaaf qaamoleen hawaasaa, mootummaa naannoo, manneen barnootaa, miidiyaaleefi manguddoonni walta’uun duudhaa kana tiksuufi dhalootaaf dabarsuun itti gaafatamummaa isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


