Uwwisni bosonaa Itoophiyaa dhuma jaarraa 19ffaa keessaa dhibbeentaa 30 kan ta’u lafa biyyattii keessaa bosonaan uwwifamee kan ture yoo ta’u, sababa babal’ina qonnaan bosonni ciramuu, cileef bosona ciruufi babal’ina mana jireenyaaf gara dhibbeentaa 4 gadii ga’ee ture. Haata’u malee, waggoottan darban keessa hojii babal’ina ashaaraa Magariisaafi eegumsa qabeenya uumamaatiin uwwisni bosonaa deebi’ee guddachaa jira.
Sagantaan dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaatiin biyya keenya keessatti erga eegalee waggoota 7 lakkoofsiseera. Haluma kanaan Waggoota torban darban keessatti biqiltuun biliyoona 48 ol lafa heektaara miliyoona 11.2 ol bosonaan uwwisuun danda’ameera. Bara kanas biqiltuu biliyoona 8 lafa heektara 1.9 irratti dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Kunis uwwisni ashaaraa magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir’isuu, biyyee fi madda bishaanii tiksuu, akkasumas sirna ikoo-loojii biyyattii cimsuuf shoora olaanaa qaba.
Bulchiinsa Sablammii Oromoo Aanaa Dawwaa Caffaattis dhaabbii ashaaraa magaariisaatiin uwwisni bosonaa dabalaa jira.Jiraataa Aanaa Dawaa Caffaa ganda Garbii Obbo Indiris Hasan akka jedhanitti, Bara 2011 irraa eegaluun hojii ashaaraa magariisaa irratti hirmaata turuu himanii,waggoottan torban darban kana xiyyeeffannoon ashaaraa magariisaaf kennamaa jiru guddaa ta’uu isaas kaasaniiru. Kanaanis hawaasni bal’aan qonnaan bultoota,manguddootniifi dargaggootni hojii ashaaraa magariisaa Aanaa Dawwaa caffaa irratti hirmaachuun uwwisa bosonaa aanichaa haalaan kan dabale ta’uus himan.hojiin ashaaraa magariisaa kan milkaa’u duulaan dhaabanii deemuu qofaa osoo hin taane hanga inni ofdanda’uutti kunuunsi hawasni taasise kan galateeffamu ta’uus Obbo Indiris yaada isanii Gaazexaa Hirkoof kennaniin ibsaniiru.
Ashaaraan magariisaa Aanaa Dawwaa Caffaatti xiyyeeffannoo argachuun uwwisa bosonaa haalaan kan dabaleefi haramni biyyee kan oomishaafi oomishtummaa qonnaan bultootaa irratti dhiibbaa qabaachaa ture hir’achuu kaasan; kanaan dura gandicha keessatti balaan lolaa muudataa tures akka hir’atu taasisuus ibsaniiru. Balaan lolaa biyyee oomishaafi oomishtummaaf barbaachisu haquun dabalata lubbuu namaafi beelladootaaf yaaddessaa ture yeroo ammaa sodaaf yaaddoo ta’uun akka hafu ashaaraan magariisaa taasiseera.
Buu’aa ashaaraa magariisaa irraa argamu hawaasni hubachuun eegumsa biqiloota ashaaraa magariisaan dhaabamaniif taasisuun uwwisni bosonaa akka dabalu taasiseera; hawaasni akka idilee hojii ofitti ilaalee tuttuqqaa namaafi beeyladootaa irraa tiksuun eegaa jiraachuu isaaniis himaniiru. Obbo Indiris faayidaa uwwisa ashaaraa magariisaa kana hubachuun sagantaa dhaabbii biqiltuu gannaa bara kana gaggeeffamu irratti hirmaachuuf qophii ta’uu isaanii dubbataniiruu.
Biqiltuun sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabamuu erga eegalee uwwisni ashaaraa magariisaa dabalaa jira kan jedhan immoo Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Aanaa Dawwaa Caffaa Obbo Nuuruu Mahaammadi dha. Hojiiwwan ashaaraa magariisa waggoota darban kessa hojjetameen uuwwisni bosonaa aanichaa keessatti dhibbeentaa 13 irraa gara dhibbeentaa 15.7tti akka guddate ibsaniiru. Erga ashaaraan magariisaa eegalee asi biqilootni kumaatamaan dhaabamuufi lafti duraan duwwaa balaa lolaatiin miidhamaa ture yeroo amma bosonaan uwwifamuun balaa kanarra bilisa ta’uus dubbataniiru.
Ashaaraa magariisaa bara darbe biqiltuu miliyoona 6.8 akka dhaabaniifi barana immoo biqiloota miliyoona 7.3 dhaabuun uwwisa bosonaa aanichaa olguddisuuf qophii dursaa xumuruus Obbo Nuuruu Mahaammadi yaada isaanii ibsan;kanaanis uwwisni bosonaa Aanaa Dawwaa Caffaa kan kanaan dura ture irraa parsaantii 7 kan dabaluu ta’uu isaas ibsaniiru. Dhaabbii Ashaaraa magariisaa kanaf qaamooleen dhimmi ilaalu hundi gahee isa bahachuun haguuggii bosonaaf ashaaraa isaa kawwachuu akka qabus Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Dawwaa Caffaa Obbo Nuuruu Mahaammad ergaa isaaniis karaa hirkoo dabarfataniiru.
Ashaaraa Magariisaaf qajeelchi qonnaa,waajjiraaleen qonnaafi mootummaa xiyyeeffannoo kennuun waggootan darban qofaatti uwwisni bosonaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo dhibbeentaa 14tti olkan guddate ta’uu Dursaa Garee Misoomaa Qabeenya Uumamaa Qajeelcha Qonnaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo Obbo Mangistuu Biraanuu himan. Uwwisni bosonaa yerootii gara yerootti hir’ataa dhufee ,haalli qilleensaa gara gammoojjummaatti jijjiiramuuf deemaa ture yeroo ammaa gara duraanii isaattii deebi’uus himaniiru.Bosonni jiraachuun lafee dugdaa biyya keenyaa kan ta’e qonni akka milkaa’uuf, oomishaafi oomishtummaan akka dabaluuf ashaaraa magariisaa irratti xiyyeeffannoo kennuun hojjechuun ga’ee qabeessoota hundaa irraa kan eegamudha.
Bakkeeleen hojii ashaaraa magariisaa irratti xiyyeeffannoo kennuun hojjetan maddootni bishaanii duraan gogan deebi’anii burquufi oomishaafi oomishtummaan isaa dabalaa jiraachuu ragaan ministeera qonnaa ni mul’isa. Dabalataanis Uwwisni bosonaa dabaluun bineensotni bosonaa bakka jireenyaa gaarii argachuun madda turizimii biyyattii guddisuuf ga’ee olaanaa qaba.
Yunvarsiitii Baahir Daaritti Barsiisaa Muummee Bosonaa fi Kunuunsa Qabeenya Uumamaa kan ta’an Billusummaa Haayiluu akka jedhanitti, hojiin ashaaraa magariisaa waggoota 15 dura dhibbeentaa 5 ture yeroo ammaa dhibbeentaa 23 gahamuu isaa qo’annoon mirkanaa’uu ibsanii;Yeroo ammaa kana uwwisni bosonaa dhibbeentaa 27 akka gahees himaniiru. Waggoota 5fi 6n darbanitti uwwisni bosonaa dhibbeentaa 3-4 dabaluu isaas dubbataniiru.Uwwisni bosonaa akka dabaluuf hojiin ashaaraa magariisaa sadarkaa biyyaatti xiyyeeffannoon itti kennamee bara baraan hojjetamu ga’ee olaanaa qabaachuus himan.
Ashaaraan magariisaa uwwisni bosonaa akka dabalu gochuun
diinagdeetiinis Oomishaafi oomishtummaan akka dabalu,bosona irraa galiin akka argamuufi eegumsa biyyeef ga’ee olaanaa waan qabuuf dhaabbiin biqiltuu ashaaraa magariisaan taasifamu ogummaan kan deeggarame ta’uu qaba. Keessumaa biqiloota nyaataaf oolaniifi faayidaa diinagdeef oolan kan qilleensa naannoo waliin wal beekan yookiin madaquu danda’an ogeessaan deeggaramuun dhaabuun barbaachisaadha.
Geexee Gizaaw


