Marii Biyyaalessaa Tokkummaa Uumuuf

Mariin biyyaalessaa tokkummaa uummattootaa cimsuuf bu’uura guddaa ta’uu kan himan immoo jiraataa magaalaa Addis Ababaa kutaa magaalaa Qaallittii Obbo Dhaabaa Fufaati. “Nuti sabootafi ummattoota garaagaraa taanee biyya tokko keessa waliin jiraanna;garaagarummaan yaadaa jiraachuun isaa rakkoo miti; rakkoo guddaan waldhaggeeffachuu dhabuudha. Mariin kun wal amantaa deebisuufi akka walii galteen biyyaalessaa uumamu nugargaara” jedhan. Obbo Dhaabaan akka jedhanitti, marii kana keessatti qaamoleen mootummaa, paartiileen siyaasaa, hayyoonni, abbootiin amantaa, dargaggoonniifi hawaasni bal’aan hirmaachuun isaa tokkummaa biyyoolessaaf carraa guddaa uuma jedhaniiru. Yoo qaamoleen hundi hirmaatan, murteewwan bahaniis fudhatama uummataa akka argataniifi nageenya waaraa, oolaantummaa seeraafi misooma waloo mirkaneessuus malu yaada jedhan qabu.

Jiraataa Aanaa Dawwaa Caffaa Ganda Garbii Obbo Indiris Hasan, mariin biyyaalessaa carraa uummanni yaada isaa bilisaan ibsatee wal dhaggeeffachuun furmaata waloo itti barbaadu ta’uu ibsan. “Rakkoolee waggoota dheeraa nu mudatanii turan osoo waliin hin mari’atiin turuu kaasuun, amma garuu mariin kun namoonni wal kabajanii, wal dhaggeeffatanii yaada akka wal jijjiiran uumamuun isaa abdii guddaa nuuf kenneera,” jedhan. “Ani akka jiraataa biyya kanaatti mariin biyyaalessaa carraa uummanni wal dhaggeeffachuun waliigaltee biyya irratti qooda kan fudhatuudha jedheen ilaala” jedhan. Garaagarummaan yaadaa uumamuun waanuma jiru; garaagarummaa sana mariifi walii galteen furachuun tokkummaa biyyaaf murteessaa ta’uus kaasaniiru. Qaamoleen marii irratti hirmaatan hundi wal kabajanii yoomari’atan, rakkooleen yeroo dheeraaf mudataa turan furmaata argachuu akka danda’anis dubbataniiru.

Mariin biyyaalessaa garaagarummaa yaadaafi ilaalchaa biyyattii keessa jiru karaa nagaafi walii galteen furuuf carraa seena qabeessa ta’edha kan jedhan immoo Itti Gaafatamaan Dhimmoota Kominikeeshinii Mana Maree Federeeshinii Obbo Tarrafaa Badhaadhaati. Akka Itiyoophiyaattis mariin kuni isa jalqabaa seena qabeessa ta’uu eeraniiru. Kaayyon mariin biyyaalessaa nageenya waaraafi tasgabbii biyyaa cimsuu, mootummaafi uummata gidduutti amanamummaa guddisuun mootummaa hirmaachisaa ijaaruuf, yaadota garaagaraa walitti fiduun murtoo hunda hammatu akka kennamu taasisuufi tokkummaa biyyaalessaa eeguuf faayidaa guddaa qabaachuu ibsaniiru. Kana malees waliin jireenya saboota gidduu jiru jabeessuuf karoorfatee yaa’ii gaggeessaa jira jedhaniiru.

Lammiileen yaada isaanii bilisaan akka ibsatan, akka wal dhaggeeffataniifi rakkoolee waggoota muraasa darban keessa turan karaa nagaatiin furmaata argachuu danda’uuf shoora olaanaa qabaachuu kaasaniiru. mariin kunis humnaan ykn injifannoo garee tokkoon kan dhufu osoo hin taane, wal dhaggeeffachuu, waliif kabajaa qabaachuufi marii hunda hirmaachisuun kan ijaaramu ta’uus ibsaniiru.

Kanaaf mootummaa, paartileen siyaasaa, hayyoonni, abbootiin amantaa, dargaggoonni, dubartoonnifi hawaasni bal’aan qooda isaanii bahachuun milkaa’ina marii kanaaf murteessaadha jedhaniiru. Mariin kun nagaa waaraa, wal amantaa, tokkummaa biyyaafi waliigaltee biyyooleessaaf bu’uura jabaa ta’uu kaasaniiru.

Akka Obbo Tarrafaan ibsanitti, biyyoonni hedduun rakkoo siyaasaafi walitti bu’iinsa cimaa keessa turan mariifi araaraan keessaa ba’anii nageenya waaraafi waliigaltee biyyaalessaa ijaaruu ibsan. Fakkeenyaaf Afrikaa Kibbaatti sirni Appaartaayidii marii bal’aafi araaraan xumuramuun biyyattiin gara dimokiraasiifi tokkummaatti ce’uu eeran. Ruwaandaattis erga duguuggaan sanyii bara 1994 raawwatamee booda marii, araaraafi waliif dhiifamaan hawaasni wal amantaa deebisee ijaaruun nageenyaafi misooma keessatti jijjiirama guddaa galmeessuu ibsaniiru. Muuxannoowwan kunneen Itiyoophiyaafis barnoota guddaa ta’uu kan ibsan Obbo Tarrafaan, lammiileen hundi marii biyyaalessaa kana akka carraatti fayyadamuun nagaa, waliigalteefi badhaadhina biyyaa itti fufsiisuu akka qaban dhaamaniiru.

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo