Ukkaamsaafi Gaaga’amni Dargaggoota Tigiraay Irra Ga’aa Jiru Mormii Addabaabaayii Kaase

Gareen seeraan alaa ABUT Tigiraay keessatti dhalatee xannacha uummata Tigiraayitti ta’uun hadholii Tigiraay boossisaa dargaggoo Tigiraay dhiiga dhangalaasaa jiraateera. Kan lammiileen Itoophiyaa biro hin beekneef boo’ichi haadholii Tigiraayiifi Waraanaan dhumuun dargaggoota Tigiraay isaan nuffisiisuun uummatni Itoophiyaa fi hawaasni addunyaa akka beekaniif addababayiitti bahuun garee seeraan alaa kana mormuu eegalan.
“Tigiraayiif rasaasa osoo hin taane nageenyaafi misoomatu barbaachisa” mata duree balaaleffannaa hirmaattota hiriira ukkaamsaafi gaaga’amaa Tigiraay dha.
Hiriirri mata duree “Ukkaamsaan Haa Dhaabbatu, Nageenyi Haa Bu’u” jedhuun qophaa’ee, ukkaamsaafi miidhaa uummata naannoo Tigiraay irratti raawwatamaa jiru balaaleffachuuf Magaalaa Addis Ababaa Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffameera.
Hiriirichis dhaadannoowwan; waliigalteen Piriitooriyaa guutummaatti kabajamuu qaba, walitti bu’iinsi Naannoo Tigiraayitti deebi’ee uumamuu hin qabu, nageenyi waaraan mirkanaa’uu qaba, boo’ichi haadholiifi duuti dargaggootaa haahafu, naannicha misoomatu barbaachisaafi rakkoon nageenyaa uummata naannichaa mudachaa jiru dhaabbachuu qaba jechuun gaafataniiru.
Hirmaattonni hiriirichaa akka jedhanitti, gareen seeraan alaa kun dargaggoota naannichaa dirqamaafi humnaan waraanatti guuraa jiraachuu eerun, miidhaa namoomaafi dhiibbaa xiinsammuu gareen kun dargaggoota irran geessisaa jiru cimsuun balaaleffataniiru.
Uummanni naannichaa uummata nageenya jaallatu ta’uu eeruun, Tigiraayiif rasaasa osoo hin taane nageenyaafi misoomatu barbaachisa jedhaniiru. Gareen seeran alaa ABUT seera ukkaamsaa baasuun uummata naannichaa miidhaa cimaaf saaxilaa jira kan jedhan hiriirtonni kunneen, yeroon ammaa kun uummata Tigiraayiif yeroo baay’ee ulfaataa ta’uu ibsaniiru.
Ukkaamsaafi gaaga’amni gareen seeraan alaa ABUT uummata naannichaa irraan gahaa jiru hatattamaan dhaabachuu akka qabuufi filannoon uummata Tigiraay nageenya ta’uu ibsaniiru.
Hiriiricha irratti kan argaman Waajjira Ministira Muummeetti Gorsaan Dhimmoota Afrikaa Bahaa Obbo Geetaachoo Raddaa, nageenyi waaraan Naannoo Tigiraay waraanaan osoo hin taane marii tasgabbaa’aafi marii siyaasaan qofa mirkanaa’uu akka danda’u dubbataniiru.
Obbo Geetaachoon akka jedhanitti, haadholiin Tigiraay daa’imman umuriin isaanii waraanaaf hin geenye humnaan jalaa fudhatamaa jiraachuu himanii, uummanni naannichaa nageenya qofa akka barbaadu ibsaniiru. Kanaafuu, mootummaan Federaalaa lammiilee balaa irraa eeguu keessatti dirqama isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo