Oomishaa fi oomishtummaa qonnaa irratti gufuu ta’an keessaa ilbiisotni isaan ijoodha. Ilbiisota oomisha qonnaa irratti miidhaa geessisan adda baasuun tarkaanfiiwwan ittisaa barbaachisan saffisaan fudhachuun, oomishni qonnaa akka hin hir’anneef gahee olaanaa qaba.
Aanaa Jiilee Dhummuugaa keessatti waggoota 6 darbanii asitti ilbiisotni oomisha qonnaa irratti miidhaa geessisaa jiru. Ilbiisota farra midhaanii bakka isaan itti wal horan adda baasuun ,akka walhin horre taasisuufi yoo kan humna isaanii ol ta’e,ogeessota qonnaa beeksisuufi gorsa ogeessaa argame hojiirra oolchuun oomisha qonnaa balaa ilbiisootaa irraa baraaruun barbaachisaadha.
Jiraata Aanaa Jiilee Dhummuugaa Ganda Garbii Dirree Galmaa Obbo Mahammad Aliyyii, Ilbiisotni oomishaa Qonnaa isaanii irratti miidhaa geessisaa turuu himan. Midhaan ooyiruu irratti biqilee guddachaa wayita jirutti ilbiisotni akka simbirroo girriisaa, awwaannisaafi korophiisaa baala, daraaraafi firii midhaanii irratti miidhaa geessisuun oomisha hir’isaa turuu himan.
Balaa ilbiisootattiin baroota hedduu oomishni isaanii jalaa baduun beelaaf saaxilamaa akka turan kan himan Obbo Mahaammad, miidhaan kiiloogiraama 50 qarshii kuma afuriifi isaa oliin bituun maatii isaanii jiraachisuu ibsan. Ilbiisotni bakka isaan itti mul’atan adda baasuun ittisuun barbaachisaa ta’uus himan. Tarkaanfiiwwan ittisaafi to’annoo ilbiisotaa dafee yoo fudhatame, miidhaa ilbiisotni oomisha qonnaa irraan gahan baraaruun, oomishaafi oomishtummaa guddisuu akka danda’amus yaada isaanii ibsan.
Obbo Abdallaa Muusaa Itti Gaafatamaan Wajjira Qonnaa Aanaa Jillee Dhummuugaati, Simbirroo girriisaa, hooma awwaannisaafi geerriin oomishaafi oomishtummaa qonnaa akkasumas lafa marga beeyladaa irratti miidhaa geessisu. Kanaaf ilbiisota kana dursanii sakatta’uu adda baasuufi to’achuuf qaama mootummaa federaalaa irraa eegalee hanga aanaatti hojiiwwan qindaa’aan gaggeeffamaa jirachuus ibsan.
Farreen oomishaafi oomishtummaa kan ta’an ilbiisota farra midhaanii adda baasuun keemikaala farra ilbiisotaa itti biifuun dhabamsiisuuf hojjetamaa jira. Keessumaa gandoota Aanaa Jillee Dhummuugaa, Aanota olla Aanaa Jiilee Dhummuugaa kan akka Qawaatiifi Affaar waliin daangaa qaban kanneen akka Ganda Baalcii, Wasan Qurqur, Muxxee Faaca’aa, Goodaa, Gaanga’aa, Warra Leencaafi Garbii keessatti hawaasaafi ogeessota qonnaa waliin qindoominaan hojii cimaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Aanaa Qawaatiifi Naannoo Affaar waliin karoora waloo baafachuun ilbiisota oomisha qonnaafi lafa marga beeyladaa miidhan dursanii sakatta’uu, bakka isaan mul’atanitti to’annoo barbaachisaa taasisuufi babal’ina isaanii ittisuuf tarkaanfiin fudhatamaa jira. Keessumaa hoomaan awwaannisaa AanaaAddaleelaatti wal horuun miidhaa geessisuufi Aanaa Qawaat keessatti simbirroo girrisaan wal horuun midhaan irratti miidhaa geessisuu waan ta’eef, qonnaan bultootni kana hubachuun osoo isaan wal hin horiin dursanii to’achuuf, aanaalee ollaa waliin qindoominaan hojjechaa jiru.
Qonnaan bultoonni simbirroo girrisaafi hoomaa awwaannisaa ofirraa ittisuuf sagalee adda addaa dhageessisuufi ooyiruu keessaa ari’uuf mala aadaa gara garaa fayyadamaa turuu himaniiru. Haa ta’u malee, jijjiiramni qilleensaa haala mijataa ilbiisotni itti walhoraniif uumuun oomishaafi oomishtummaa irratti dhiibbaa guddaa geessisuu akka danda’us hubachiisaniiru.
Itti Gaafatamaan Qajeelcha Qonnaa Bulchiinsa Sab-lammii Oromoo Obbo Baahiluu Abbabaa, ilbiisootni oomishaafi oomishtummaa qonnaa irratti dhiibbaa geessisuun gufuu diinagdee ta’anii jiru. Keessattuu ilbiisoonni akka geerrii, awwaannisaa, simbirroo girriisaafi kanneen biroo naannawicha keessatti mul’achuun oomisha qonnaa irratti miidhaa geessisaa jiraachuu himan. Ilbiisoonni kunneen keessumaa waqtii gannaa haala mijataa argachuun walhoruun oomisha qonnaa irratti miidhaa guddaa geessisaa jiraachuus ibsan.
Ilbiisota Naannoo Affaar irraa gara Naannoo Amaaraatti socho’uu miidhaan irra miidhaa geessisan adda baasuun to’achuuf qaamolee dhimmi ilaallatuufi hawaasa naannoolee lamaan waliin ta’uun hojiiwwan ittisaa raawwatamaa jiraachuu Obbo Baahiluun ibsaniiru. Hirmaannaa hawaasaafi walitti dhufeenya hojii mootummaa naannolee lamaan gidduu jiru cimsuun, ilbiisota oomisha qonnaa irratti miidhaa geessisan dursanii adda baasuun odeeffannoo waliif kennuufi to’achuuf qindoominaan hojjetamaa jira.
Ilbiisotni yeroon to’atamuu yoo dhaban oomishaafi oomishtummaa qonnaa dhibbeentaa 30 hanga 40tti gadi buusuu danda’u. Kanaaf qonnaan bultoonni yeroo ammaa oomisha isaanii sirnaan hordofuun ilbiisota farra midhaanii adda baasanii ogeessota qonnaa beeksisuufi gorsa ogeessotaa sirnaan hojii irra oolchuu qabus jedhan. Tarkaanfiin kun yeroo isaa eeggatee yoo fudhatame miidhaa ilbiisotni midhaan irraan gahan hir’isuun oomishaafi oomishtummaa qonnaa guddisuufi galii qonnaan bultootaa guddisuuf murteessaa ta’uus himaniiru.


