Birmadummaa midhaan nyaataa, birmadummaa biyyaaf

Guddinni diinagdee biyya tokkoo bu’uura jireenya uummataa fooyyeessuuf gargaara;kana malees, dandeettii biyyi sun ofiin dhaabbachuu, fedhiiwwan bu’uuraa uummata ishee guutuufi abbaa biyyummaa ishee cimsachuu keessatti gahee olaanaa qaba. Biyyoota diinagdeen isaanii qonna irratti hundaa’e keessaatti immoo oomisha qonnaa guddisuun, wabii nyaataa mirkaneessuun, oomishaalee al-ergii dabaluuniifi galii biyya keessaa cimsuun bu’uura diinagdee of danda’e ijaaruuf murteessaadha. Waggoottan darbe keessa Itoophiyaan wabii miidhaan nyaataan of dadhabdee garagaarsa biyyoota alaa irraa eeggataa turuun ishee ni yaadatama;Kunis sababoota siyaasaa, diinagdee, dippiloomaasii, birmadummaa biyyaafi kanneen biroo irratti dhiibbaa taasiseera.
‎
‎Itoophiyaanis waggoota darban keessatti dameewwan garaagaraa irratti guddina diinagdeefi jijjiirama oomishaa fiduuf hojiiwwan hedduu hojjechaa jirti. Keessumaa oomisha qamadii irratti Itoophiyaan oomisha biyya keessaa guddisuuf xiyyeeffannoo addaa kennitee hojjechaa jirti. Kunis wabii nyaataan of danda’uu qofa osoo hin taane, birmadummaa biyyaa eeguuf faayidaa guddaa qaba. Qonnaan bulaan lndiris Hasan jiraataa Aanaa Dawaa Caffaa Ganda Garbii, qonnaan bultoota tuteeffama qonnaa irratti hirmaachaa jiran keessaa isa tokkodha. “Wabii nyaataa mirkaneessuun jalqaba oomishtummaa qonnaa guddisuu irraa eegala waan ta’eef, oomishtummaa keenya guddisuuf  tuteeffamaan gurmoofnee hojjechaa jirra” jedhan. Duraan qonnaan bultoonni faffaca’uun ooyiruu isaa irratti oomisha gaggeffataa turuu kaasuun, kunimmoo bu’a qabeessummaan isaa xiqqaa ta’uus ibsan. Yeroo ammaas qonnaan bultoonni tuteeffamaan gurmaa’uun hojjechuu isaanitti bu’a qabeessa ta’aa jiraachuu isaanii dubbatan. Kunimmoo wabii nyaataan of danda’uuf ka’umsaafi hojii bu’uuraa ta’uu kaasaniiru. Keessumaayyuu tekinooloojii, sanyii fooyya’aa, xaa’oo, jallisiifi kanneen biroo fayyadamuun wabii midhaan nyaataan of danda’uurra darbanii birmadummaa wabii midhaan nyaataa biyyaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu yaada isaanii nuuf qoodan..
‎
‎Waajjira Qonnaa Aanaa Dawwee Harawaatti, Abbaan Adeemsa Wabii Midhaan Nyaataa, Obbo Mahaammad Umar, wabii nyaataa jechuun midhaan jiraachuu qofa osoo hin taane, nyaata qulqulluu, gahaafi fayyaa namaaf barbaachisu yeroo hunda argachuu danda’uudha. Akka aanaa isaaniitti waggoottan jijjiiramaa dura gargaarsi biyyoota alaa irraa dhufe hawaasaaf rabsamaa turuu kaasuun, waggoota jijjirramaa as hojiilee wabii nyaataa mirkaneessuuf akka biyyaatti hojjetamaa jiruun gargaarsi ture dhaabbachuu eeraniiru. Hojiilee wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu akka aanaa isaanitti hojjetamaa jiruunis bu’aalee hedduun argamuu kan kaasan Obbo Mahaammad, qotee bulaa gurmeessuun tuteeffamaan akka oomishan taasisaa jiraachuu himaniiru.

Birmadummaa midhaan nyaataa mirkaneessuun hojii akka aanaatti hojjetamu qofa osoo hin taane tarkaanfii akka biyyaatti fudhatamaa jiru ta’uu ibsuun, akka aanichaattis wabii nyaataa mirkaneessuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu himaniiru. kunis Itoophiyaan wabii midhaan nyaataan of dandeessee biyyoota biraatiif al-ergii irratti kan argamtu ta’uu ibsaniiru.
‎
‎Birmadummaa biyya tokkoo eeguuf humni waraanaa qofti gahaa miti kan jedhan Obbo Mahaammad, diinagdee cimaa, wabii nyaataa, oomisha biyya keessaa, sharafa alaa gahaa, tekinooloojiifi humna namaa gahaa qabaachuunis birmadummaa biyyaaf murteessaadha jedhaniiru. Birmadummaa midhaan nyaataa wabii nyaataa mirkaneessuun dhimma nyaataa qofa osoo hin taane, dhimma diinagdee, hawaasummaa, nageenyaafi abbaa biyyummaa waliin walitti hidhata qabuudha jedhan.
‎‎Ogeessi diinagdee Tammirat Baalchaa, haalli guddina diinagdee Itoophiyaa kan baroota darbanii irra fooyyee qabaachuu ibsanii, birmadummaa ishee kan eeggattu humna waraaanan qofa osoo hin taane, birmadummaa midhaan nyaataa mirkaneessuunis akka ta’e addeessaniiru.  Diinagdeen of danda’e jechuun biyya tokko gargaarsa alaa guutummaatti addaan kutuu osoo hin taane, caalaatti dandeettii biyya keessaa guddisuu, galii biyya keessaa cimsuu, oomisha biyya keessaa dabaluufi dandeettii al-ergii babal’isuun fedhii biyyaalessaa ofiin guuttachuu danda’uudha jedhan. Kanaaf, hirkattummaa gargaarsa alaa hir’isuuf oomisha, invastimantii, daldalaafi galii mootummaa biyya keessaa cimsuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru.
‎
‎Hayyuun kun akka ibsetti, Itoophiyaan baroota darban keessaa biyyoota alaa irraa gargaarsa argachaa turuu kaasanii, biyyootni kunneenis gargaarsa kana siyaasaaf itti fayyadamuun birmadummaa Itiyoophiyaa sarbaa turuu ibsaniiru. Yeroo lolli kaabaa Itoophiyaatti gaggeeffamaa ture, qoqqobii diinagdee irraa irra kaa’ameen kan ka’e, gama imaammataan Itoophiyaa irra dhorkaan kaa’amee turuu himaniiru. Rakkoolee birmadummaa biyyaa irratti miidhaa fiduu danda’an kana furuufis Itoophiyaan guddina diinagdee itti fufsiisuu, akkasumas, carraa jiru gara oomisha qabatamaatti jijjiiruufi rakkoolee jiran furuun yoo danda’ame ta’uus eeraniiru.

Hojiin gama oomisha qonnaatiin biyya keessatti hojjetamaa jiru birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf agarsiiftuudhas jedhan. Teeknooloojii fayyadamuu, mala ammayyatiin oomishuun, jallisii fayyadamuu, akkasumas hojiilee ashaaraa magariisaa akka biyya keenyatti hojjetamaa jiraniin birmadummaa wabii midhaan nyaataa eeguuf kan gargaaru ta’uus kaasaniiru. Biyyi keenya oomisha qonnaa gara biyya alaatti erguun qonnaan bulaafi abbootii qabeenyaa galii argamsiisuu bira darbee, biyyaaf sharafa alaa kan argamsiisudha jedhan. Gara fuulduraattis Itoophiyaan oomisha biyya keessaa, galii uummataa, carraa hojiifi al-ergiifi cimsuun hirkattummaa alaa hir’isuuf carraa kanatti fayyadamuu akka qabdu dhaamaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo