Qophii nyaata beelladaa fooyya’aa

Horsiisni beelladaa jireenya horsiisee bultootaafi qonnaan bultootaa fooyyeessuu, galii maatii dabaluufi diinagdee biyyaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Keessumaa, nyaata gahaa, qulqulluufi madaalawaa beeyladootaaf yeroo isaa eeggate qopheessuun oomishtummaa isaanii dabaluuf murteessaadha.

Aanaa Dawwaa Caffaa keessatti, hanqina nyaata beelladaa waktii bonaa mudatu ittisuufi horsiisa beelladaa bu’a qabeessa taasisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira. Obbo Ahimad Ibiraahim bara 2015 irraa eegalanii, Aanaa Dawwaa Caffaa Ganda Garbiitti horsiisa beellada aannanii irratti bobba’uun hojjechaa jira. Horsiisni beelladaan jiruufi jireenya maatii isaanii gaggeessaa jiru. Obbo Ahimad, nyaata beelladaa sirriitti qopheessuun bu’a qabeessa ta’aa jiraachuu ibsan. Waktii bonaa hanqina nyaataa beelladaa uumamuu danda’uu ittisuuf  margaa arbaa, citaafi haftee midhaanii dabalatee wantoota nyaataaf oolan yeroo sirrii irratti qulqullinaan walitti qabuun kuusanii, yeroo barbaachisutti beelladaaf dhiyeessaa jiru.
‎
‎Waajjirri Qonnaa Aanaa Dawwaa Caffaa  lafa horsiisa beelladaaf mijataa ta’e, hektaaraa afur horsiisee bultootaaf kennuun, akkaataa beelladoota itti kunuunfatan irratti gorsaafi hordoffii ogeessotaa  taasisaa jiraachuus himan. Obbo Indiris Sa’id Ogeessa Horsiisaafi Kunuunsa Beelladaa Aanaa Dawaa Caffaatti, horsiisaa beelladoota aannaaniif oolan irratti hojii hojjechaa kan jiran yoo ta’u,  Kunuunsi beelladootaaf taasifamu aa, galii horsiisee bulaa  fooyyeessuuf  ga’ee olaanaa qaabchuu himan;haa ta’uu malee yeroo bonaa hanqinni margaa uumamuu danda’a waan ta’eef, rakkoo kana dursanii ittisuuf yeroo margaafi nyaanni gahaan jiru irraa eegalee margaa gogaa, haftee midhaanii, nyaataaf walitti makamee kan meeshaa teeknooloojii  deeggaramuun nyaata biroo sirnaan kuusuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Qophiifi kuusaan nyaataa dursee taasifamu kun beelladootaaf dhiyeessii nyaataa itti fufiinsa qabu mirkaneessuun, yeroo bonaa hanqina nyaataa irraa madduun oomishni akka hin hir’anneefi galiin horsiisee bulaa akka hin hir’anne taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
‎
‎‎Nyaata beelladaa faalame yookaan dhukkuba fiduu danda’u beelladaaf kennuun fayyaa isaanii irratti miidhaa geessisuu, guddina isaanii irratti dhiibbaa geessisuufi oomisha bu’aa beelladootaa hir’isuu danda’a. Rakkoo kana ittisuufis, margaa beelladaa qulqullinaafi faayidaa isaa eeggate lafa heektaara 574 irratti misoomsuun, horsiisee bultootaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qotee Bultoota lakkoofsan harki caaluu horsiisaa bulaa waanta’eef harki caaluu ofii horsiisa.  marga arbaa lafa hektaara  574  irratti dhaabuun qonnaan bultoota fayyadamoo taasisaa jiraachuus himan.
Gosoota margaa kanneen akka margaa arbaa, laablaab, facaasaa, kaawoo ijensiifi ataraa bal’inaan oomishamaa jiru. Gosoonni margaa kunneen kana dura mootummaan sanyii isaanii Naannoo Amaaraa irraa fiduun nuuf kenna turans jedhan . Sanyii kana akka babal’atan taasisuun gosoonni margaa kunneen babal’achaa, qotee bultootaafis raabsamaafi madda nyaata beelladaa ta’anii tajaajilaa jiru. Keessumaa yeroo bonaa hanqinni nyaata beelladaa uumamu kan itti fayyadamanidha. Margoonni kun sirnaan yoo kuufaman, hanga ji’a saddeetii osoo qulqullinni fi faayidaan isaanii hin hir’atin turuu danda’u.

Gosoota margaa keessaa atarri loonii  beelladoota furdisuuf  kan gargaaru ta’uus Obbo Indiris Sa’id ibsan. Hanga ammaattis qotee bultoonni 179 gosoota margaa kana irraa fayyadamaa jiraachuu himuun, babal’ina oomisha margaa fi itti fayyadama isaa cimsuun oomishaafi oomishtummaa beelladaa guddisuu, galii qotee bultootaa fooyyeessuufi horsiisa beelladaa haaraa taasisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Aadde Hawwaa Kaliil Aanaa Dawaa Caffaa Ganda Garbiitti loon aannanii kan sanyii filatamoo marga Waajjira Beelladaafi Horsiisa Qurxummii irraa argataniin qe’ee dhuma isaaniitti irraa fayyadamoo ta’uu ibsan. Horsiisa beelladaa keessatti nyaanni qulqulluu, gahaafi madaalawaan murteessaa ta’uu eeruun beelladoonni aannaniifi foonii bu’aa gaarii akka kennaniif nyaataafi bishaan gahaa argachuu akka qaban ibsan. Qonnaan bultoonni yeroo nyaata beelladaa qopheessan qulqullina isaa sirnaan eeguun, dhagaa, biyyee, kosiifi wantoota miidhaa geessisan irraa bilisa taasisuun gaarii ta’uu gorsan.
‎
‎
‎Aadde Hawwaa Kaaliil guyyaa guyyaatti aannan liitira shan gurguruun galii hanga qarshii 500 argachaa jiru. Kanaf yeroo bonaa hanqinni nyaataa akka hin mudanneef, yeroo roobaa irraa eegalee margaafi haftee midhaanii walitti qabuun sirnaan gogsuufi kuusuun itti fayyadamaa jiru. Nyaataa beelladaa dursanii qopheeffachuun  bu’aa gaarii akka qabaataniif  isaan  gargaarsaa jiraachuus yaada isaanii nuuf ibsan.
‎Nyaata qulqulluu, gahaafi madaalawaa qopheessuun fayyaa beelladaa eeguufi dhukkuba irraa tiksuuf, guddina saffisaa, oomishtummaa aannanii fooyya’aafi galii gaarii argachuuf akka gargaarus himan.

Akka Itti Gaafatamaan Waajjira Horsiisa Beelladaafi Qurxummii Aanaa Dawwaa Caffaa Obbo Ahimad Aliyyii, horsiisa beelladaa caalaatti babal’isuufi oomisha beelladaa guddisuuf nyaata  gahaa, qulqulluufi madaalawaa dhiyeessuun murteessaa ta’uu ibsu. Nyaanni sirnaan qophaa’ee, yeroofi haala barbaachisaa ta’een beelladotaaf kennamu, fayyaa eeguufi guddina isaanii saffisiisuun, oomishaafi oomishtummaa beelladaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru; Kana malees, kunuunsaafi nyaata madaalawaa beelladootaaf dhiyeessuun oomisha irraa argamu dabaluudhaan galii horsiisee bultootaa guddisuu, jireenya maatii isaanii fooyyeessuufi bu’aa diinagdee waaraa argamsiisuu keessatti bu’uura ta’uu dubbataniiru. Bara kana hanga beelladoota kuma diigdamafi 244 horsiisaa jiraachuus kaasaniiru.
‎
‎
‎ ‎
‎
‎Gama Waajjiraatiin hubannoo, gorsa, leenjiifi hordoffii barbaachisaa ta’e  kennuun,mala qophii, kuusaafi itti fayyadama sirrii nyaata beelladaa irratti deeggarsa ogummaa kennuun hojii itti fufiinsaan hojjetamaa jiru ta’uu Obbo Ahimad Aliyyii ibsaniiru. Horsiisa beeyladaa keessatti qophiin nyaataa yeroo isaa eeggatee yoo taasifame, fayyaafi oomishtummaa beeyladaa eeguudhaan galii maatii dabaluufi jireenya horsiisee bultootaa fooyyeessuuf carraa bal’aa akka uumu hubachiisaniiru.

Geexee Gizaawutiin

Oduu

AMECO Hirkoo