Itoophiyaan filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa Waxabajjii 24 bara 2018 gaggeesiteen Paartiin Badhaadhinaa sagalee caalmaa %94 argachuun injifachuun isaa ni yaadatama. Kanuma hordofuudhaan Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataafi Manni Maree Federeeshinii yaa’ii jalqabaa waggaa 1ffaa bara marsaa 7ffaa gaggeesseen Abiyyii Ahimad (PhD) Ministira Muummee FDRI taasisuun muude.
Abiyyi Ahimad/PhD/ irra deebiin Ministira Muummee FDRI tahuun erga muudamanii sirna kakuu raawwachuun haasaa taasisaniin fedhiin keenya Itiyoophiyaan guddattee arguudha jedhan. Itoophiyaan waggoottan darbe keessa rakkoolee garagaraan qoramaa turuu kaasanii, Itoophiyaan lammiilee injifatu malee , lammiileen hin injifatamu akka hin qabne dubbaniiru. Rakkoolee jiran hundeerraa furuun kan danda’amu Itiyoophiyaan qaroomina mataa ishee yoo diriirsite qofa ta’uu hubachiisaniiru.
Kaayyoon keenya hiyyummaa injifachuu, barnoota babal’isuu, fedhii mana jireenyaa guutuu, dhiyeessii tajaajila fayyaa fooyya’aa taasiisuufi carraa hojii bal’aa uumuudhas jedhan. Mul’ata seenaa jijjiiruu danda’u qabannee Itoophiyaa guddoo ijaaruuf ni hojjenna jechuunis dubbataniiru. Jijjiiramni argamaa jirus Itiyoophiyaarraa darbee addunyaa dinqisiisera kan jedhan Dr Abiy, misooma itti fufiinsa qabu galmeessuufi nageenya waaraa mirkaneessuun yaadama ida’amuu caalmaatti cimsuu itti fufsiisuun furmaata ta’us ibsaniiru.
Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee yaa’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataafi Mana Maree Federeeshinii irratti haasaa taasisaniin kallattiiwwan gurguddoo fuula duraa ibsaniiru.
Nageenyi imala guddina Itoophiyaaf qabu qoratee yeroo kamiyyuu caalaatti hojii gamtaan, tumsaafi Itoophiyaaf dursa kennuun akka hojjetamu ibsaniiru. Itti aansuun, ce’umsi caaseffamaa hundagaleessi qulqullina bu’uureffate akka jiraatu ni taasifama. Barnoota, fayyaafi eegumsa hawaasummaa baay’inarraa gara qulqullinaatti ceesisuun misooma lammii giddugala godhate saffisiifamuu ibsaniiru. Guddina biyyaatiif faayidaa guddaa kan qaban galteewwan induustiriifi qonnaaf akkasumas ijaarsi bu’uuraalee ammayyaa dandeettii ofiin akka hojjetamuufi of danda’an ni taasifama jedhan.
Raawwii pirojektiifi faayinaansii pirojektii ammayyaa, ariifataafi itti gaafatamummaa qabu gochuuf kan hojjetamuu ta’uu eeruun, bu’uura taaksii ammayyeessuun idaa haalaan bulchuu, akkasumas dandeettiin galiifi baasii mootummaa haalaan to’achuun ni guddata jedhan. Qindoominni hojii mootummaa federaalaafi naannoolee gidduu jiru akkasumas raawwiin isaanii kan waltumsu, waldeeggaruu, si’ataafi hanqina kan hin qabne akka taasifamus dubbataniiru. Hariiroo alaa Itoophiyaa fudhachuurraa gara dhiibbaa uumuutti kan ceesisu keessumaa michuuwwan baay’isuuf kan hojjetamu ta’uu eeranii, ilaalcha diinummaa kan qaban ammoo kan gorsu nageenya naannawaafi walitti hidhamiinsa diinagdeef yeroo kamiyyuu caalaa dursi kan kennamu, kaka’umsa kan qabuufi fudhatamummaa idil-addunyaa keenya kan guddisu ni ta’as jedhaniiru.
Obbo Mahaammad Sayid jiraataa Aanaa Dawwaa Caffaa Ganda Garbii, hojiileen misoomaa hanga ammaa hojjetamaa turan kan nama boonsan ta’uu himanii, mootummaa haaraan hundeeffame hojiilee misooma kanneen itti fufsiisuun nageenya uummataafis kan durii caalaa xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjetee guutuu biyyaatti nageenya buusuu qaba jedhan. Hojiileen misoomaa waggoota shanan darban kana keessatti hojjetaman waan qabatamaan iji namaa ilaalee argu waan ta’eef ammallee mootummaa haaraan akkuma yeroo darbe keessatti hojii qulqullina qabu saffisaafi ariitiin hojjatee xumuretti yeroo itti aanus haala kanaa oliitiin hojjechuun akka irraa eegamu yaada isaanii ibsan.
Jiraataa Aanaa Dawwaa Caffaa Ganda Garbii kan biraa Obbo Indiris Hasan gamasaaniin Paartiin Badhaadhinaa waggoottan darban keessatti ergama cimaafi tarsiimoo gaariin masakamuun hojiilee misoomaa hojjechaa turuu ibsan. Keessumaa hojiilee misoomaa kanneen akka ashaaraa magariisaafi misooma magaalaa keessaatti baadiyaaf xiyyeeffannoo cimaa kennuun hojiilee boonsaa hojjetaa tureera jedhan. Hojiilee paartichi yeroo darbe keessatti hojjeterraa ka’uun yeroo itti aanus hojiilee cimaa uummata tajaajiluun guddina biyya keenyaa mirkaneessan akka hojjetu abdii guddaa kan qabnuudha jechuun, uummannis hojiilee misoomaa mootummaan hojjetu cinaa dhaabbachuu akka qaban dhaamaniiru.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Hayyuu Siyaasaafi Hariiroo idil- addunyaa Tarreessaa Baalchaa akka jedhanitti, biyyi tokko eenyummaa uummata isheefi birmadummaashee, akkasumas daangaashee kabachiisuuf mootummaa humnaafi sirna jabaa qabu barbaachisaa dha. Sirna diimokraasii babal’isuuf , mootummaan fedhii uummataatiin akka filatamuuf filannoon dimokraatawwaa gaggeeffamuu yaadachiisan.
Mootummaan Badhaadhinaa waggoota darban keessatti hojiilee gurguddaa hojjetaniin filannoo bara kanaa injifachuu ibsanii, gara fuulduraattis amaanaa uummanni itti kennate fudhachuun komii, yaadaafi gaaffiilee hawaasaa hojiirra oolchuu akka qabu eeraniiru. Hanga ammaatti hojiilee gama damee hundaan hojjetaaa tureen dimokiraasii babal’isuu, kenninsa tajaajilaa bulchiinsa gaarii fooyyessuufi misooma kan saffisiise; yoota’u, waggoota Shan itti aanus hojiilee misoomaa kanneen hafan itti dabaluun hanqina yeroo darban mudate fooyyessaa, nageenya uummataa mirkaneessuun hojiilee misoomaa cimsee hojjechuu akka qabu, akkasumas imaanaa uummataa hojiirra oolchuun akka irraa eegamu ibsan.
Moosisaa Fufaatiin


