Liyoonel Meesiin kabaja maluuf argachuun gaggeeffame

Liyoonel Meesiin waggoota 21 booda garee Biyyaalessaa Arjeentinaa keessaa bahuu hordofee tapha michoomaa qophaa’e irratti Arjeentinaan Beeniin 3 fi 0n mo’atteetti.
‎
‎Federeeshiniin kubbaa miilaa Arjeentinaa tapha michoomaa Istaadiyeemii Moonumentaalitti qopheesseen Liyoonel Andirees Meesiif gaggeessaa kabajaa taasiseera. Sirna gaggeessaa kana irrattis samiin Arjentinaa halluu cuquliisaafi adiin waan duumessi irraa buufatee fakkaachuun dukkanaa’e.
‎
‎Ilma dinqiin Rozaariyoo, Liyoonel Andirees Meesii urjiin kubbaa miilaa addunyaa jaarraa kanaa, kana booddee garee biyyaalessaa Arjeentinaaf akka hin taphanne ifatti murteessuu hordofee, Arjeentinaafi adduunyaa guutuu biratti miirri deeggartoota uumame kun kubbaa miilaa caalaa ta’ee mul’atera.
‎
‎Guyyaa kanas, sagaleewwan waggoottan darban dura “mallattoo uffata inni uffatu isaaf hin malle” jechuun isa qeeqaa turan, yeroo uummatni Arjeentinaafi miira deeggartoota isaa addunyaa mara irratti arganitti callisanii lafa ilaalan. Taatee kanaanis, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman gara dirreetti ba’anii, imimmaan dhangalaasuun kabajaafi galata isaaf qaban agarsiisaniiru.
‎
‎Handhuura Boonoosaayiras kan taate iddoo awwaalcha guddicha El-Obeeliiskoo guddaa jalatti, Arjentinoonni kumaatamaan lakkaa’aman walitti qabamanii, lakkoofsa Meesin uffachaa ture “10” seenaa qabeessa ta’e ol kaasanii, “Meesii! Meesii! Meesii!” jechuun sagalee tokkon waamicha isaanii dhageessisaniiru.
‎
‎Duraan Arjentinootni “Liyoo, hin deemiin” jedhanii kadhachaa turan. Amma garuu bakka isaa “waan hundumaaf galatoomi” jedhuun, faaruu kabajaa guddaa kan biraatiin bakka buusuun bakka buusan.

Sagantaa sirna gaggeessaa Meesiif dhaabbanni Kubbaa Miilaa Arjentiinaafi hiriyoonni garee isaa qopheessanillee, addunyaan ispoortii keessatti kan argamee hin beekne, waanti garaa namaa tuqu ta’ee mul’ ateera.
‎
‎Yeroo Messi gara dirree seenutti, deeggartootni isa jaallatan hundaan onneen isaa tuqamuun, miirri hiriyoota garee isaa imimmaaniin guute. Hiriyoonni isaa sarara lamaan hiriiranii dhaabbatanii, Arjerntinoonni immoo Istaadiyeemii Monumental guutummaatti guutanii kabajaan dhaabbatanii yeroo harka Isaaf rukutan, ijji Meesiillee imimmaaniin guutamee mul’ate.
‎Tapha isaa isa dhumaa keessatti akkuma amala isaa goolii yeroo galchuufi kubbaa gooliif taa’u qopheessee yeroo kennu, deeggartoonni immoo akkuma baranitti gammachuufi sirbuu irra, boo’ichaaf dirqaman.
‎
‎Deeggartoonni isaas daa’ima irraa kaasee hanga nama guddaatti, harka isaanii olii fi gadi sochoosaa; suuraa Meessi uffata isaaniifi fuula isaanii irratti halluun kaasuudhaan, mootii kubbaa miilaa jaarraa kana jechuun kabajaan faarsan. Kabajni Arjeentinoonni Meesiitti agarsiisan haala nama ajaa’ibsiisu ture!
‎
‎Liyoonel Meesiinis dirreefi uffata halluu cuquliisaafi adii isaa ifatti nagaa itti dhaammateera. Kubbaan miilaa qaama isaa guddaa tokko dhabe; Arjeentinaan immoo dha’annaa onnee ishee dhabde. “Nagaatti mootii ogummaa kubbaa miilaa jaarraa kanaa; Arjeentinaan bara baraan si jaallatti,”jechuun Arjeentinoonni ergaa isaaf qaban dhaamaniifi jiru.

Meesiin sirna gaggeessaa kabajaa isaaf taasifameen Yuunivarsiitii Boonoosaayiras irraas Dooktara Kabajaa addaas argateera. Taphataan waggaa 39 Liyoonel Meesiin biyya isaatiif goolii 126ffaa, waliigala seenaa tapha Kubbaa Miillaa isaatiin ammoo goolii 932ffaa galchuudhaan Badhaasa Waancaa Addunyaa tokko, Waancaa Koophaa Ameerikaa lammaa fi Waancaa Faayinaalizimii tokko waliin boqonnaa taphattummaa biyyaalessaa isaa xumuree jira.

Geexee Gizaawutiin

Oduu

AMECO Hirkoo