Tumsa Oomisha Qisaasama Jalaa Baraaruuf Taasifamaa Jiru

Oomisha gahe yeroon sassaabuun qisaasama oomishaa hambisuu bira darbee oomishaafi oomishtummaa dabaluuf kan gumaachudha. Akka ragaan Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Addunyaa (FAO) mul’isutti, Itoophiyaatti oomishni yeroo sassaabbiitti dhibbentaan 25 hanga 30 ta’u qisaasamaaf kan saaxilamudha. Kanaafuu, hojiin sassaabbii midhaanii hojii xiyyeeffannoo barbaaduufi yeroon hojjetamuu qabudha. Qonnaan bultoonni muuxannoo argataniin oomisha isaanii gahe sassaabachaa kaan ammoo kunuunsaa jiru.

Aanaa Dawwee Harawaatti, jiraataan ganda Wacaqaa Shariif Sheeh Mahaammad qonna Arfaasaan Maashoofi Xaafii misoomsuu dubbataniiru. ‘’Yeroo oomishni sassaabbiif gahutti qonnaan bultoota biroo waliin akkaataa walitti dhihaannuun daboon waliif sassaabna. Oomishni humni guddaan itti bahe sassaabbii irratti qisaasamaaf saaxilamuu akka hin qabne hubannoo waan qabnuuf sassaabbii irratti of eeggannoo cimaa taasifna’’ jedhaniiru. Yeroo ammaa Maashoo facaasan sassaabbatanii calleessuu kaasanii, kanneen hafan ammoo sassaabaa akka jiran dubbataniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa aanaa Dawwee Harawaa, Indiris Sa’id, aanichatti lafti hektaarri 800 ol gosoota midhanii adda addaan haguugamuu eeraniiru. Haalli qilleensaa bara kanaa oomishaaf mijataa waan ta’eef dhaabbiin oomishaa sadarkaa gaarii irratti argama jedhaniiru. Oomishni bara kanaa qisaasama tokko malee akka sassaabamu qonnaan bultoonniifi kutaaleen hawaasaa hirmaannaa irraa eegamu taasisuu akka qaban hubannoon kennamuu itti gaafatamichi dubbataniiru. ”Oomishni kan qisaasa’u karaa lamaanidha; innis osoo hin gahiin sassaabuufi erga gahee booda yeroon sassaabuu dhiisuudha” jedhaniiru. Oomishni bakkeewwan adda addaatti akkuma wal duraa duubaan sassaabbiif gahaa jirutti hawaasni maatii isaafi aadaa wal gargaarsaa qabuun oomisha gahe sassaabaa jiraachuu eeraniiru.

Kanaafuu, yeroo sassaabbiitti qonnaan bultoonni midhaan hin geenye jiidhaatti akka hin murreefi kan gahe yeroon akka sassaabaniif kallattiin taa’ee hojiitti seenamuu obbo Indiris himaniiru. Aanichatti Maashoon guutummaatti sassaabamuu isaa kaasanii, Xaafiin ammoo sassaabamaa jira jedhaniiru. Oomishni bakkeewwan adda addaatti akkuma wal duraa duubaan sassaabbiif gahaa jirutti hawaasni maatii isaafi aadaa wal gargaarsaa qabuun oomisha gahe sassaabaa jiraachuu eeraniiru. ‘’Midhaan kan qisaasamaaf saaxilamu ooyiruu qofa irratti miti’’ kan jedhan itti gaafatamichi, erga tumamee gombisaatti naqamee booda Daana’oon waan nyaatamuuf qorichaan ittisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Hawaasni namoota humna hin qabneef deggarsa barbaachisu gochuun oomisha isaanii akka walitti qabaniifis obbo Indiris dhaamaniiru.

Qajeelcha Qonnaa bulchiinsa sablammii Oromootti, ogeessi kunuunsa midhaanii Ballihuu Abbabaa, bara oomishaa 2017/18’tti bulchiinsichatti lafti hektaarri Kuma 58 ol midhaan garagaraan haguugamuu ibsaniiru. Bara kana miidhaan rooba gaarii waan argateef callaa guddaatu irraa abdatama jedhaniiru. Yeroo ammaa Maashoon sassaabamaa jiraachuu kaasanii, kanneen biroo irraa ammoo farreen midhaan hordofaa jiraachuu himaniiru. Yeroo sassaabbiitti qisaasa’insa oomishaa xiqqeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Ogeessichi, aanolee hunda keessatti qonnaan bultoonni maloota adda addaatti dhimma bahanii oomisha isaanii akka sassaabbataniif hojiin hubannoo uumuu hojjetamuu kaasaniiru.

Aanolee oomishaaleen sassaabbiif hin geenyetti hojiin kunuunsaafi eegumsa akkasuma kanneen dursa facaasanitti ammoo hojiin sassaabbii midhaanii akkaataa mancaatii irraa bilisa ta’een geggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru. ‘’Nu biratti oomisha gahe sassaabuuf maashiniiwwan adda addaa fayyadamuun baratamaa miti’’ kan jedhan ogeessichi, qonnaan bultoonni oomisha gahe daboon wal gargaaranii sassaabbiitti akka jiran dubbataniiru. Muuxannoo waggoottan darban iddoo tokko tokkotti balaa oomisha irraan gahe giddugaleessa godhachuun hojiin dursanii ittisuu hojjetamaa akka tureefi bara kana yaaddoon kan hin jirre ta’uu dubbataniiru. Waliigalaan bara kana wantoota oomishtummaa midhaanii hir’isuu danda’an kamiyyu dursanii ittisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Hanga sassaabbiin xumuramutti qonnaan bultoonni eegumsaafi kunuunsa midhaaniif barbaachisu akka taasisan ogeessichi dhaamaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo