Injifannoon Adwaa waraana guddaa Itoophiyaanotaafi humnoota koloneeffattoota Xaaliyaanii gidduutti taasifamedha. Waraanni kun Bitootessa 1 bara 1888, naannawa magaalaa Adwaa keessatti gaggeeffamee, injifannoo Itoophiyaanotaatiin kan goolabamedha.
Injifannoon Adwaa gootota meeshaa waraanaa hidhatanii duulan qofaan osoo hin taane, weellistoonni masinqoo isaanii qabatanii walaloofi yeedaloo uumaa deemanis gumaacha guddaa taasisaniiru. Seenaa gootummaa kana keessatti gaheen loltootaa, abbootii, dargaggootaa, dubartootaafi qaamolee adda addaa yeroo hedduu faarfamaa turus, seenaan wallistootaafi oolmaan isaan lola Adwaa keessatti biyyaaf oolan bal’inaan osoo hin kaafamin hafee tureera.
Og-aartiin yeroo waraanaa keessatti kaka’umsa loltootaa guddisuuf gahee guddaa taphateera. Yeroo sirboonni sirbaman, onneen loltootaa jabaatee abdii isaanii akka cimu taasisaa tureera. Sirboonni gootota darban yaadachiisuudhaan loltoota gara fuulduraatti kakaasuu danda’an sagalee yeedaloofi geerarsaan dabaalamanii, loltoota gidduutti wal-hubannaafi tokkummaa cimsaa turaniiru. Kunis loltoonni humna tokko ta’anii akka socho’an taasiseera. Geerarsi yeroo lolli adeemsifamu, injifannoofi gootummaa dhaloota durii yaadachiisuudhaan kaka’umsaafi miira gootummaa loltoota keessatti uumaa tureera.
Seenaa keessatti weellistoota yeroo sana turan keessaa muraasni kan eeraman Alaqaa Taayyee Gabra Maariyaam, Alaqaa Gabra Haannaa, weellisaa mootii Miikaa’el qaro dhabeessa, Hasan Amaanuufi Weellisaa Xaadiqqeedha. Duula guddaa Adwaa keessatti wallistoonni warra dadhabe jabeessuun, warra nahee gootessuun, goota injifannoo fide faarsuun loltootaaf nyaata onnee kan ta’e hamilee taasisaniiru. Kunis injifannoon sun akka dhugoomu gumaacha guddaa taasisuu isaanii agarsiisa.
Saayiduu Mahaammad miseensa garee Hawwisoo Addeessa Waarii aanaa Dawwee Harawaati. “Muuziqaan anaaf jireenya kooti” kan jedhe Saayiduun, muuziqaan quuqaa garaa ofii kan ittiin ibsatan, miira gaddaafi gammachuu, akkasumas miira gootummaafi jiruuf jireenya hawaasaa ibsuuf akka gargaaru ibseera. Kanamalees, yeroo injifannoo Adwaa keessatti wallistoonni sirbaa, geerarsaafi yeedaloon loltoota kakaasuun miira gootummaa akka itti dhaga’u taasisuu isaanii dubbataniiru. “Nutis akka garee Hawwisoo keenyatti muuziqaatti fayyadamnee aadaafi duudaa hawaasaa beeksisuun, ijaarsa biyyaafi tokkummaa uummataa cimsuuf gahee keenya ni baahanna,” jedheera.
Waajjira Aadaa, Turizimiifi Ispoortii aanaa Dawwee Harawaatti ogeessa misooma turizimii kan ta’an Mootummaa Margaa, Adwaa irratti loltoota qofa osoo hin taane weellistoonni gahee guddaa taphachaa turuu ibsaniiru. Akka isaan jedhanitti, weellistoonni gootota Adwaa waliin walqixa duulanillee seenaan isaanii qixa sirriin yaadatamaa hin jiru. Injifannoon Adwaa kan waraanaa, gaachanaafi goraadeen argame qofaa osoo hin taane, humna og-aartiitiinis gumaacha guddaa kan argamedha jedhaniiru. Weellistoonni meeshaalee muuziqaa isaanii qabatanii hamma sarara waraanaatti deemuun loltoota kakaasuun gahee isaanii bahachaa turuu himaniiru.
Yunivarsiitii Wallootti, barsiisaan muuziqaa Ayicheewu Tilliqaalam gamasaaniin, yeroo sana maatii mootii biratti weellistoonni dhuunfaa akka turan yaadachiisaniiru. Akkasumas waraana Adwaa irratti weellistoonni masinqoo isaanii qabatanii kan duulan ta’uu isaanii kaasaniiru. Akka isaan jedhanitti, weellistoonni gootota faarsuun, diina xiqqeessuun, loltootaaf hamilee kennuun, akkasumas goota injifannoo argate injifannoo biraaf kakaasuun hojii seenaa hojjechaa turaniiru.
“Muuziqaan onnee kakaasaadha. Namni onnee hin qabne immoo waan fedhe yoo hidhate hiika hin qabu,” kan jedhan hayyuun kun, loltoonni uummataafi onnee guutuun ‘biyyi koo hin injifatamtu’ jedhanii akka lolan taasiseera jedhaniiru. Kunis gumaacha weellistoonniifi humni og-aartii lola Adwaa keessatti qaban hammam cimaa akka ta’e kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Masiinqoon sagalee olka’aa waan qabuuf loltoota duula Adwaa keessatti geerarsaan, walaloofi yeedaloon kakaasuuf meeshaa muuziqaa aadaa filatamaa ta’ee tureera jedhaniiru. Dabalataanis, qabachuuf salphaa waan ta’eef weellistoonni waraana sana irratti hirmaachuun bu’aa qabeessa akka ta’an isaan dandeessisuu ibsaniiru. Walaloon isaanii gootota faarsuu qofa osoo hin taane quuqaafi yaada garaa isaanii ibsaa turedha.
Fakkeenyaaf,
“ገበየሁ ቢሞት ተተካ ባልቻ
መድፍ አገላባጭ ብቻ ለብቻ” jechuun walaloofi yeedaloon mi’eessanii dhaloota har’aatti akka ce’u taasisaniiru. Kanaafis dhaloonni har’aa seenaa isaa salphaatti akka hubatuuf muuziqaan gumaacha guddaa qabaachuun isaa ni hubatama jechuun barsiisaan kun ibsaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


