Itti aanaan muummicha ministiraa Tamasgeen Xurunah Ikoo Riizoortii Falag Giyoon eebbisaniiru. Sirna eebbaa kanarratti Bulchaan olaanaa Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa, Bulchaan olaanaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Ashaadilii Hasaniifi qondaaltonni olaanoo biroo argamaniiru. Sirna eebbaa kanarratti ergaa kan dabarsan bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa, naannichi seenaan kan badhaadhe, uumamaan kan eebbifame, aadaafi duudhaadhaan kan guutame ta’uu ibsaniiru. Manneen amantaa dhagaafi haroo irratti ijaaraman, masaraa moototaa xuubiin faayaman, masjiidota seenaan durii ittiin himamu, gaarreen miidhagina uumamaa qaban bakka bineensonni baay’ee hin argamne keessatti argaman ta’uu kaasaniiru.
Aadaafi duudhaa bara durii kaasee hanga har’aatti dhalootaa dhalootatti darbaa dhufe kan itti mul’atu, dargaggoonni beekumsa ogbarruufi aartii qaban kan keessa jiraniifi namoonni gara laafeyyii ta’an kanneen keessummoota simatan daawwattoota biratti kan jaallataman naannicha keessa jiraachuu eeraniiru. Bulchaan olaanaa kun xiyyeeffannoo addaa mootummaan damee tuurizimiitiif kenneen naannoo Amaaraatti bakkeewwan turizimii ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, kunis iddoowwan seenaa, sochiiwwan aadaafi amantaa, iddoowwan gahumsa turizimii bara durii kaasee jiranitti fayyadamuun naannichatti miidhaginaafi badhaadhina dabalataa kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Qabeenya dhokataa Gorgoraafi Haroo Loogoo naannoo Amaaraa keessa jirus baasee mul’isuu himaniiru. Akkasumas riizoortiin magaalaa Baahir Daariifi naannichaaf kennaa dabalataa ta’e eebbifamuu isaa ibsaniiru. Bulchaan kun hojiilee kunneen xiyyeeffannoo mootummaan damee turizimiitiif kenneef ragaa qabatamaa ta’uu himaniiru. Damee turizimii utubaa dinagdee ta’e sirnaan itti fayyadamuuf ciminaan ni hojjenna jedhaniiru. Riizoortiin Falage Giyoon Xaanaa godambaa amantaafi seenaa ta’e laga sadarkaa addunyaatti dheeraa ta’eefi nu lammiilee Itoophiyaatiif kennaa addaa ta’e lagni Giyoon Riizoortii Ikoo Ajaa’ibaa Gorgoraa mootummaan xiyyeeffannoo addaatiin ijaaramedha jedhaniiru. Finca’aa Xiis Abbaayiifi kanneen biroo kan walqunnamsiisu ta’uu ibsaniiru.
Haroon loogoo kanaan dura eebbifame qabeenya turizimii Warra Iluu irraa hanga Adwaatti jiru kan walqunnamsiisu ta’uu ibsaniiru. Riizoortiin Felege Giyoon kennaa dabalataafi bakka daawwattoota naannoo Amaaraa durii kaasee turizimiidhaan eebbifame ta’uu ibsaniiru. Obbo Araggaan pirojaktoonni akkanaa guddina turizimii naannichaa sanaa ol kan saffisiisu, daawwattoota hawwachuu, turizimii irraa waan nuuf malu galmaan ga’uuf nu gargaara jedhaniiru. Sadarkaan qulqullina Riizoortii Felege Giyoon nageenya, bareedinaafi kennaa Haroo Xaanaaf balaa osoo hin taane bareedina dabalataa ta’uu ibsuun kunis ogeeyyiin mirkanaa’uu ibsaniiru.
Abbaan qabeenyaa Kaasaahuun, kanaan dura hojii ajaa’ibaa Riizoortii Ikoo Gorgoraa kan Itoophiyaa keessatti gita hin qabneefi tarii Afrikaa keessatti tokko ta’e ijaare har’as hojii guddaa akka garee Gorgoraa lakkuu mul’isee jira jedhaniiru. ‘’Biyyi kan ijaaramu tumsaan ta’uu kaasaniiru. Yeroo tumsaan keessa darbamu jedhame keessa darbineerra; rakkoo gaara fakkaatu walta’insaan irra aanee jirra; hojii biyya kabaju, uummata fayyadu, dhalootaaf darbu hojjechaa jirra’’ jedhaniiru. Riizoortiin kun riizoortii olidha; pirojaktii kana irratti mootummaafi invastaroonni dhuunfaa tumsa taasisaniiru, yaadniifi gochi wal arganii jiru fedhiifi yeroon waliigalaniiru, gaafa waliin hojjenne wantoota Itoophiyaa faayaniifi olka’iinsa badhaadhinaatti ol guddisan ni hojjenna’’ jedhaniiru. Obbo Araggaan qaamolee Riizoortii Felege Giiyoniifi pirojaktoota misoomaa biroo akka danda’amu taasisan hundaaf galata guddaa qaban ibsaniiru. Bulchaan olaanichi abbootiin qabeenyaa gara naannichatti dhufuun akka misoomsaniif waamicha dhihessaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin


