Aanaan Dawaa Caffaa misooma qamadiif haala mijaawaa qaba. Haalli qilleensaafi teessumni lafaa aanichaa mijaawaa ta’uu bira darbee laggeen akka Borkannaa, Batoofi Dirmaa aanicha keessatti waan argamaniif haalonni kun misooma qamadiif mijataa taasisu. Qonnaan bultoonni dubbisne tokko tokko misooma kanaan fayyadamoo ta’uu isaanii ibsaniiru.
Obbo Mahaammad Sa’id, aanichatti jiraataa ganda Shakilaa yoo ta’an, gara misooma jallisii bonaatti erga dhufan waggaa lama lakkoofsisuu himaniiru. Sana dura rooba gannaa fayyadamuun oomisha biroo oomishaa turuu kaasanii, yeroo bonaa ammoo timaatima qofa misoomsaa akka turan yaadataniiru. Bara kana garuu ooyiruu hektaara walakkaa ta’urratti akkaataa ogeessi qonnaa isaan barsiiseen sirnaan qotanii qamadii facaasuun callaa qamadii kuntaala 24 argachuu danda’uu dubbataniiru. Akka qonnaan bulaan kun jedhanitti, jallisii bonaan galiin argatan kun fuulduraaf hojii kana babal’isanii akka hojjetaniif kaka’umsa guddaa isaanitti horeera.
Bu’uuruma kanaan obbo Umar Sa’id, jiraataa aanaa Dawaa Caffaa ganda Garbii yoo ta’an, bara 2014 irraa jalqabuun misooma qamadii irratti hirmaachaa turuu dubbataniiru. Baroota darbanitti gamasaaniin akkuma warraaqsi misooma jallisii qamadii bonaa jalqabeen hubannoo barbaachisaa fudhachuun gara hojiitti seenanii irraa fayyadamaa turuu kaasaniiru. Bara kana lafa hektaara tokko hin guunnerraa callaa qamadii kuntaala 35 argachuu himaniiru. Galiin argatan jajjabina waan isaanitti horeef gara fuulduraatti hojicha bal’inaan hojjechuuf karoora qabaachuu dubbataniiru.
Waajjira Qonnaa aanaa Dawaa Caffaatti Dursaan Garee Muduraafi Kuduraafi Itti Fayyadama Bishaan Jallisii Abdallaa Alii, aanichi haala qilleensaafi biyyee misooma qamadii bonaaf mijatu qabaachuu addeessaniiru. “Qamadiin haala qilleensaa jiidhaa barbaada; aanaan keenyas uumamaan haala qilleensaa kanaan kan baadhaatedha” jedhaniiru. Sadarkaa aanichaatti lafa jallisii bonaan misoomuu danda’u hektaara kuma jahaa fi 900 ol qabaachuu dubbataniiru. Kanattis haalaan dhimma bahuuf ogeessota ogummaa qonnaa qabaniin deggarsaafi hubannoon barbaachisaan dhimma jallisii bonaarratti qonnaan bultootaaf kennamaa turuu himaniiru. Dursaan garichaa hojiin misooma qamadii aanichatti bara 2014 jalqabuu kaasaniiru.
Bara sana lafa hektaara tokkorraa callaan qamadii kuntala 30 argamuu danda’uu yaadatanii, muuxannoo kana babal’isuun hojichi hanga ammaa itti fufee jiraachuu eeraniiru. Akka dursaan garichaa jedhanitti, aanichi bara oomishaa 2018 kanatti gamasaatiin qamadii waqtii gannaafi bonaan waliigalaan lafa hektaara kuma 1 fi 385 ol misoomsuun sochii akka biyyaatti oomisha qamadiin of danda’uuf taasifamaa jiru deggaruu danda’eera. Obbo Abdallaan misoomni kun gandoota aanichaa kanneen akka Garbii, Shakilaa, Gobayyaa, Taraf, Salaamaafi Sitiritti kan misoome ta’uu kaasanii, qamadii bara 2018 marsaa lamaan misoomerraa akka waliigalaatti callaa qamadii kuntaala kuma 41 fi 263 argamuu mirkaneessaniiru. Akka isaan jedhanitti, bu’aan kun dhufuu kan danda’e jallisii qamadii bonaan walqabatee bakkeewwan oomisha qamadiin beekaman irraa muuxannoo waan qoodataniifidha. Oomishni jallisii qamadii bonaa waggaadhaa gara waggaatti dabalaafi babal’achaa dhufuu isaa kan himan obbo Abdallaan, yeroo ammaa xiyyeeffannoo mootummaa argachuun wabii midhaan nyaataa mirkaneeffachuuf tooftaa filatamaa ta’uu kaasaniiru.
Qajeelcha Qonnaa Bulchiinsa Sablammii Oromootti abbaan adeemsa misooma kuduraafi muduraa, Aschaalaw Taaddasaa, waggoottan arfan darbanitti, gama mootummaan jallisii bonaan qonnaan bulaan hojjetee akka of danda’uuf hojiin hojjetamaa ture boonsaa ta’uu himaniiru. Akka bulchiinsichaatti qonnaan bulaan oomisha jallisii bonaan wabii midhaan nyaatasaa akka mirkaneeffatuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Obbo Aschaalaw, bara kanatti misooma qamadii marsaa jalqabaa qofaan hektaara kuma 1 fi 756 misoomsinee callaa qamadii kuntaala kuma 33 fi 293 arganneerra jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, qonnaan bultoonni kuma 30 ol misooma kanarratti hirmaachuun fayyadamoo ta’aniiru. Gara fuulduraatti qamadiin of danda’uun fedhii biyya keessaa guutuu bira darbee sochii gara biyya alaatti erguuf taasifamu deggaruuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu obbo Aschaalaw dubbataniiru.
Guddinaa Asaffaatiin


