Jruuf Jireenya Jiraataa Baadiyaa Fooyyeessuun Uummata Bal’aa Biyyattii Hundeerraa Jijjiiruu Dha

Uummatni Itoophiyaa dhibbeentaa 80 caalu baadiyyaa keessa jiraata;irra caalaan  qoote bulaafi horsiisee bulaa dha.Qooteefi horsiisee biyya kan soorudha.Uummatni kun diinagdee biyyaattif hundeedha.Qootee bulaas ta’e horsiisee bulaan Itoophiyaa, yeroo nagaa misoomatti cichoomaadha.Yeroo biyy aggammii waraanaa keessa seente immoo adda waraanaatti argamuun birmadummaa biyyaa gootummaan tiksu. Hundee biyyaa kan ta’an qotee bulaafi horsiisee bulaan, hedduminaan jiruuf jireenyi isaanii  boodatti hafaafi rakkoo fayyaafi hawwaasummaaf kan saaxilame dha.Kun seenaa Itoophiyaa jaarraa hedduu lakkofsise dha. Jiraattotni  baadiyyaa biyyattii baroota hedduuf kan dagatameefi jiruuf jireenya isaa sirnaan jijjiruuf kan hin hojatamne ture. Qaamooleen siyaasaa hedduun qootee bulaafi horsiisee bulaa dahoo godhachuun  akka meeshaa siyaasaatti itti fayyadamuunis ni jira.Gandootni baadiyyaa biyyattii daandii gurguddoorraa fagoo dha.

Uwwisni bu’uuralee misoomaas xiqqaa dha;halli jireenyi isaas faffaca’aa dha.Bakka tokkotti wal ijaareefi waliin tumse rakkoolee isa mudatan waliin qoolachuuf carra hin qabu.Sababa kanaan qe’een qoote bulaafi horsiisee bulaa Itoophiyaa maraamartoo walwaraansa biyyattiin taasisfte hundaaf saxilamaadha. Rakkoolee diinagdeefi hawwasummaa hedduu keessa darbuuf ni dirqama .Kanarraa kan ka’e jiraatan baadiyyaa yeroo gara garaatti carraa argateen gara magaalotaatti baqata. Buqqaatiin Kun hundee diinagdee biyyattii buqqisa.Gara magaalaatti yeroo seenu hojii dhabdummaafi jireenya haaraatu isa mudata.Kunis Jiraattota magaalaa saffisiisuun magaaloota keessatti rakkoo diinagdeefi hawwasummaa ni fida. Uummatni biyyattii hedduminaan baadiyyaa keessa jiraatu jiruuf jireenya isa jijjiruuf imammaataafi tarsiimoo haaraafi kutannoo motummaa barbaada.  Bara Mootummaa Dargii qoote bulaafi horsiisee bulaa bakka tokkotti sassaabuun bakka jiranitti jiruufi jireenya isaanii jijjiiruufi bu’uuralee misoomaa dhiheessuuf yaaliin taasifamee, bu’aa gaariis fideera.Bakki uummatni baadiyyaa sassaabamee jiraachaa ture yeroo ammaa kana magaalaa  ta’anii jiru. Yaaliin kun yeroo ADWUI itti fufuu hin dandeenye.Yeroos xiyyeeffannon kan kenname uummata baadiyyaa bakka jiruutti bu’uuralee misoomaa guutuufiidha.

Hojiileen kunneen jiraataan baadiyyaa hedduun dhiheenyaatti daandii baadiyyaafi magaalaa qunnamsiisan akka argattu taasiseera.Mana barumsaafi manneen yaala dhiheenyatti argachuus danda’eera.Hojiileen kunneen jijjirama gurguddoo kan fidan ta’us  irra caalaa  uummata baadiyyaa waliin kan walsimatu miti.Ammas jiraattotni baadiyyaa hedduun bu’uuralee misoomaa gahaa hin qabani.Jiruufi jireenyi uummata baadiyyaa sirnaan jijjiruu hin danda’amne. Jiraataan baadiyyaa hedduun duuressas ta’e harka qalleessa, haalli jireenya isaanii walfakkaataafi boodatti hafaa dha. Rakkoo kana hundeen jijjiiruuf hojiin Koridarii Baadiyyaa jalqabame jijjirama guddaa fidu kan danda’u dha.

Koridariin baadiyyaa haala jiruufi jireenya uummata baadiyyaa hundee irraa kan jijjiirudha. Jireenya ammayyaa kan uumudha.Jiraataan baadiyyaa bakka jirutti bu’uura diinagdeesaa qonnaa irraa osoo hin buqqa’iin akka jiraatu ni taasisa.Jiraataa baadiyyaa bakka jirutti fooyya’ee akka jiraatuuf godaansa gara magaalotaatti ta’u kan biyya keessaa ittisuudha.

Walumaagalatti uummata baadiyyaa  jireenya isaa fooyyessuun, biyya keenyaaf fuullee haaraa kan fidu dha.Hojiin kun naannoolee muraasa keessatti jalqabameefi naannoolee biyyattii hundaa keessatti hojatamuu kan qabudha.Kana goochuf tarsimoo ifaafi abbantummaa uumu barbada. Hojii itti fufinsa qabu goochuuf imaammataafi tarsimoon deeggaruufi uummata bal’aaf hubbannoo uumu barbaada. Jiruufi jireenya jiraataa baadiyyaa fooyyeessuun uummata bal’aa biyyattii hundee irraa jiruufi jireenya isaa fooyyessuudha. Xiyyeeffannoon kennamee  hojjetamuu qaba.

 

Oduu

AMECO Hirkoo