Rakkoon nageenyaa hawaasa gidduutti yeroo uumamu jireenya uummataa qofa osoo hin taane hariiroo hawaasummaa, misoomaafi tasgabbii naannoo irratti dhiibbaa guddaa geessisa. Waldhabdeen yeroo dheeraaf itti fufu immoo miidhaa lubbuu namaa, qabeenyaafi wal amantaa hawaasaa irratti miidhaa cimaa uuma. Kanaaf rakkoo akkanaa mariifi araaraan hiikuun filannoo bu’a qabeessa ta’eefi tasgabbii hawaasaa eegudha. Waldhabdee hawaasa gidduutti muudate furuufi araarsuuf immoo gaheen jaarsolee biyyaafi abbootii amantaa olaanadha.
Aanaalee Bulchiinsa Sablammii Oromoo fi aanota ollaa Godina Shawaa kaabaa gidduutti yeroo garaa garaatti darbee darbee wal dhabdeen uumamaa tureera. Keessumayyuu wal dhabdeen Aanaa Arxummaa Fursiifi Antsookiyaa Gamzaa gidduuttis yeroo garaagaraatti walitti bu’iinsi hawaasaa uumamaa tureera. Waldhabdeen kunis lubbuu namaafi qabeenya irratti miidhaa geessisuun isaa ni yaadatama. Haa ta’u malee, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaafi hawaasni hirmaannaa taasisuun mariifi araaraan rakkoon kun akka tasgabbaa’uufi furamuuf hojii bal’aan hojjetamaa tureera. Sabootni olla Walii jiraatan kun teessummaa lafaan, hariiroo gaa’elaa, diinagdeefi hawaasummaa gargar bahuu hin dandeenye qabanidha. Walitti dhufeenya hawaasa lamaan gidduu yeroo sababa namoota dhuunfaafi qaamolee faayidaa dalgaa barbaadaniin boora’u iddoo duraatti deebisuuf jaarsolii biyyaafi abbootii amantaa gahee guddaa taphachaa jiru.
Jiraataan Aanaa Arxummaa Fursii Obbo Mahammad Umar akka jedhanitti, aanaan isaanii aanota godina Shawaa Kaabaa Ifiraataa Gidimiifi Antsookiyaa Gamzaan kan wal daangessan baroota dheeraaf waliin jiraachaa turuu eerun, jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantaa yeroo rakkoon uumamu ariitiin gidduu seenanii qaamolee walitti bu’an mariisisuun nageenya deebisuu keessatti gahee olaanaa bahachaa turuu dubbataniiru. Yeroo darban saamichi looniifi walitti bu’iinsi hawaasaa uumamee turuu ibsuun, marii jaarsoliifi gorsa abbootii amantaatiin tasgabbaa’ee hawaasni saboota lameenii waldhabdee namoota muraasaan uumamuun wal akka hin dhabne taasifamuu humu. “Nageenyi mootummaa qofaan hin eegamu; hawaasni hundi jaarsolii biyyaafi abbootii amantaa waliin ta’ee hojjechuu qaba. Yoo wal dhageenyee mari’anne rakkoon kamiyyuu furmaata argata,” jechuu hawaasni aadaa mariitin hojii nageenyaa irratti wal deeggaruun akka itti fufus gaafataniiru. Jiraatan kun akka jedhuutti, jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantaa gara fuulduraatti illee walitti bu’iinsa dura dhaabbatanii mariifi gorsa kennuun nageenya naannoo isaanii eegsisuu akka qaban dhaamaniiru.
Jiraataa Aanaa Arxummaa Fursii Sheh Mahammad Umar, nageenyi mana ofiirraa kan eegalu yoo ta’u namni kamiyyuu bahee galuuf hojii guyyuu isaa hojjachuuf akkasuma amantaa isaa gaggeeffachuuf nageenyi murteessaa ta’uu dubbatu. Yoo ollaan nagaa ta’e nutis nagaan jiraanna kan jedhan Sheh Mahammad, dhimmi nageenya aanoota ollaa isaanii aanaa isaanifis murteessaa ta’uu kaasaniiru. Nageenya naannoo isaanii eegsiisuuf hawaasni bal’aan, abbootin amantaafi jaarsoliin biyyaa hawaasa aanota ollaa aanichaa aanaa Antsookiyaa Gamzaa waliin nageenya waloo isaanii tiksuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Aanota kana lameen gidduutti waldhabdee uumamee tureen lubbuu namaaa gaaga’amuufi miidhaan qabeenyaa dhaqqabuu dubbatu. Waldhabdeewwan kanas karaa jarsolii biyyaatiifi abbootii amantaan bifa jaarsummaatin furuun qabeenya saamamee deebisiisaa turuu kaasaniru.
Nageenyi meeshaa namni itti qoosu osoo hin taane bu’uura waan hundaa ta’uu dubbachuun, namni kamiyyuu nageenya naannoo isaa eeggachuu hawaasa kamiyyuu kabajee jiraachuu akka qabu dhaamaniiru. Amantaan nagaa, araaraafi wal jaalachuu barsiisa kan jedhan Abbaan amantaa kun, kanaaf yeroo rakkoon uumamu qaamolee walitti bu’an walitti dhiyeessuun marii gaggeessuufi gara waliigalteetti akka dhufan taasisuun hojii isaanii isa ijoo ta’uu dubbataniiru. Hawaasnis gorsa jaarsoliifi abbootii amantaa fudhachuun hawaasa naannoo isaanii waliin nagaan jiraachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Abbaan Bokkuu bulchiinsa Sablammii Oromoo Obbo Adam Mahammad gamasaaniin, uummata aanota oollaa bulchiinsa isaanii waliin waggoota dheeraaf waliin jiraachaa turuu ibsaniiru, wal dhabdee hawaasa aanoota ollaa bulchiinsicha waliin muudatee ture karaa jaarsumaatii hiikaa turuu dubbatu. Akka isaan jedhanitti, qaamolee walitti bu’an osoo hin qoodiin wal dhageettiidhaan dhugaa irratti mari’achuuniifi dhiifamaan araarsaa turuu kaasaniiru.
Namni waliin jiraatu walitti bu’uun uumama ta’us jaaroliin biyyaa waldhabdeen karaa araaran akka furamu gochuuniifi kan miidhame haqa isaa baasuun beenyaa kennuufi kan miidhe immoo miidhaa dhaqqabsiiseef kaasaa akka kaffalu gochuun ga’ee manguddootaati. Jaarsoliin kan waldhabe lamaan gidduu galuun garee wal dhabe lachuuf abbaa ta’uun araarsu.Manguddootni Aanaa Arxummaa Fursii , Antsookiyaa Gamzaafi Ifiraataa Gidimis ga’ee isaanii sirnaan bahaachaa turuu namootni yaada isaanii nuuf qoodan ibsan.Jaarsummaan kan miidheefi miidhame rakkoo isaan gidduu jiru baasuun fuulduratti akka waliin jiraatan kan taasisedha.
Sabootni olla walii ta’an kun qofaatti gargar bahuun jiraachuu hin danda’an; dinagdeen isaanii wal irratti hirkataadha. Oomisha midhaanii, bu’aa beelladootaafi mi’eessituu kan bakka tokkotti oomishame gabaatti walirraa bituufi walitti gurguruun waliin jiraatu. Ooyiruu qonnaan qixxee waliif kennuun waliin oomishanii waliin jiratu.Oomishaafi oomishtummaa qofaan otoo hin taane hariiroo gaa’elaa cimaa kan qabaniifi amantaa walii waliif kabajanii yeroo gaddaafi gammachuu waliin dabarsu.
Jiraattoni Aanaa Arxummaa Fursii, Antsookiyaa Gamzaafi Ifiraataa Gidim yeroo balaan uumamaafi namtolchee isaan mudatu waliif dirmachuun walirraa qolachaa asga’anidha. Saboota wal malee jiraachuu hin dandeenye kana kanneen finxaalessitootaafi namoota bu’aa dalgaa barbaadaniin maqaa sabaan yakki yeroo raawwatamu jaarsoliin gidduu galuun haqa miidhamaa baasuun araarri akka uumamu taasisu. Jaarsoliifi abbootiin amantaa nageenya naannawichaa tiksuu keessatti ga’ee isaanii bahachaa as ga’aniiru.Nageenyi marii, waliigalteefi wal amantiin ijaarama. Kanaaf aadaa araaraa dagaagsuu, gahee jaarsolii biyyaafi abbootii amantaa cimsuun, akkasumas hawaasni hundi nageenyaaf mootummaafi qaamolee hawaasaa waliin ta’uun hojjechuun murteessaadha. Kun immoo walitti dhufeenya hawaasaa cimsuun misoomaafi jireenya tasgabbaa’aa uumuuf bu’uura cimaadha.
Moosisaa Fufaatiin


