Galchoo Qonnaa Yeroodhaan Dhiyaate

Diinagdeen biyya keenyaa dhibbeentaa 85ol kan ta’u qonna irratti hirkataadha. Qonnaa duddisuun diinagdee biyyaatti guddisuu irra darbee wabii midhaan nyaataan of danda’uuf murteessadha. Oomisha fi oomishummaa dabaluun biyya keenya soda midhaan nyaataa jalaa baasuuf mootummaan xiyyeeffannoo qonna ammayyeessuu irratti taasisee jira. Qonna ammayyeessanii wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf dhiyeessiin galchoo qonnaa murteessaadha.

Oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf dhiyeessiin galchoo qonna gahee oolaanaa qaba; xaa’oofi sanyiin filaatama yeroo sirriifi haala gaariin dhiyaachuun qonna ammayyeessuuf murteessadha.Aanaan Jiilee Dhummuugaas oomishaafi oomishtummaa dabaluuf kan isa gargaaru deegarsa ogummaa qonnaan bultootaaf taasifamuun cinaatti Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraa irraan dhiyeessii sanyii filatamaafi xaa’oo guuttachuun oomishaafi oomishtummaa qonnaa kan bara 2018/2019 milkeessuuf hojjechaa jira.Xaa’oofi sanyiin filatamaanaanichaaf dhiyaatan fedhii qonnaan bulaa irratti kan hunda’eefi haala qilleensa baramaa aanichaa waliin kan wal bare ogeessaan adda baafamanidha.

Jiraataan Aanaa Jiilee Dhummuugaa Obbo Aadam Jamaal “Oomishaa fi oomishtummaa qonnaa dabaluuf  galtee oomisha qonnaa dabalan kan akka xaa’oo,sanyii filaatamaa iddoo oolaanaa qabu” jedhan. Galchoowwan kun oomisha lafa tokkorra argamu dachaan dabaluudhaan diinagdee qonnaan bulaa fooyyeessuuf shooraa olaanaa qabu; kunis fayyadama isaa kan ogummaan deeggarame taasisuun murteessaadha. Oomishaafi Oomishtummaa dabaluuf qonnaa irra kaasee hanga sassaabbiitti karaa ammayyaafi tuteeffamaan gaggeeffamuun barbaachisaa akka ta’es ibsaniiru.

Akkaata itti fayyadamaa xaa’oo fi sanyii filaatama irratti ogeessota misooma qoonnaan hubannoon uumamuun immoo calla gaarii akka argataniif haala mijeessuufii dubbatu. Dabalatanis yeroo sanyii filataa fayyadamanii fi sanyii filatamaa hin fayyadamne garaagarummaan calla waan jiruuf calla gaarii argachuuf fedhiin sanyii filatamaa fayyadamuu dabalaa dhufuus himan.Sanyii filatamaa  fayyadamuun oomishni lafa dachaan dabaluu isaas himan.

Oomishaafi oomishtummaan qonnaa dabaluun jiruufi jireenya qonnaan bulaafi diinagdee guddisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Wajjiirra Misooma Qonnaa Aanaa Jiilee Dhummuugaa Obbo Abdalla Muusaa dubbataniiru.Hojii qonnaa milkeessuuf, bu’aa qonnaa irraa argamu dabaluuf dhiyeessiin qonnaa kanakka xaa’oofi sanyii filatamaa murteessaadha ta’uu ibsuun,rakkoo hanqinni

dhiyeessii galchoowwaan qonnaa kun kan waggoota  darbee irraa kan bara kana fooyyee qabaachuu isaas dubbataniiruu.Yeroo amma kana xaa’oo kuntalaa 619 gandoota aanichaaf rabsuus himan. Gama sanyii filatamaan wagga darbee keessa kuntaala 8 ture bara kana kuntaala 233 ol kan dhiyaateef, qulqullinni isaas amansiisaa ta’uus himan. Kan bara darbee irras fooyyee qabaachuufi haala qulqullina qabuun qotee bulaa bira gahuu isaas kaasaniiru. Oomishaa fi oomishtummaa dachaan dabaluuf carraqqiin qonnaan bulaan taasisuu kessatti Biiroon Qonnaa Naannoo Amaaraa dhiyeessii sanyii filatamaafi xaa’oo yeroo isaa eeggate dhiyeessaa jiraachuus himan.

“Oomishaafi oomishtummaa dabaluun karoora imala badhaadhinaa biyyi qabatte milkeessuuf qindoominaan hojjechaa jirra” jedhan.Dabaalatanis karooricha qabame galmaan gahuufis dhiyeessii galtee qonnaa yeroo isaa eeggate qonnaan bultootaaf dhiyeessaas jira jedhaniiruu.

Itti Gaafatamaan Qajeelcha Qonnaa Bulchiinsa Sab-Lammii Oromoo Obbo Jamaal …..akka jedhanitti, oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf  galteewwaan qonnaa fayyadamuun murteessaa ta’uu himan. Bara Ommishaa 2018/19 xaa’oo kuntaala kuma 40 qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf karoorfatanii, xaa’oo kuntaala kuma 45 fi 900 ol qonnaan bultootaaf dhiyeessuu  ibsan. Yeroo ammaas gara aanotaatti rabsaamuun qotee bulaa bira gahaa jiraachuu kaasaniiruu. Dhiyeessiin xaa’oo yeroo waqtii gannaa irra hafuun hanga oomisha jaallisiif akka gahutti kan dhiyaate; qotee bulaan yaaddoo malee akka itti fayyadaman kan taasisu ta’uu dubbataniiruu.

Sanyii filatamaan oomishaafi oomishtummaa guddisuuf dhiyeessi galchoo qonna keessa tokkodha. Sanyii filatamaa Bulchinsa sablammichaa barbaadu kan oomishaafi oomishtummaa qonnaan bultootaa dabalu kanneen akka: mishiingaa, boqqolloo, marraa, Maashoofi kan biroos qonnaan bultootaaf dhiyaachuu himan.Bara kana sanyii filatamaa kuntaala 2500 hawaasaaf dhiyeessuu isaanii itti gaafatamaan kun dubbataniiru. Kana malees  “sanyii yeroo gabaabaa keessatti gahuu kan akka Boqqolloo, Mishiingaafi kan biras kuntaalli 500 qotee bulaa bira akka gahu taasifneerra; akkaata itti fayyadamaa isaas haala gaariin ogeessa qonnattiin akka deeggaraman taasisneerra jirra” jedhan.

Qonnaan bultootni xaa’oo uumamaas ooyiruutti naquun itti gargaaramaa kan jiran ta’uus nuuf ibsaniiru. Bara Oomishaa 2018/19f  xaa’oon uumamaa yookiin kompostiin meetirkiyuubii kuma 45 fi 400 ol qophaa’a jirachuufi isa keessaa Meetirkiyuubiin kuma 21 ol ooyiruutti naqamuu ibsan. Snyii filatamaafi xaa’oo fayyadamuun tutteeffamaan yoo midhhaan facaafamee callaan guddachuu nidanda’a.Bara kana keessa lafa hektaara kuma 58 fi 800 tuteeffamaan misoomuufi qotee bulaan hojiitti kan gale tu’uu ibsuun dhiyeessii galchoo qonnaa kan akka xaa’oofi sanyii filatamaa naannoon yeroon dhiyeessuun bara Oomishaa 2018/19tti calla gaariin akka Bulchinsa Sablammichaatti kan eegamu ta’uus hima.

Geexee Gizaawutiin

Oduu

AMECO Hirkoo