Hongee dheeraa mudateen margaafi bishaan dhabamuu hordofee, ji’a darbe keessa kutaa biyya Ugaandaa Niyakaatonzii, Aanaa Kasesee keessatti loon gara kuma tokkoo du’an. Balaan hongee kun oomishtummaa aannaniis xiqqeessee jira, horsiiseebultoonni akka gabaasanitti oomishni aannanii guyyaa litira kuma afurtama ture gara litira kuma tokkootii gadiitti bu’eera; kunis jireenya maatiiwwan horsiisee bulaa irratti hirkatan yaaddoof saaxileera.
Dawwannaa dhiyoo taasifameen bakka oolmaa loonii keessatti taasifameen ji’a tokko booda kan dhihaate yoo ta’u, torbanoota lama keessatti loon gara 300 du’uun isaanii mirkanaa’eera. Hongeen waan itti fufeef loon dhibbaan lakkaawwaman biroo akka du’uu malan horsiisee bultoonni ibsaniiru.
Horsisee bultoonni du’a loonii kanaaf sababa guddaan beelaafi dheebuu akka ta’e dubbatan; maddeen bishaaniifi bakkeen dheedichaa loonii goguu waan itti fufaniif loon humna hin qabne jiraachuu akka hin dandeenyes yaada isaanii ibsaniiru. Horsisee bulaa kan ta’an Haam Natuhwaraa akka jedhanitti, hanqina nyaataafi bishaaniitiin kan ka’e horsiisee bultoonni loon isaanii baraaruuf qabsaa’aa jiru.”Bishaanifi nyaatni gahaa waan hin jirreef loon guyyaa guyyaan du’aa jiru. Kan dadhaban dura kufu,” jedhan Natuhwaraa. Hongeen kun oomishtummaa aannanii, kan kanaan dura maatiiwwan horsisee bulaa Niyaakaatonziitiif madda galii guddaa ture, akka malee gadi buuseera.Waldaan Hojii Gamtaa Horsiise bultoota Loonii Niyakaatonzii Dura-taa’aan isaanii Keeneet Muyaambii akka jedhanitti, horsiisee bultoonni oomisha isaanii duraanii keessaa xiqqoo qofa oomischaa jiru.
“Guyyaatti aannan litira kuma afurtama yookiin isaa ol oomishaa turre; garuu amma litira kuma tokkoo gadi argachaa jirra,” jedhan Muyaambiin. Margi baduun loon hedduu waan dadhabsiiseef, gatii gabaa isaanii gadi buusee horsisee bultoonni loon isaanii akka gurguran isaan dirqamsiiseera. Horsiseebultoonni akka jedhanitti, sa’a kanaan dura shilingii miliyoona 2 hanga miliyoona 3tti gurguramtus amma shilingii kuma dhibba tokkoofi kuma shantamaa gadiitti gurguramaa jirti.
Natuhwaraa akka jedhanitti horsisee bultoonni tokko tokko loon isaanii hongeedhaan akka hin dhumneef qofa gurguraa jiru; gatiin gadi bu’uun kun kufaatii isaanii irratti dabalata ta’eera.
“Sa’a shilingii miliyoona lama yookiin sadii nuuf kennuu danda’u amma shilingii kumadhibba tokkoofi kuma shantamaa gadiitiin gurguramaa jira. Ammas gatii gad bu’aan gurguruuf qonnaan bulaan fedhaa jiraachuu himan. Achiis bittaawwan har’as waliin dubbachuu barbaadu,” jedhan.
Horsisee bultoonni deeggarsa bishaaniifi margaa ariifachiisaa akka gaafatan isaan kakaaseera, bakka loon itti tikfaman akka mijatuuf hojjechaa jiraachuus himan.
Gargaaraa Koomishineeraa Aanaa Bukoonzo, Litineel Maate Magwaraa, horsiisee bultoonni hanga mootummaan furmaata yeroo dheeraa, dabalataanis ijaarsa kuufama bishaanii irratti hojjetutti obsaan akka eegan gaafatan. Horsiisee bultoonni lakkoofsa beeyladaa margaafi bishaan dhihoo jiru irratti waldorgomuu akka xiqqessanis gorseera.
Geexee Gizaawutiin


