Irreechi ayyaana galateeffannaa, araaraa, nagaa, waloomaafi tokkummaa kan uummata Oromoo biratti bakka olaanaa qabudha. Ayyaanni Irreechaa Uummatni Oromoo haala aadaa, safuufi dhuudhaa isaa eeggateen baroota dheeraaf kabajamaa dhalootaa dhalootaatti darbaa dhufeera. Yeroo ammaa Oromoo qofa osoo hin taane sabaafi sablammootni irratti hirmaachuun ayyaana waloomaafi tokkummaa isaanii ittiin ibsatan ta’eera.
Ayyaanni Irreechaa yeroo kabajamu uffannaa aadaan faayamanii, harkatti marga jiidhaa qabachuun, malkaa bu’uun yookiin tulluu ba’uun, haati siinqee, siinqee qabattee, caaccuu naqattee mareewoo, yaa mareehoo jechuun dura deemu. Abbootiin Gadaa bokkuu qabatanii, kallacha addatti godhatanii, Abbaa Duulaan marfamanii marewoo jechaa farfataa gara malkaatti bu’u. Shamarraniifi dargaggoonni sirbaa, taphacha, dhiichisaa yookiin jeekkaraa deemu.
Irreechi kutaalee biyyattii garagaraafi biyyoota alaatti kabajama. Bara kanas akka biyyaatti dhaadannoo “Irreecha Waliigaltee Biyyooleessaaf” jedhuun Hagayyaa 23fi 24 wal duraa duuban Hora Finfinneefi Hora Bushooftuutti kabajameera. Dargaggoota ayyaana kanarratti hirmaatan keessaa tokko kan ta’e dargaggoo Abdii Kumsaa Godina shawaa lixaa Aanaa Ejersa lafootti itti gaafatamaa gurmuu dargaggootaa Aanaa Ejersa Lafooti. “Irreechi anaaf ayyaana aadaa qofa osoo hin taane, ayyaana galateeffannaa, araaraa, nagaafi waloomaati” jedha. Ayyaanni bara kanas haala hoo’aafi dammaqina qabuun kabajamuu dubbata. Keessumaayyuu ayyaanichi mata duree “Irreecha waliigaltee Biyyooleessaaf” jedhuun kabajamuun isaa dhugumatti ayyanichi tokkummaa biyyaatiif bu’a qabeessadha jedha.
Abdii Kumsaa, ayyanicha irratti sabaafi sablammoonni hedduun hirmaachuu kaasuun, kutaaleen Oromiyaa garagaraas akka aadaa isaaniitti uffata aadaan fayyadamuun akkasumas, saboonni biroo akka aadaa isaaniitti uffata aadaan faayamanii argamuun isaanii ayyaanni Irreechaa kan saba Oromoo qofa osoo hin taane, kan sabaafi sablammii isa jechisiisaa jedha.
Dargaggoo Dajanee Baay’isaa, jiraataa Magaalaa Buraayyuu kan ta’e, Irreecha irratti hirmaachuun miira gammachuufi sabboonummaa itti uumuu isaa dubbata. Iddoo irreechaa kanattis namoota bakka garaagaraarraa dhufan waliin walbaruufi walitti dhufeenya isaa cimsuuf carraa argadheera jedhan. Irreechi ayyaana uummata Itoophiyaa maraafi turistoota biyya alaa iddoo tokkotti walitti qabuun miira jaalalaafi tokkummaa uummata keessatti uumuuf humna guddaa kan qabu ta’uus ibseera. Kanaaf dargaggoonni ayyana kana beeksisu keessaatti gahee isaanii bahachuun, aadaafi duudhaa isaanii dhaloota itti aanuuf dabarsuu akka qaban dhaameera.
Abbaa Bokkuu Bulchiinsa Sablammii Oromoo Obbo Adam Mahammad akka jedhanitti, Ayyaanni Irreechaa ayyaana amantaa osoo hin taane, ayyaana aadaa, duudhaafi eenyummaa ti jedhan. Duudhaan kunis dimokiraasiin dhugaa kan keessaatti mirkanaa’u mirga bilisummaa lammiilee kan eegu ta’uu ibsaniiru. “Irreechi ayyaana Oromoo qofa osoo hin taane, duudhaa nagaa, araaraafi waloomaa hawaasa keessatti dagaagsuuf gahee olaanaa kan qabudha” jedhan. Irreechi namoota garaagarummaa qaban walitti fiduun hariiroo hawaasummaa cimsuuf carraa bal’aa kan uumuufi duudhaa waloomaafi waliin jireenyaa dhalootarraa dhalootatti dabarsuu akka ta’es ibsaniiru.
Hirmaannaan sabaafi sablamootaa nageenyaafi tokkummaa mirkaneessuuf faayidaa qabaachuu eeruun, gaheen foollee nageenya ayyanichaa tiksuu akka ta’e dubbataniiru. Ayyaanni bara kanaas haala duudhaafi aadaa isaa eeggateen hirmaannaa sabaafi sablammootaa dabalachuun isaa tokkummaa uummattoota biyyaattii kan agarsiisudha jedhan.
Abbaa Gadaa Maccaa Warqinaa Tarreessaa gama isaaniin, Irreechi duudhaa Hawaasa Oromoo keessatti bakka guddaa kan qabu, nagaafi araaraaf bakka kan kennu ta’uu himaniiru. Oromoon bacaqii gannaa keessaa bahee yeroo booqaa birraatti seenu iddoo tokkotti walitti qabamuun waaqasaa galateeffata. yeroo ayyaanichi kabajamutti hirmaattoonni ayyaanichaa, “mareehooo, mareehoooo, mareehoo; alaa mana nuuf toli yaa aayyooleehoo; mareehoo, mareehoo, mareehoo; mee nutti araarami yaa aayyoleehoo,” jechaa haala namuusa qabuun sirni irreeffannaa akka gaggeeffamu ibsaniiru. Yeroo kanas Abbaan Gadaa eebbisuun, Haati Siinqee fuuldura bu’uun hirmaattoonni ayyaanichaa isaan hordofanii akka deeman dubbatu.
Ayyaanni kun barootaa dheeraaf uummata Oromoo qofaan kabajamaa turuu eeruun, yeroo amma kana saboonniifi Sablammoonni ayyaana kana irratti hirmaachaa jiraachuu himaniiru. Hirmaannaan kunis garaagarummaa jiru caalaatti wantoota hawaasa walitti fidaniif xiyyeeffannoo kennuun tokkummaa cimsuuf gahee qabaachuu ibsaniiru. Kunis tokkummaa, waloomaa, jaalala, hammattummaafi waliigaltee biyyaa uumuuf faayidaa guddaa qabaas jedhan.
Irreechi mallattoo nageenyaa, araaraafi dhiifamaati kan jedhan Abbaan Gadaa kun, Irreechi ayyaana aadaa biyyi keenya qabdu keessaa isa guddaa uummata biyya keessaafi alaa iddoo tokkotti walitti qabuudha jedhan. Irreechi caasaa sirna gadaa keessaa tokkodhas jedhan. Sirni Gadaa aadaa Oromoo qofa osoo hinta’in qabeenya guddaa biyyi keenya ittiin boontuufi UNESCO’tti hambaa kiliyyaa ta’ee galmaa’uun isaa turistoonni biyyoota alaa hedduun saganticharratti akka hirmaataniif carraa guddaa kan uumedha jedhan. Kunis turizimii biyyaa guddisuuf faayidaa guddaa qabas jedhan. Kanaaf dhaloonni amma jiru aadaafi duudhaa isaa tiksuun dhaloota dhalootatti dabarsuufi addunyaatti beeksisuuf gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.


