Gumaacha Dargaggootni Ijaarsa Sirna Dimokraasii Keessatti Qaban

Dargaggootni guddina siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa biyyattii keessatti gahee bakka bu’ummaa hin qabne akkuma qaban, hirmaannaa dameelee adda addaa biroo keessatti qabanis guddisuu akka qaban ni himama. Dargaggoota ijaarsa sirna dimokiraasii keessatti hirmaachisuun kabajamu mirga namoomaafi dimokiraasii keessatti gahee isaaniirraa eegamu akka bahatan taasisuun barbaachisadha.

Pireezdaantiin Ameerikaa duraanii, Abrihaam Linkool, dimookiraasiif ibsa yeroo laatan,”democracy is about Government of the people, by the people and for the people” jedhaniiru. Akka hiika isaaniitti, dimookiraasin bulchiinsa ummataati, kan gaggefamus uummataani, kan barbaachisuus uummataafi jechuudha. Galmi warraaqsiifi qabsoon sirna dimookiraasii uummataafi malee mootummaa tokko fonqolchuun garee biraan jijjiiruu hin turre. Kunis, maddi aangoo ummata ta’uu isaafi lammiin hunduu aangoo mootummaa keessatti hirmaachuudhaaf qooda qixa ta’e kan qabanidha. Biyyi keenya biyyoota sirna dimokiraasiitti bulan keessaa tokko taatus, mirga lammiilee ishee haalaan kabachiisuu keessatti ammallee hojiin bal’aan akka ishee hafu  ni ibsama. Lammiileen biyyattii mirgaafi dirqama isaanii kabajamee dhimma biyya isaanii irratti akka hirmaataniifi qooda qixa ta’e akka qabaatan taasisu keessatti rakkoon akka jiru ni himama. Lammiileen biyyattii keessa bakka barbaadan socha’anii hojjetanii jiraachuufi daldalanii bufachuuf yeroo isaan rakkatan illee ni mul’atu.Kun immoo mirgi namoomaafi dimokiraasiin sadarkaa barbaadamuun kabajamaa kan hin jirre ta’uu agarsiisa.

Yuunivarsiitii Baahir Daaritti barataa seeraa waggaa 4ffaa kan ta’e,  Alamaayyoo Abbulee, mirga lammiilee olaantummaadhaan kabachiisuu kan danda’u qaama mootummaa ta’us,”garuu mirgi keenya gaafa sarbamu  callisnee ilaaluun nurra hin jiraatu,  dhuunfa keenyarraa kaane mirga keenya kabachiisu qabna”jedheera. Mirgi namoota biroo yeroo sarbamus falmuuf qabna malee  boru nurra gahaa waan ta’eef dhaabbannee ilaaluun nurra hin jiraatu jedheera. Kanaafuu sirni ijaarsa dimokiraasii bu’uura akka qabaatu taasisuuf dargaggootni gahee guddaa taphachuu qabu jedheera.  “Namni bakka dhalateetti hin hafuu waan  ta’eef,  bakka socho’e hundatti mirgi isaa kabajameef nagaan akka jiraatu, bakka seerri dabuutti, bakka sarbamni mirga raawwatamutti, miira na galchaatiin falmuufi mirga namoota biroo kabachiisuuf hawaasni hunduu, keessattuu dargaggootni abdii biyyaa ta’an kutannoon hojjechuu qabna” yaada jedhu kenneera.

Yuunivarsitichatti, barataa seeraa waggaa 5ffaa kan ta’e inni biroo Bariitoo Daamxee, mirgoota namoomaa kan keewwata 14 hanga 28 jiraniifi mirgoota dimokiraasii heera biyyattii keewwata 29 hanga 44 jiran kabachiisuun biyya sirna dimokiraasiin itti dagaage, biyya guddatteefi dorgomaa taatee uumuuf, gahee lammii hundaa ta’uu qaba jedheera.

‘’Bakka mirgi namoomaafi dimokiraasiin hin kabajamnetti sirni dimokiraasii ijaaramee jira jechuun hin danda’amu’’ jechuun yaada isaa kaaseera. Kanaaf, yaada ofii ibsachuu, amantii fedhan qabaachuufi gaggeessuu akkasumas mirga gurmaa’uu yaadamuu kan danda’amu sirni dimokiraasii yeroo dagaagu akka ta’e ibseera. Kanaafuu olaantumaa seeraa kabachiisuun akkuma heera mootummaa Itoophiyatti, keewwata 9 muraa 2 jalatti kaa’ame dirqama lammii hundaati jedheera.

Haata’u malee haala biyya keenyaan yeroo ilaalamu, mirgi namaa tokko yeroo sarbamu, callisuufi qoosuun jiraachuu kan dubbatu barataan kun, yeroo mirgi namaa sarbamu inni tokko callisee kan ilaalu osoo hin taane, namni kamiyyuu mirga nama biraa bakka bu’ee akka gaafatu seerri biyyattii kan jajjabeessu ta’uu kaaseera. Sarbamni mirga namoomaa mootummaan yeroo raawwatamu, mirga heera mootummaa biyyattiitiin fayyadamuun lammiileen sarbamni mirgaa akka dhaabbatu hiriira nagaa bahanii gaafachuu akka danda’an seera bu’uura gochuun barataan kun ibseera. Dargaggootnis mirga nama biraa kabachiisuun dura ofii isaanii mirga nama biraa kabajuun dirqama isaaniiti jedheera.

Mootummaan mirga namoomaafi dimokiraasii kabachiisuuf dirqama sadii qaba jedha barataan seeraa Yuunivarsitii Baahir Daar kun. Inni tokkoffaan mootummaan ofii isaa mirga namoomaafi dimokiraasii dhala namaaf kenname kabajuu qaba kan jedhudha. Inni lamaffaan immoo mootummaan mirga namoomaafi dimokiraasii kabachisuuf dirqama qaba kan jedhu yoo ta’u, inni biraan immoo mirga namoomaafi dimokiraasii kanneen guutuuf dirqama qaba kan jedhu ta’uu ibseera.

Oromiyaa Isteetii Yuunivarsiitiitti daayireektaraafi gorsaa seeraa Abbaay Margaa, biyya tokko keessatti dimokiraasiin jira jechuudhaaf, hirmaachisummaafi itti gaafatamummaan jiraachuu qaba jedhaniiru. Sababa gahaa ta’een filannoofi hirmaannaa dhimmoota garaagaraa keessattis ta’uu danda’a hawaasni siyaasa dinagdee keessatti akkaataa seeraan logummaadhaan ala, amantaadhaan ala, sanyummaafi naannummaadhaan alatti hirmaachisummaan yoo jiraate dimokiraasiin biyya sana keessatti jira jechuu dandeenya jedhaniiru. Mirga namoomaa yeroo jennu, mirga nama kamiifuu haalaan, gosaan, amantaadhaan osoo adda hin bahiin mirga nama ta’uudhaan kennamuudha.

Mirgi dimokiraasii seeraan kabajame, seeraan utubame, kan hojiirra oolu ta’uu himaniiru. Kanaafuu bakka mirgootni kunneen sarbamanitti, bakka mirgootni kunneen hin kabajamnetti dimokiraasiin jira jechuun qoosadha jedhaniiru. Biyyattii keessatti mirgootni kunneen kabajamuu dhabuutiin rakkoo amma keessa jirruuf sababa dabalataa ta’uu dubbataniiru. ‘’Mirga lubbuun jiraachuu osoo qabdu, hin jiraattu jedhamte, mirga dubbachuu osoo qabdu hin dubbatiin jedhamte, mirga socho’uu kan uumamaan siif kenname osoo jiru hin sochootu, daangaa hin dabartu jedhamtee yoo kan rakkattu taate dimokraasiin biyya sana keessatti jira jechuun lammiitti qoosuudha jedhaniiru. Biyya sirni dimokiraasii hundaaf taatu ijaaruu keessatti namni kamiyyuu sadarkaa isaatiin, ijaarsa sirna dimokiraasii keessattiifi eegumsa mirga namoomaatiif gahee isaa bahachuu qaba jedhaniiru.

Mootummaan akka mootummaatti nageenya hawaasaa eeguuf dirqama qabaatus tumsi hawaasaa kan barbaachisu ta’uu eeraniiru. Keessattuu ijaarsa dimokiraasii keessatti dargaggootni gahee isaanii bahachuu qabu jedhaniiru. ‘’Dargaggeessi ol guddataa jiru, eegaree biyyattii kan murteessudha. Kanaafuu dargaggeessi beekaa, xinxalaafi ijaarsa sirna dimokiraasii keessatti mirga isaa beekee kan gaafatu, dirqama isaa bahuudhaaf waan dubbatame qofa osoo hin taane, seeraafi qajeelfama beekee kan qabsaa’uufi beekee kan deeggaru ta’uu qaba’’ jedhaniiru.

Alamuu Balaayiin

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo