Dargagootni Sirna Dimookraasii Hubbanoofi Hojiirra Olmaaf Kutannoon Qaban Ijaarasa Sirna Dimookraasii Itoophiyaaf Wabiidha

Sirni dimookraasii siyaasaa ammayyawaa fiduu keessati gahee guddaa taphateera. Yeroo jalqabaaf jechiifi hojiirra olmaan dimookraasii kan ibsame biyya Giriik magaala Ateensi jaarraa 5ffaa keessa ture. Dhalachuun dimookraasii jaarraa hedduu haa lakkofsiisuyyu malee, Itoophiyaatti ammayyu hidda hin godhanne. Hubbanno qabnurraa kan ka’e raawwii isaarrattis hedduu boodatti haafnee jirra. Biyyootni sirna dimookraasiin dagaagan, siyaasa ammayya’aa ta’e ijaaraniiru. Biyyi siyaasaan ammayyummaa fide jijjirama hawwas-dinagdee fiduun danda’ameera.

Biyyotnii Lixaa kanaaf waabbi dha. Biyyootni guddataa jiran hedduun garuu yaad-rimee sirna dimookraasii qabaatanis hojiirra olchuuf yeroo isaan rakkatan ni mul’ata. Kunis ijaarsa biyyaa keessatti guufuu ta’eera. Mootummaa tasgabba’aa ijaarunis hin danda’amne. Rakkolee jiran heeraafi seeran osoo hi taane humnaan raawwachisuuf ni deemama. Kunis hanga foonqolcha Mootummaa taasisutti ni gaha jechuudha. Adeemsi kun biyya tokkoo keessatti maraamartoo waraanaa, walitti bu’insa, jeequmsaafi hokkora ummuun biyyatti hundagaleessaan akka boodatti haaftu ni taasisa. Biyyoota rakkoo kanarraa hin baane keessaa Itoophiyaan ishe tokko dha.

Biyyattin seenaa ijaarsa mootummaa dheeraa qabaattus, hojiirra olmaan sirni dimookraasii ammayyuu gaaffi keessa jira.Itoophiyaan biyya dargaggoo dha. Hubbannoofi haala hojiirra olmaa dimookraasii dargagootni qaban ijaarsa sirna dimookraasii biyyattiif wabiidha. Dargaggotni Itoophiyaa jijjirama siyaasaa fiduu keesatti hirmaannaafi gahee isaan qaban olaanaadha. Kanas, kufaatii mootii Haayila sillaasee hanga wayyaaneetti kan arginee ta’us dimookraasii sirnaan ijaarun ammas rakkoo itti fufee jjru dha.

Dimookraasii ijaarun akka warraaqsa uumuufi jijjirama mootummaa fiduu wareegama lubbuu kan gaafatu miti. Dimookraasii ijaaruuf kan barbaadu hubbannoofi sirnaan raawachuu dha. Hunda caalaa fedhii uummataa kabajuu dha. Mirga namummaafi dimookraasii lammilee eeguu dha. pireezdaantiin duraanii Ameerikaa Abrihaam Linkoolin dimookraasii akkasitti ibsu “Democracy is about Government of the people, by the people and for the people” dimookraasiin bulchiinsa uummataati, kan gaggefamus uummataani, kan barbaachisees uummataafi jechuudhani kan isaan ibsan.

Galmi warraaqsiifi qabsoon sirna dimookraasii uummataafi malee mootummaa tokko fonqolchuun garee biraan jijjiruu hin turre. Dargaggotni Itoophiyaa yaad-rimee dimookraasiif hubbanno qaban hojiirra olchuun biyyaafi mootummaa tasgabbaa’e uummun hojii manaa osoo hin taane hojii daree ta’un irra jiraata. Dargaggotni ijaarsa sirna dimookraasii keessatti gahee isaani akka bahaatan immoo qaamooleen mootummaa sadarkaan jiran tumsa gochuun barbaachisaadha.

Oduu

AMECO Hirkoo