Maanguddoon ganna 66 waggoota 24 guutuu Ruwaandaa bulchaa kan turan Pool Kaagaameen filannoo pireezidaantummaa Ruwaandaatti taasifameen sagalee dhibbantaa 99 ol argachuudhaan marsaa afuraffaaf mo’achuu danda’aniiru. Bu’aan sagalee filannoo guutuu hin taane akka agarsiisutti, Pool Kaagameen sagalee kenname keessaa dhibbantaa 99.15 argachuu isaanii komishiniin filannoo biyyattii ifoomseera.
Akka ibsi komishinii filannoo biyyattii mul’isutti, sagalee dhibbantaa 0.53 argachuudhaan kan Kaagaameetti aananii lammaffaa ta’an kaadhimamaa paartii ‘Dimookiraatawaa magariisaa’ jedhamuun beekamu Firaank Habineezaa yoo ta’an, namni dhuunfaadhaan dorgoman Filiip Mipaayimaanaa sagalee dhibbantaa 0.32 argataniiru. Bu’aan kun kan mirkanaa’e erga lakkoofsi sagalee dhibbantaa 79 xumuramee booda ta’uun ibsameera. Kaadhimamtoonni Kaagaameedhaan morman lama himannaan kanaan duraa mana murtiitti irraatti dhihaate waan xumura hin arganneef akka isaan filannoof hin dorgomne abbaan murtii biyyattii dhorkee jira.
Mormituufi qeeqxuun Kaagaamee biraa Diyaan Riwiigaaraa immoo sababa hokkora kakaasuutiin akka hin dorgomne komishiniin filannoo biyyattii yeroo lammaffaadhaaf ugurri irra kaa’usa ibsameera. Bu’aan filannoo kun erga ibsamee booda pireezidaanti Pool Kaagaameen haasaa taasisaniin, “lakkoofsichi amantaa naaf kenname kan agarsiisuudha, kun immoo waan guddaadha. Rakkoowwan keenya hafan akka waliin taanee hiikkanu abdiin qaba” yaada jedhu kaasaniiru. Yeroo ammaa namni waggaa 66 Pool Kaagaameen filannoo akka lakkoofsa Awuroppaa bara 2003, 2010 fi 2017 taasifameen dhibbantaa 93 ol galmeessuudhaan kan mo’atan yoo ta’u, bu’aan filannoo ammaa kana boodde waggoottan torbaaf Pireezidaantii biyyattii ta’anii akka itti fufan kan isaan taasisudha. Bu’aan filannichaa guutuun akka lakkoofsa Awuroppaa Adoolessa 22 ifatti beeksifama jedhamee eegama.
Haaluma kanaan, filannoo marsaa kanaan lammiileen miiliyoona 9.5 ol dhibbantaa 98 Kaagameef sagalee kennuu danda’uu komishiniin Filannoo Biyyaleessaa biyyattii beeksiseera. Filattoonni kunneen filannoo kanarratti pireezidaanti Kaagaameefi qaama seera baastoota biyyattii 53 ta’aniif sagalee kennaniiru. Biyyattiitti filannoon teessoo addaa paarlaamaa dubartootaa, dargaggootaafi qaama miidhamtootaaf kennamu Kibxata dhufu ni gaggeeffama jedhamee eegama. Kaagaameen erga duguuggaan sanyii Ruwaandaatti raawwatameen booda akka lakkoofsa Awuroppaa bara 1994 gara aangootti kan dhufan yoo ta’u, bara 2000 booda pireezidaantii biyyattii ta’uun itti fufuun bulchaniiru.
Hoggantoota Afrikaa jijjiirama daangaa aangoo hordofuun yeroo aangoo isaanii dheereffachuun bulchan keessaa Kaagameen isa tokkodha. Duguuggaa sanyii bara 1994 booda saba miidhaa guddaaf saaxilame deebisanii ijaaruu isaaniitiin kan galateeffamanidha. Kaagaameen ‘hogganaa bilisummaa daangessuu’ jedhamuun falmitoota mirga namoomaan kan qeeqamaniifi deggartoota isaanii biratti ammoo diinagdee biyyattii guddisuufi wal qoqqoddaa sabaa hambisuun tokkummaa fiduu danda’uu isaaniitiin leellifamuun kan yaadatamanidha. Maddi: Aljazeeradha